October 23, 2017

Xinaxala Haala Siyaasa Adunyaa

Xinaxala Haala Siyaasa Adunyaa – Barruu barnoota hubannaaf dhihaate

Barruu gabaabaan kun haala addunyaa kan yeroo ammaa irratti hubannaa fi yaada walfakkaatu uummatnis ta’e qabsaa’otni oromoo akka qabaatan gargaara yaada jedhu irraa akka ta’e dursinee isin hubachiisuu feena. kunis hubannaa walfakkaatu qabaachuun ilaalcha walfakkaatu akka qabaannuuf murteessaa dha. Ilaalcha walfakkaatuu qabachuun ammoo nu ijaara. Qaama tokkicha, qalbii tokkicha, sammuu tokkicha akka qabaannu nu taasisa. Akeekni barruu kanaa haala akkasii aanjessuu irratti xiyyeeffata.

Haalli kamiyyuu yeroo irraa gara yerootti ni jijjiirama. Waan ta’eef, xiinxalli haala addunyaas yeroo irraa gara yerootti haarayoomuu qaba. Xiinxallis sadarkaa adda addaatti godhama. Gariin irra keessa qofa tuttuqa. Gariin ammoo gadi fageessee ilaala. Gariin dheedhii dha. Gariin ammoo irra bilchaataa dha. Waan ta’eef, xiinxala dheedhii bilcheeffacha adeemuun dirqii dha. Akeekni barruu kanaas xiinxala sadarkaa duraa dhiheessuu dha. Yeroo irraa gara yerootti itti deebinee bal’isaa, bilcheessaa fi gadi fagoo taasisaa deemna.mee egaa haala Gulana Lola Qabbanaawaa (GLQ)/post cold war waliin haailaallu. Yeroon har’a keessa jirru, baroota Gulana Lola Qabbanaawaa (GLQ – Post-Cold War) jedhamee beekama. Lolli Qabbanaawaan dhuma Lola Addunyaa Lammaffaa (1945) irraa jalqabee hanga bara 1989tti deemaa ture. Yeroo sanatti, addunyaan mooraa lamatti qoodamtee, mooraan lamaan walmormaa turan. Mooraan tokko mooraa Warra Dhihaa, kan USAdhaan (Amerikaniidhaan) hogganamu, ture. Mooraan lammaffaan, Mooraa Warra Bahaa jedhamee USSRn (Sovietiin) hogganama ture. Falammiin mooralee kanneen lamaan gidduutti deemaa ture ilaalcha-addunyaa (worldview) walfaallessan hordofuu keessaa madde. Warri Dhihaa sirna kapitalummaa (capitalism), kan ilaalcha-addunyaa liberalummaa (liberalism) jedhamuun masakamu turan. Leellisus turan. Sirna isaanii kana babal’isuudhaafis tattaafatu turan. Warri Baha sirna soshalummaa (socialism), kan ilaalcha-addunyaa Marksummaa-Leninummaa (Marxism-Leninism) jedhamuun masakamu, lellisu turan. Isaanis sirna isaanii kana addunyaa irratti babal’isuudhaaf tattaafatu turan.

Bara 1989tti falammiin moora kanneen lamaan gidduu ture kufaatii Warra Bahatiin/moora warra sosialimiin xumurame. Kufaatiin Warra Bahaa kufaatii ilaalacha-addunyaa Marksummaa-Leninumma ta’ee fudhatame. Sana booda ilaachi-addunyaa dhalli namaa ittiin masakamuu danda’u liberalummaa qofatti akka galetti fudhatame. Ilaachi-addunyaa liberalumma jedhamee beekamu sirna politikaa fi sirna ekonomy waldeggeran qaba. Sirni lachuu namtokkeedhaaf (individual) ilaalcha ol’aana keennan. Sirni politikaa inni utubu filmaataa namtokkeen godhatuun masakama. Murtii namtokkeen mata mataatti godhatantu sirna politikichaa diriirsa. Jechuun, filmaata irratti namtokkeen baala dhoksaa (secret ballot) sanduuqatti naquudhaan namaa fi yaada filatu. Murna, nama yokin yaada sagalee irra wayyaba argatetu injifata.

