October 23, 2017

Xiinxala Haala Gaanfa Afrikaa

Xiinxala Haala Gaanfa Afrikaa – Haala siyaasa Gaanfa Afirkaa hubachuuf akka ta’utti barruu qophaawe.

Godinaan Gaanfa Afrikaa jedhamee beekamu Sudan, Sudan Kibbaa, Eritrea, Djibouti, Somaliland, Somalia hafee fi Itophiyaa hammata. Boodana keessa Kenya fi Ugandas itti dabaluun ni jira. Garuu xiinxala keenya kanaaf jara boodanaa lamaan dabaluun faayidaa waan hin qabneef Gaanfa Afrika akka duraan beekamutti fudhanna. Godinaan kun Gaanfa warseessaa waan fakkaatuuf Gaanfa Afrikaa jedhamee mogGaanfame. Godinaa kana haallan walitti hidhan danduu dha. Keessattuu haalli politikaa biyyoota kanneen keessaa tokko keessatti dhalatu warra hafanis ni tuttuqa. Caalaatti ammoo wanti biyyoota ollaa isee keessatti dhalatu Itophiyaa ni tuttuqa. Sababni isaas ifaa dha. Itophiyaan walakkeessa Gaanfa Afrikaatti waan argamtuuf biyyoota hafan hundaa ni daangessiti. Dabalees sabootni naannoo daangaa iseetti argamanis biyyoota ollaa keessas ni jiraatu. Affaarotni Eritrea fi Djibouti keessatti ni argamu. Ummatni afaan Tigrinyaa dubbatu Eritrea keessas jira. Warri afaan Somaali dubbatus Djibouti, Somaliland, fi Somalia hafe keessatti ni argamu. Anyuwak fi Nuer akkasumas Sudan Kibbaa keessatti ni argamu. Waan ta’eef, haalli Itophiyaa keessatti dhalatu biyyoota ollaattis cehuun ni mala. Akkasumas haalli biyyoota ollaa isee keessatti dhalatus Itophiyaa tuttuquu danda’a.Akkuma Itophiyaan walakkeessa Gaanfa Afrikaatti argamtu, Oromiyaanis walakeessa Itophiyaatti argama. Sababa kanaafis, Oromiyaan qubsuma saboota Itophiyaa wayyaba wajjin daanga qaba. Waan ta’eef, haalli saboota kanneen keessatti dhalatu Oromoos tuttuquu danda’a. Kanaaf, waa’ee politikaa Itophiyaa oggaa yaadnu, kan Gaanfa Afrikaas ilaalcha keessa galchuudhaaf dirqamna. Akkasumas, waa’ee politikaa Oromoo oggaa yaadnu kan saboota ollaa isaas ilaalcha keessa galchuun dirqii ta’a. Dabalees, ilmaan saboota Itophiyaa keessa jiraatanii kan Oromia keessa hin jiraanne jira hin fakkaatu. Waan ta’eef, saboota Itophiyaa keessa jiraatan keessaa kan waa’ee hegeree Oromoo irraa yaaddoo hin qabne jira hin fakkaatu. Oromoonis akkasuma hegeree saboota hafanii irratti ejjennaa ifaa fi qajeelaa qabaachuun dirqii dha. Xiinxalli kun hundee yaada akkasii akeekuudhaaf carraaqa.

Xiinxala kana keessatti haallan biyyootaa fi ummatoota Gaanfa Afrikaa walitti hidhan walhubachiisuudhaaf carraaqna. Akkaataan biyyootiin godinaa kanaa itti dhalatan kan walitti isaan hidhu ta’uu walhubachiifna. Dhibdeen biyya tokko keessatti dhalatu amala biyyoota hafanis tuttuquu akka qabu ilaalla. Hegereen sabootaa biyyoota godinaa kanaa addatti ilaalamuu akka hin danda’amne hubanna.