Sirni ekonomy liberalummaan horodofus akkasuma filamaata namtokkeen godhataniin masakama. kana jechuun, Murtii namtokkeen magaalaa (market) bahanii fudhataniin maal akka oomishamu murteeffama. Waan ta’eef, Imammata Ekonomii (Economic Policy) kan masakuu Dhiibbaa Magaalaan (Market Forces) uumuu malee humna biraa ta’uu hin danda’u jechuu dha. Keessattu, mootummaan (government) “ekonomyn akkasitti deemuu qaba” jedhee akka murteessu hin hayyamamuuf. Magaalaan sirnaan akka socho’uu taasisuu qofaaf waardiyyaa dhaabbata malee.

Wanti guddaa nama ajaa’ibu, har’a sirni politikaa fi ekonomy liberalummaadhaan masakamu guddaa jeeqamuu isaa ti. Ilaalchi-addunyaa GLQ injifannoo gonfate ofiifiyyuu hir’uu ta’ee mul’ate. Kasaaraa liberalummaa kana armaan gaditti gabaabsinee ibsina. Sababa kasaaruu liberalummaa kanaaf jecha addunyaan har’a ilaalcha-addunya-maleessa ta’ee argama.

Gaafa ABOn bu’ureeffame, Dhaabichi ilaalcha-addunyaa Marksummaa-Leninummaadhaan masakamuudhaaf murteeffate. Akka dhaabota biraa ilaalcha kana irratti guulaa (dogmatic) ta’uu baatus, ilaalcha-addunyaa ittiin haala keessa jiru xiinxalatu qaba ture. Dabalees, ilaalcha-addunyaa kana waan maxxanfateef, qabsoo sabaa fi kan gitaas wal faana deemsisuu saganteeffate. Baroota digdamman dabran keessa garuu, ilaalacha-addunyaa kamiin akka masakamu hin addeeffanne. Waan dhamaasuu guddisaa deemee keessa tokko hir’ina kana. Hir’ina kana osoo hin haffallessin of dura hiiquun hin danda’amu. Kun ammoo qeeqa liberalummaa gochuudhaan ilaalcha-addunyaa ol bahaa jiru hubachuu feesisa. Kunis gabaabaatti barruu kana keessatti ni tuttuqama.

Sirna Ekonomy Liberalummaa

Akkuma olitti ibsame, sirni kun magaalaadhaan ajajama. Waan ta’eef, qoodni mootummaan ekonomy masakuu keessaa qabu hedduu xiqqaa ta’uu qaba. Ummatni, biyyi fi walumaagala addunyaan kun waan ekonomy ilaalu irratti ajaja magaalaa fudhachuu qaba. Ol’aantummaan magaalaa kun har’a hojiidhaan saaxilamee jira. Dhibdeen sirna ekonomy liberalummaa kun kudhanoota (decades) hedduudhaaf kuufamaa turee bara 2007tti dhuka’e. Bara 2007tti bankiin Warra Dhihaa hedduun kasaaraa keessaa bahuu hin dandeenye akka seenan labsan. Rakkina kana furuudhaaf, mootummootni garii bankoota kasaaran kanneen dhuunfachuudhaaf (nationalize) gochuuf dirqaman. Liqii namtokkeen humna isaanii ol liqeeffataniin kasaaruu bankotaa maddisiisee. Motummootni ammoo bankotatti dirmachuudhaaf jecha liqii keessaa bahuu hin dandeenye keessa seenan. Warri duraan “motummaan sirna ekonomy keessaa harka isaa hadachaafatu” jechaa turan ofiifuu bankii dhaalutti tarkaanfatan.