Akkaataa Biyyotni Gaanfa Afrikaa Itti Dhalatan

Gaanfa Afrikaa godinoota Afrikaa hafan irraa wanti adda isa taasisu kan duraa naannoo kana irratti empayerummaa ijaarrachuudhaaf humni kajeelee kan alaa dhufe qofa osoo hin taane, keessa isaatiis kan madde jiraachuu dha. Naannoo Gaanfa Afrikaa guutummaa isaa irratti empayera ijaarrachuudhaaf kan humni hunda dursee sosso’e Masir (Egypt) ta’uu yaadachuun gaarii dha. Masir irra guddaa lafa Sudan eega dhuunfatee booda, qarqara Eritreas seenuu fi Zayilas dhuunfatee bahaa Oromiyaa seenuudhaan Harar booji’e. Kajeellaan Masir kun kan Habashootni qabaniin walfaallomsuu jalqabe. Habashootni, dura hogganummaa Yohannis jalatti booda kan Minilik jalatti, naannoo Masir dhuunfachuu kajeelaa turte kana kaadhimachaa turan. Kunis walitti bu’iinsa humnoota lamaanii dirqii taasise. Humni Masir yeroo lama humna Yohannis wajjin wal lolee injifatame.

Lola Habashaa wajjinii kana geggeesuudhaaf, mootummaan Masir Sudan irratti karaxa guddisuudhaaf dirqame. Kun ammoo fincila Mohammed Ahmed (kan Madhi of moggaase) qabsiise. Fincilli Mahdiidhaan hogganamuu kun yeroo gabaabaa keessatti humna Masir irratti injifannoo gonfatee Sudan keessaa baase. Dhiibbaa dhalate kana irraahis, Masir humna isee Eritrea, Zayilaa fi Harar ture dhachaasuudhaaf dirqamte. Yeroo duraatiif haalli Godinaa Gaanfa Afrikaa keessaa naannoo tokkotti dhalatuu naannoo hafanis tuquu akka danda’u mirkanaawe. Kunis hanga guyyaa har’aatti itti fufee jira.

Yeroo kun ta’aa turetti Godinaan Gaanfa Afrikaa tarsimaawaa ta’uu isaa irraa humnoota Awropaatiinis guddaa kajeelamaa ture. Waan godinicha tarsimaawaa keessaa inni guddaan saaqamuu kanala Suezi (Suez cannal). Sana irraa eegalee hanga guyyaa har’aatti Garbi Diimaan tarsimaawaa ta’ee jiraata. Sababa kanaaf, humnoonni Awropaa sadii naannoo kanatti kolonii qabaachuudhaaf wal dorgomuu jalqabu. Isaanis: Brixaniyaa, Faransaa fi Xaliyaanii dha. Jarri kun hundi naannoo Gaanfa Afrikaa guutummaa dhuunfachuudhaaf kajeelu turan. Kanaaf akka karaa isaaniif saaquuf naannoo adda addaa dhuunfachuu jalqaban. Xaliyaaniin, akkuma humni Masir Eriterea lakkiseen, bakka isaa buutee naannoo Massawaa dhuunfatte. Dabalees, Banadiris (naannoo Mogadishoo) dhuunfatte. Dachee bakka kanneen lamaan gidduu jiru guutummaa dhuunfachuudhaafis akeekkatte. Faransaanis Djibouti har’aa qabachuudhaan achi irraa hanga Atlantikitti dhuunfachuudhaaf akeekkatte.

Yeroodhuma kanatti Godinicha keessaa humni ka’aa jiru, kan Habashootaa, naannoo warri Awropaa kajeelaa turan kana hundaa dhuunfachuudhaaf yaadaa turan. Dura Yohannis jalatti boodas Minilik jalatti yaada akkasii labsaa turan. Humnootii Awropaa kanneen hunda keessaa kan dheebuu dachee guddaa qabaachaa turte Xaliyaanii dha. Kan duubaa isee jajjabeesaa ture ammoo Brixaniyaa dha. Brixaniyaan kan kana gochaa turteef, masaanuu isee, Faransaa, hubuudhaaf ture. Oggaa kana irraa kaanee ilaallu lafti humnootiin hundi qabatanii yeroodhaaf qofa ture. Achi irraa ka’anii godinicha guutummaa dhuunfachuudhaaf akeekkatu turan. Moototni Habashaa biyya of harkaa qaban qofa osoo hin taanee lafa hanga Garba Hindii gahuu hundaa kaadhimachaa turan. Akkuma duran jedhame, Xaliyaaniinis lafa Eritrea fi Banadir gidduu jiru hundaa dhuunfachuu kajeelti turte. Faransaanis Djibouti irraa ka’uudhaan irra guddaa naannoo Habashootni fi Xaliyaanin kajeelanii kana hundaa dhuunfachuudhaaf kajeelti turte. Hundi isaaniituu lafti of harkaa qaban akka gahaa hin taane amanu turan. Haalli kun hanga guyyaa har’aatti itti fufee jira. Kanatti booda itti deebina.

Lola Keessaa fi Alaa

Yeroodhuma kanatti amalli hanga har’aa jiru tokko of mul’isuu eegalee. Sunis dorgommiin keessaa fi alaa waldeggeruu isaa ti. Kanas hubachuudhaaf waan Yohannis fi Minilik gidduutti ta’aa ture walyaadachiisuun ni gaha. Oggaa Xaliyaaniin qarqara Eritrea dhuunfachuu jalqabdetti mootiin Habashootaa Yohannis ture. Kajeellaan Xaaliyaaniin lafa Massawaa fi Banadir gidduu jiru dhuunfachuudhaaf qabdu Yohannis fi isee gidduutti lolli kan hafne taasise. Yeroo kanatti Minilik fira Xaliyaanii ta’ee gargaarsa irraa argachaa ture. Diina keessaa injifachuudhaaf diina alagaa firoomfachuun akkasitti jalqabee hanga guyyaa har’aa gahe. Yohannis yeroo tokko Xaliyaanii, yeroo kaanis Darbushoota Sudanii oggaa lolaa ture, Minilik yoo xiqqaatee itti dirmachuu irraa of qusataa ture. Kana bira dabree Xaliyaanii firoomfachaa ture. Yohannis, lola addaan hin citne geggeessaa jiraatee, dhuma irratti humna Darbushotaatiin galaafatame. Akkuma kun ta’een meeshaa waraanaa Xaliyaaniifaa irraa argachaa turetti fayyadamee Minilik mootummaa Habashaa dhuunfata. Yeroo kanatti ture kan Xaliyaniin baddaa baatee kolonii Eritrea jedhamuu bu’ureffachuu isee labsite.

Xaliyaaniin lafa Eritrea fi Banadir gidduu jiru dhuunfachuudhaaf kajeelaa akka turte olitti tuqnee jirra. Kanas yoo barbaachisee loltee Minilik injifachuudhaan yokin sossobbachuudhaan hojii irra oolchuu yaaddi ture. Dura sossobbachuudhaaf jecha Walta’iinsa tokko Wucaalee bakka jedhamutti wajjin mallatteessite. Walta’iinsi kun afaan Amaaraa fi Xaliyaaniitiin barreeffame. Akka inni afaan Xaliyaaniitiin barreffame ibsutti, Xaliyaaniin waan hariiroo diplomasy ilaaluu irratti bakka Itophiyaa buutee dubbachuu akka dandeessu ibsa. Jechuun empayerri Minilik Protectorate Xaliyaanii akka taate ibsa. Kan afaan Amaaraatiin barreeffame irra kun akkasitti hin kaa’amne ture. Kunis Xaliyanii fi Minilik gidduutti waldhabbii uume. Waldhabbiin ho’aa adeemee lolli akka hin hafne beekamaa ta’e.