Kanatti dabalee, dhibdeen biraas ifa bahaa dhufe. Warri Awropa eega ganna dhibba shan dura addunyaa kana keessa faca’anii ummatoota biraa samuudhaan duroomuu jalqabanii jalqabee karaa ekonomy ol’aantummaa qabaachaa turan. Baroota keessa jirru kana keessa garuu ol’aantummaan isaanii kun laaffatee jira. Humnoonni ekonomy duraan hin yaadamin ol bahaa jiran. Humnoota akkasii keessaa inni angafti China dha. Daddaffiidhaan dagaagaa adeemuun warra akka Chinafaa mataan isaa sirna ekonomy liberalummaa qeeqa. Chinan dagaaguu kan dandeesse magaalaadhaaf ajajamuu qofaan osoo hin taane, mootummaadhaanis masakamuu ekonomytiini. Oggaa ekonomyn China daddaffiidhaan guddachaa jiru kanatti ekonomyn biyyoota liberalummaadhaan masakamanii ammoo kufaa jira. Liqiin biyyootiin Dhihaa ittiin bankota isaanii dandamachiisuudhaaf liqeeffatan irra guddaan China irraa argame. Baroota dhibba shanan dabran keessatti haalli akkasii yeroo duraatiif mul’ate. Kun addunyaa keessa jirru kana eessatti geessuudhaaf akka deemu ammatti akeekuun rakkisaa dha.

Guddachaa Dhufuu Globaleessummaa

Kanatti dabalee dhibdeen biraanis jajjabaachaa dhufe. Kunis globaleessummaan sadarkaa haaraa seenuu isaa ti. Globalessummaan (Globalization) sagalee “globe” jedhamu irraa tolfame. “Globe” jechuun waan akka kubbaa suuraan kontinentoota (continents) irratti mul’ifamu. Lafti irra jiraannu kun kontinent itti aananitti qoodamti: (1) Afrika, (2) Asia, (3) Awropaa, (4) Amerikaa Kaabaa, (5) Amerikaa Kibbaa fi (6) ocenia(Awstralia fi newzeland). Waanti akka kubbaa bakka kontinentootni kun itti argaman mul’isu globe jedhama. Lafti irra jiraannu kun akka kubbaa naannoo ta’uun isee baroota dhibba shan dura hojiidhaan mirkanaawe. Yeroo sanatti warri Awropaa gama dhihaa bobba’anii karaa bahaa deebi’anii galuudhaan lafti naannoo ta’uu isee hojiidhaan mirkaneessan. Warri Awropaa kun lafa kana bakka hundaa gahanii qabeenya, beekumsaa fi dhala namaayyuu booji’uu jalqabuun isaanii sirna globalessummaatiif karaa bane. Har’a sirni globalessummaa sadarkaa duranii caalaa guddatee mul’ata.

Kana jechuun, wanti naannoo tokkotti dhalatu dafee addunyaa keessa faca’uu danda’a. Fakkeenyaaf dhukkubni duraan hin beekamne yoo Chinatti mul’ate guyyootii gabaabaa booda Amerikaa, Awropaa fi Afrikaatti mul’achuu danda’a. Rakkoon biyya tokkoo yeroo gabaabaa keessatti biyyoota biraas tuqa. Keessattuu yoo biyyi tokko diigamte dibdeen diigamuu biyya sana kun deemee dhibdee biyyoota biraas ta’a. Fakkeenyaaf, Afganistan faca’uun AlQaeda dhaaf akka iseen dahannoo taatu dandeessise. Kunis biyyoota akka Amerikaa faadhaaf madda dhibdee taanaan itti duuluudhaaf dirqaman. Somalian diigamuun doonii Garba Hindii keessa qaxxaamuraniif madda balaa ta’e. Kun cufti globalessummaan sadarkaa haaraa seenuu isaa mul’isa.

Globaleessummaan babal’achuun sirna politikaa gara garaa jijjiire. Keessattuu mirga of-bulchummaa (sovereignty) biyyootaa hedduu laaffise. Yaada mirga of-bulchummaa jedhu kana irratti bal’inaan barreeffamuu kan jalqabe Dhiha Awropatti. Kunis yeroo ol’antummaan nugusoota jabaachaa dhufetti ture. Nugusotni Awropaa Dhihaa aangoo hundaa of harkatti qofa galchuudhaan of-bulchaa qofa osoo hin ofiin-bulaayyuu ta’an. Biyya isaan bulchan keessatti namni yokin murni isaan mormu akka hin jiraanne taasisan. Hundi ajajaa fi murtii isaaniitiin ta’a. Dabalees, humni alaas tokkolleen akka isaan hin ajejne taasisan. Akkasitti of-bulchummaa isaanii gadi dhaaban.