Yeroo kanatti kan Minilik firoomfatee akeeka Xaliyanii kana fashalsiisuu irratti hojjachuu jalqabe Faransaa ture. Faransaan ofiif qofa osoo hin taane, Russiallee dabalattee Minilikiin hidhachiisuu irratti bobbaate. Meeshaan Minilik haala kanaan argachaa tures Lola Adwaa irratti akka inni Xaliyan injifatu taasise. Kun ta’uun koloneeffatotaa Awropa guddaa rifachiise. Injifannoon kun ummatoota Afrikaa hafanis hamilchiisuutu mala jedhanii yaadda’an. Keessattuu Brixaniyaa guddaa rifachiise. Lolli Adwaa akka dhumateen Brixaniyaan humna Darbushotaatti duultee Sudan deebiftee dhuunfachuudhaaf murteessite. Dabalees, Minilikitti nama erguudhaan akka empayera isaa beektu hubachiisudhaan damboobsite. Dorgommiin humnoota Awropaa gidduutti yeroo kanatti deemaa ture empayera Itophiyaa waaraa taasisuudhaaf sababa jabaa ta’e. Kanatu empayericha jiraachise malee humnoota Afrikaa hafan caalaa Habashootni jagnaa fi walqabataa ta’anii miti. Har’as empayericha jirachiisuudhaaf qoodni humnoota Dhihaa murteessaa dha.

Yeroo kanatti Xaliyaniin kolonii lama qabdi: Isaanis Eritrea fi Italian Somaliland. Brixaniyaan Sudan fi British Somaliland koloneeffatte. Faransaan kolonii bicuu French Somaliland jedhamtutti ittifamtee hafte. Gannoota 1950a keessa kolonii kun garii walabummaa gonfachuu jalqabu. Dura kan walaba bahee Sudanii dha. Hafurri bilisummaa kun empayera Itophiyaa guddaa yaaddesse. Sabootni koloniiwwan kanneen keessatti argaman empayericha keessattis ni argamu. Kanaaf, hafuurri bilisummaa salphatti empayericha keessattis bubbisuu akka malu ifaa ture. Kana hanqisuudhaaf, mootummaan Hayila Sillaasee kolonii kannen garii dhuunfachuudhaaf tattaaffii jalqaba. Eritrea gargaarsa USAtiin dhuunfachuu irratti milkaawa. Garuu biyya Somalotaa dhuunfachuu irratti hin milkaawin hafe.

Bal’achuu fi Dhiphachuu Biyyootaa

Kun hanqachuun yaaddoon mootummichaa akka dhugoomu taasise. Somalonni Brixaniyaa fi Xaliyaniidhaan koloneeffatamanii turan akkuma walabummaa isaanii gonfataniin tokkoomanii naannoo Gaanfa Afrikaa Somaloonni irra qubatan hundaa dhuunfachuudhaaf akeeka akka qaban labsan. Kanaaf, Somalian yoo Djibouti, Baha Empayera Itophiyaa fi Kaabaa Kenya hin dhuunfatin h’ir’uu taatee akka haftu walhubachiisan.

Sabni Somalee hundi biyya tokko jalatti dhuunfatamuu akka qabu amanan. Kana guuttachuudhaafis, lafa-babal’ifachuu akeeka taasifatan. Oggaa Somalonni babal’ifannaa lafaa kana kajeelaa turanitti Sabni Somaliyaa keessatti argamu tokko ammoo bulchiinsa Somalotaa jalatti kufuu irraa yaaddoo qaba ture. Sunis ummata Rahanweyn ture. Jarri kunis yoo xiqqaatee Somaliyan akka federeshanitti akka caaseffamtu Gaanfachaa turan. Biyya babal’achuu kajeeluun fi ofiifuu kan biyyicya irra adda bahuu kajeelu jiraachuun yeroo sanaa jalqabee hanga guyyaa har’atti itti fufee jira.