Suuta qabsoon demokrasydhaaf godhamaa ture of-bulchummaa nugusootaa kana dhabamsiisee of-bulchummaa ummataa (popular sovereignty) bakka buuse. Kana jechuun, ummatni biyya tokkoo Heera ittiin buluu fi namoota isa bulchan dhiibbaa alaa tokko malee filata. Yeroo fedhettis jijjiiruudhaaf mirga guutuu qaba. Gaafa of-bulchummaa isaa mirkaneeffate irraa jalqabee mirga hiree murteeffanna isaas mirkaneeffata. Akka seeraatti, biyyi hundi walqixa mirga of-bulchummaa qaban. Kana jechuun, ummatni tokko murtii ofiif dabarfateen qofa masakama malee eenyullee alaa dhufee “akkas ta’i” jechuuniidhaaf mirga hin qabu. Waan ta’eef, biyyi walaba ta’e hundi walqixa of-bulchaa dha. Akkasis ta’ee, biyyootiin baayy’een takkaa mirga of-bulchummaa guutuu qabaatanii hin beekan. Mootummootni aanga’onni dhimma biyyoota hiyeeyyii fi xixiqqoo keessa seenanii “akkas ta’i” jechaanii turan, jechaas jiru. Globalessummaan babal’achaa dhufuun ammoo of-bulchummaa biyyoota aanga’ooyyuu laaffise. Akka duraanii murtii ofii qofaan deemuu dadhabaa jiru. Keessattuu karaa ekonomy murtii ofiitiin deemuun isaanii laaffatee jira.

Laafina kana waan ol kaase keessaa tokko wayyaawaa dhufuu meeshaa qunnamtii (communication) ti. Keessattuu, internet dha. Har’a warri maallaqa qaban, daqiiqaa gabaabaa keessatti maallaqa isaanii internetiidhaan biyya tokko irraa biyya biraatti godaansisuu danda’u. Kanaaf, yoo mootummaan tokko qaraxa ol-kaasuudhaaf marii jalqabee, maallaqni yeroo gabaabaa keessatti biyya sana irraa godaana. Sababa kanaaf, ekonomyn ajaja biyyoota aanga’oo jalaayyuu bahee sadarkaa globetti wal seenee argama. Waan ta’eef, dhibdeen ekonomy yoo biyya tokko mudate biyya sana qofa hin hubu, kan biraas ni tuqa malee. Fakkeenyaaf, laaffachaa dhufuun ekonomy Amerikaa fi Awropa Chinas ni yaaddessa. Yoo jarri kun hiyyooman namni waan Chinan oomishtu bitu ni dhabama. Kun ammoo guddachaa adeemu ekonomy China gufachiisa. Waan ta’eef, hegereen biyyootaa caalaa wal irratti irkatee jira. Kunis dhiibaa globalessummaan uumu keessaa qaama tokko.

Globaleessummaan jabaachaa dhufuun waan garii ni aanjessa. Waan gariitti ammoo danqaraa ta’a. Kanaaf, aanjaa fi gufuu kana osoo hin xiinxalle tattaaffii ofii shaffisiisuun rakkisaa ta’a. Tooftaa fi tarsimoos baafachuun hin danda’amu. Warri globaleessummaa lellisan ni jiru. Warri balaaleffatanis ni jiru. Akkasis ta’ee, jiraachuu globalessummaa ilaalcha keessa galchuudhaan sagantaa baafachuun dirqii ta’a.

Waan globaleessummaan guddaa guddise keessaa qabxii tokko kaassnee haailaallu. Kunis sochii hojii fi hojjata ti. Hojiin bakka humni namaa irra rakasni argamutti daddaffiidhaan godaana. Hojjataanis bakka mindaa irra wayyaa argatutti godaana. Akka kanatti namni fi hojiin haala duraanii caalaa daddaffiidhaan addunyaa kana irra sosso’aa jiran. Kun dhiibbaa haaraa adda addaa uumuu jalqabee jira. Fakkeenyaaf, gitn-giddugaleessi (middle class) biyyoota dureeyyii keessatti haphachaa akka deemu dirquutu mala. Kun ammoo sirna liberal demokrasy gita kana irratti hundaawe laaffisuutu mala. Dhibdee kun uumuudhaaf deemu ammatti tilmaamuun ni ulfaata. Garuu quba qabaachuun barbaachisaa dha.