Fakkenya lammaffaa kaasuudhaan qaxbii kana gadi jabeessina. Xaliyaniin oggaa Itophiyaa ganna shaniif bulchite Tigray Eritreatti dabaltee bulchaa turte. Oggaa sirni bulchiinsa Xaliyan buqqifameetti humnoonni Eritrea garii Tigray qaama Eritrea taatee akka turtu dhiibbaa gochaa turan. Yeroodhuma sanatti sabni Beni Amer ammoo Eritrea irraa adda bahuudhaaf tattaafachaa ture. Fakkeenya akkasii kanneen biraas kaasuu dandeenya. Biyyoota Gaanfa Afrika danuu keessatti “biyya kiyya” waan jedhamu irratti falammiin akka jiru hubanna. Waldhabbiin kana irraa madde dhiibbaa gara garaa maddisiise.

Mirga Hiree Murteeffannaa

Dhiibbaa kanneen keessaa inni angafti gaaffiin hiree murteeffannaa ka’uu isaa ti. Waan Godinaa Gaanfa Afrikaa godinoota Afrikaa hafan irraa adda taasisu keessaa qaxbiin angafti ka’uu gaaffii kanaa ti. Biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa kan gaaffii kana hin keessummeessine hin jiru. Mirga hiree murteeffannaa gonfachuudhaaf biyyoota Gaanfa Afrika hunda keessatti qabsoon hidhannoo geggeeffamaa ture. Har’a geggeeffamaa jira. Qabsoon kun garii milkiidhaan xumuramanii jiru. Kan Eritrean geggeessaa turte, walabummaa Eritrea dhugoomsuudhaan bara 1993 keessa xumurame. Kan warri Sudan Kibbaa geggeessaa turanis walabummaa Sudan Kibbaa dhugoomsuudhaan bara 2011tti xumurame. Walabummaan biyyoota kanneen lamaanii addunyaadhaan fudhatamee jira. Kan fudhatama akkasii hin argatin hafe biyyi walabummaa labsate sadaffaanis ni jira. Kunis Somaliland dha.

Haala Somaliland booda itti deebinee ilaalla. Ammaaf kan Eritrea fi Sudan Kibbaa wajjin ha turru. Biyyootni kun lamaan walabummaa gonfachuun keessa isaaniitti fi isaanii fi olloota isaani gidduutti nagaan ni bu’a jedhamee hawwamaa ture. Haala har’a jiru yoo ilaalle garuu keessa isaanii nagaan hin jiru. Isaanii fi olloota isaanii garii gidduus nagaan hin jiru. Eritrea keessaa humnootni maqaa Kunamaa fi Affaariin sosso’aa jiran ni jiru. Sudan Kibbaa keessas sabootni hacuuccaa Dinkaa mormuu himatanii sosso’aa jiran ni jiru. Eritrea fi olloota isee hundaa gidduuttis waldhabbiin yeroo adda addaatti ka’aa ture. Sudan Kibbaa fi Sudan gidduus waldhabbiin itti fufee jira. Kanaaf, walabummaa gonfachuun ummatoota mirga hiree murteeffannaatiif qabsaawaa turan waan fayyade hin qabu. Nagaan hin buufneef. Mirga ambummaa hin dhandhamsiifne. Sadarkaa itti gaaffiin mirga hiree murteeffannaa ka’utu jijjiirame malee, gaaffichi deebii hin arganne.