Akka olitti tuqame, globalessummaan jabaachuun mirga of-bulchummaa biyyoota hundaa laaffisee jira. Haala kana jalatti, qabsoo hiree murteeffannaadhaaf geggeeffamu akkamitti ilaaluu qabna? Yeroo baayy’e bu’aan hiree murteeffannaa walabummaa gonfachudhaan mirga of-bulchummaa guutuu argachuu ta’ee hiikama. Egaa haala ammaa jalatti, mirga of-bulchummaa laaffachaa jiru kana keessatti hiika akkasiitti cichuu qabna? Moo hiika irra bal’aa kennineefii socho’uu qabna gaaffii jedhu oromoon ofgaafatuu qaba.

Sirna Politikaa Liberalummaa

Asiin olitti, hir’ina liberalummaan karaa ekonomy qabu gabaabsinee ilaalle. Amma ammoo, karaa politikaas hir’ina liberalummaan qabu gabaabsinee ilaalla. Akkuma duraan ibsame, demokrasyn liberalummaa (liberal democracy) namtokkeedhaaf ilaalcha ol’aanaa kenna. Akka ilaalcha demokrasy liberalummaatti, namtokkeen hundi walfakkaatu. Hawwi walfakkaatu qabanis. Waan ta’eef, liberalummaan garaa garummaa karaa saalaa (gender), amantii, aadaa fi afaanii namtokkeen qabaniif ilaalcha hin kennu. Ejjennaan demokrasy liberalummaa eenyummaadhaaf (identity) qabu kun baroota GLQ keessa hedduu qeeqamee jira.

Akka amantii demokrasy liberalummaatti, namtokkeen akka namtokkee qofatti filmaata politikaa godhatu. Akka sabaatti yokin murna hawaasaa biraatti hin ilaalaman. Akka kanatti yaaduus hin qaban. Ilaalchi liberalummaa kun warra afaan, aadaa fi amantii isaanii kan biyyaa taasisaniif loogee warra hafan cunqursa. Waan ta’eef, daba kanaaf aanja’uun liberalummaa filmaata irra wayyu barbaaduu dirqii taasise. Filmaatni har’a dhihaataa jiru demokrasy-marii (deliberative democracy) jedhama. Kun liberalumma wajjin waan garii irratti walta’a. Fakkeenyaaf, ol’antummaa murna wayyabaa (tyrannical majorities) mormuu irratti liberalummaadhaan walta’a. Garuu murnootni hawaasaa akka sabaatti, hordoftoota amantiitti fi akka murna hawaasaa biraatti ilaalamanii mirgi isaani kabajamuu qaba jechuudhaan liberalummaa irraa ni maqa. Waan ta’eef, filmaata irraa qooda fudhachuu qofa osoo hin taanee marii babal’aa fi dhaabbata irraa hirmaachuun namtokkees barbaachisaa ta’uu amana.

Waan jijjiirraa kana dirqaa jiru keessaa tokko deebi’ee ka’u mirga sabootaa ti. Kun biyyoota sirna demokrasy liberal iin bulaa jiran keessattillee ho’aa jira. Sabotni duran ukkaamamanii biyyoota akkasii keessa jiraachaa turan, GLQ kana keessa sagalee isaanii dhageessisuu jalqaban. Mirga isaaniitiifis falmachuu jalqaban. Biyya Britaniya keessaa warri akka Scotish fi Welsh mirga of-bulchuu, mirga afaanii fi aadaa isaanii babal’isuutiif falmaa jiran. Biyya Spania keessattis sabotni akka Katalan fi Bask jedhaman mirgoota kanneen gaafachaa jiran. Faransa keessattis warri akka Korsika gaaffii kanneen kaasaa jiran. Biyyootiin kun sirna liberal demokrasytiin akka bulan shakkiin hin jiru. Garuu isaan keessatti gaaffiin sabaa ka’uun sirni liberal demokrasy quubsaa akka hin taane mirkaneessa. Kanaaf warri mirkanaawuun sirna liberal demokrasy gaaffii sabootaatiifis deebii ta’a jedhan dhara dubbachaa akka jiran ifa baasa.