Moyxannoon Somaliland faallaa kanaa ti. Gosootni Somaliland keessatti argaman Isaaq, Gadabursii, Dhulbahantee fi kanneen xixiqqoo hafan biraa ti. Isaan kana keessaa guddichi Isaaqi. Akka mootummaan Siad Barree garagaleen gosoota kanneen hundaa gidduutti lolli belbele. Dabalees, Isaaqotni ofiifuu adda babahanii wal lolan. Lola kana dhaamsuudhaaf, idda bu’ootni gosoota hundaa kora ji’oota baayy’ee fudhate dhugoomsan. Kora kana irratti Heera ittiin nagaadhaan waliin bulan tumatan. Heerri kun haala kanaan tumamuun nagaan akka bu’u taasise. Hanga har’aattis Somaliland keessa nagaan ni jira. Aangoon politikaas yeroo lamaa sadi filmaata dimokraatawaa ta’een humna aangoo irra ture irraa kan biraatti dabruu danda’ee jira. Godinaa Gaanfa Afrikaa keessaa biyyi dimokraatawaan Somaliland qofa jechuu dandeenya. Ummatichi sirna ittiin bulu tumachuu irratti kallachaan qooda qabaate. Sirnichi kan isaa ti. Ummatichis kan sirnichaa ti. Mirga ambummaa guutuu qaba. Somaliland fi Somalia hafe gidduu garuu walshakkiitu jira. Kunis mootummaan Somaloota hafanii Gaanfa deebi’ee tolfamee Somaliland dhuunfachuudhaaf kajeeluun waan maluuf.

Haalli ittiin Somaliland walabummaa isee gonfattee kan warra kaan lamaanii irraa adda. Qooda fudhatiinsa ummataatiin labsame malee hogganni ajaja ummataa jala hin jirre hin mirkaneessine. Somaliland akka biyyaatti walabummaa qaba. Ummatni isaas bilisummaa qaba. Moyxannoo warra hafee keessatti garuu biyyatu walabummaa qaba malee ummatni bilisummaa hin qabu. Walabummaa dhaadheessuu qofaan akka ummatichi bilisummaa hin Gaanfatne godhamaa jira. Kana irraahis waa baruu qabna. Walabummaan bilisummaa malee dhalachuu danda’a.

Falammiin Walxaxaa

Yaada dhumaa kaafnee xiinxala keenya ammaa xumurra. Sunis falammiin biyyoota Gaanfa Afrikaa keessatti deemaa turee fi jiru falammii isaan keessatti deemaa turee fi jiru wajjin walitti hidhamuu isaanii ti. Biyyoota Gaanfa Afrikaa addunyaadhaan beekaman keessaa kan falammiin sabootaa keessatti deemaa hin jirre hin jiru. Qorattotni haala kanaa nagummaan Gaanfa Afrikaa walxaxaa (complex) ta’uu ibsu. Sababa kanaaf, nagummaan biyya tokko kophaatti iggitii argachuu hin danda’u. Haala kana irraa mootummootni Gaanfa Afrikaa amala tokko horatanii jiru. Sunis, dhibdee biyya isaanii keessaa dhuunfachuudhaaf filmaata lama keessaa tokko filachuudha. Tokkoffaa, dhibdee keessa isaaniitiif biyya ollaa Gaanfatamaa taasisuudhaan ollaa balaaleffachuu dha. Kana irraa ka’uudhaanis mormitoota ollaa keessummeessuu dha. Imaammatni akkasii kudhanoota hedduudhaaf Gaanfa Afrikaa keessatti mul’achaa ture. Kun mootummootaa fi mormitoota ollaa gidduutti tumsa uumuudhaaf gargaaree jira.

Lammaffaa, tumsa mormitootaa kana irra mootummootni waliif tumsanii mormitoota dararuu dha. Imaammata isa lammaffaa kana ammatti akka gaariitti hojii irra oolchaa kan jiru mootummaa Wayyaanee ti. Kan Eritrea irraa kan hafee mootummoota hafan hunda wajjin hariiroo gaarii tolfattee jirti. Hariiroo diplomasy fi nagummaa qofa osoo hin taane kan ekonomys tolfachaa jirti. Kunis, mormitoota biyyoota ollaa keessatti qubsuma dhorkachuudhaafi.

Comments are closed.