Fakkeenyaaf empayera Itophiyaa keessatti dhaabotni ejjennaa akkasii qaban danuu dha. Dhaabotni warra afaan Amaaraa dubbatuu irra guddaan ejjennaa akkasii qabu. Mirkanaawuun sirna liberal demokrasy gaaffii sabootaatiif deebii quubsaa ta’a jedhanii lallabu. Garuu biyyoota bar-dhibboota (centuries) hedduudhaaf sirna kanaan bulaa turan keessatti gaaffiin sabootaa ka’uun ejjennaan kun dhara ta’uu isaa akeeka. Gaaffiilee saboota akkasiitiif deebii argudhaaf yaadni duraan turan amma jijjiirama qunnamaa jiru. Isaan kanneen keessa ilaalchi demokrasydhaaf qabaatamaa ture tokko. Demokrasy sagaleen jedhamu sagalee warra Greek lama irraa tolfame. Kunis demo fi krasy dha. Demo jechuun ummata. Krasy jechuun ammoo bulchiinsa. Kanaaf, demokrasy oggaa jennuu bulchiinsa ummata jechuu dha. Sirna ummatni tokko ittiin of bulchuu jechuu dha. Akka ilaalcha liberal demokrasytti, ummata tokko qofatu biyya tokko keessa jiraata. Miseensonni ummatichaas afaan tokkicha, aadaa tokkichaa fi seenaa tokkicha waan qabaniif hedduu walfakkaatu.

Haala gaaffiin sabaa ka’u jalatti garuu afaan, aadaa fi seenaa tokkicha qabaachuun kun hin jiru. Waan ta’eef, ummatni biyya akkasii ummata tokkicha miti. Kana irraa ka’uudhaan har’a haala akkasii jalatti Ummatni biyya tokkoo ummatoota hedduu irraa tolfamuun akka malu fudhatamee jira. Biyyi Ummatni isaa saboota danuu irraa tolfame biyya sab-daneessa (multinational) jedhama. Biyyoota addunyaa kanaa keessaa wayyabni (majority) sab-daneessa. Haala Ummatni biyya tokkoo ummatoota danuu irraa tolfame jalatti demokrasyn sadarkaa tokko qofatti hojjachuu hin danda’u. Mirgi hiree murteeffannaas sadarkaa tokko qofatti hin dhandamamu. Mirgi of-bulchummaas akkasuma. Waan ta’eef, haala akkasii jalatti mirgi hiree murteeffannaa fi of-bulchummaa sadarkaa-daneessatti mirkanaawuu qaba. Sabni tokko birmadummaadhaan Heera ittiin bulu tumachuudhaan mirga hiree murteeffannaa isaa mirkaneessa. Saboota hafan wajjin akkaataa itti waliin jiratu irrattis yaada kennachuudhaan hiree murteeffannaa sadarkaa lammaffaa gonfata. Waan isa qofa ilaalu irratti birmadummaadhaan murtii dabarfachuu danda’uudhaan mirga of-bulchummaa isaa dhuunfata. Haala saboota biraa wajjin nagaadhaan fi kabajaadhaan jiraachuu isa dandeessisu irratti yaada kennachuudhaan mirga of-bulchummaa kan waloo dhuunfata. Kana godhuun faayidaa ni qaba. Waan gariitiif qaama politikaa irra xiqqootu tola. Waan biraatiif ammoo qaama politikaa irra guddaatu tola. Baroota sirni biyya-sabaa (nation-state) ol’aantummaa qabaachaa turetti, dhibdeen ilaalchaa argachaa hin turre. Biyyi-sabaa kamuu, guddatus xinnatus, waan hunda irratti murtii walfakaatu kennuudhaaf dandeettii fi mirga qaba. Haala hara mul’atu jalatti garuu sirni politikaa gama gara garaa harkifamaa jira. Oggaa sirnichi akka togoogoo (container) aadaatti hojjachuu kajeeluu gama xiqqaachuutti harkifama. Oggaa akka togoogoo ekonomyttti hojjachuudhaaf dirqamu ammoo gara guddachuutti harkifama. Biyyootiin, dhiibbaa waliif faallaa ta’an kanneen yeroo tokkichatti (simultaneously) qunnamaa jiru. Sadarka-daneessatti mirgoota hiree murteeffannaa fi of-bulchummaa dhandhamuu dirqaa waan keessaa sababni tokko dhiibbaan kana. Dhiibbaa kanaaf deebiin kennamuu qabu sirni xiqqaanis guddaanis akka waliin jiraatu aanjessuu dha. (The best of the small and the best of the large).

Dhiibbaan waliif faallaa ta’an kun biyyoota Gaafa Afrikaa keessatti akkaan mul’ata. Kanas gulana itti deebina.

Asitti garaagarummaan akka garaa garaatti of mul’isuu akka danda’u hubachuu qabna. Isaan kanneen keessaa garaagarummaa sabaa fi aadaa tuquu qabna. Biyyi saba tokkoo ol irraa tolfame, sab-daneessa ta’a. Sabootni kun haalaa nagaadhaan fi kabajaadhaan wal wajjin isaan jiraachisu irratti walta’iinsa irra gahuu qabu. Kunis bifa federeshina sab-daneessaa (multinational federation) fudhachuu danda’a. Naannoo sabni tokkicha keessa jiraatu keessa ammoo dhalli saboota biraa jiraachuun yeroo baay’ee ni mula’ta. Kun ammoo haala aada-daneessummaa (multiculturalism) uuma. Alagaan hawaasaa tokko keessa qubate sirna sabichii ittin bulu kabajuu qaba. Garuu akka namtokkeetti aadaa isaa tikfachuu yoo barbaade, ugguramuu hin qabu. Akkasitti garaagarummaa karaa sabummaa fi aadaa qabnu waliif kabajnee nagaa fi kabajaadhaan waliin jiraachuu akka dandenyu nuuf mijjeessa.

Dhumaa irratti ilaalchi akkasii mirga ambummaas (citizenship rights) ni ilaala. Dura ambaa (citizen) fi bulfamaa (subject) adda baafachuudhaan ha jalqabnu. Bulfamaan, akkuma sagalichi ibsutti, orma biraatiin bulfama. Waan ta’eef, mirga of-bulchummaa fi hiree murteeffannaa sarbamee jira jechuu dha. Ambatti haalli isa jijjiiruu danda’u mirgoota kanneen gonfachuu qofa. Mirgoota kanneen gonfachuudhaan mirgoota ambummaa isaa kabajsiifata. Bara liberal demokrasyn ol aantummaa qabaachaa tureetti mirgootni ambummaa sadan armaan gadii turan.

Mirgoota civik: isaan kun mirga yaada ofii ibsachuu, mirga amantii fedhan hordofuu, mirga seera duratti walqixxummaa qabaachuu, dhorkamuu sababa saalaa (gender), sanyi yokin dhalootaatiif balfamuu, fi namummaan keenya kan hin tuqamne ta’uu ti.

Mirgoota politikaa: isaan kun ammoo mirga filuu fi filamuu, mirga walgahuu, ijaaramuu fi odeeffannoo argachuu ti.

Mirgoota hawaasummaa: isaan kunis mirga hojii argachuu, mirga walqixa carraa qabaachuu, mirga wallaansaa fi barnoota argachuu qabaachuu hanga qabeenyi biyyichaa dandeessisutti.

Bara GLQ amma keessa jirru kanatti ammoo mirgootni itti aanan lamaan dabalamuudhaan mirgootni ambummaa mirkaneessan bal’ifaman.

Mirga afaan ofiitti fayyadamuu

Mirga aadaa ofii tikfachuu fi dagaagfachuu

Mirgoota shanan kanneen keessaa tokkolleen faalleffamuun mirga ambummaa hir’isa. Kun Itophiyaa keessatti falammii akkamii kaasaa akka jiru gulana itti deebina. Har’aaf nagaatti.

Comments are closed.