August 18, 2017

Xiinxala Haala Empayera Itophiyaa

Maqaan sirnaa kan biyyi Itophiyaa jedhamtee addunyaa biratti beekamtu kan duraanii Empayera Itophiyaa ture. Kana jechuun warri biyyicha uumee bulchaa tureyyuu, biyyi isaanii empayera ta’uu ni amanu turan. Empayera qabaachuun biyyooti Awropaa wajjin walqixa waan isaan taasisuuf ittiinis boonu turan. Dhuma Lola Addunyaa Lammaffaa (1945) booda garuu empayerri balfamaa dhufe. Haalli kun dhalachuun warri Awropaayyuu walabummaa biyyoota duraan koloneeffataa turanii akka fudhatan dirqe. Keessattuu Afrikaa keessatti walabumma gonfachuu kolonii warra Awropa baroota 1960ta keessatti daddaffiidhaan dhugoomaa ture. Kun deeme Empayera Itophiyaas yaaddessuu jalqabe. Ollaa empayerichaa keessaa kan dura walabummaa gonfate Sudan ture. Kunis bara 1956tti dhugoome. Itti aansee, Somalian bara 1960tti walaba baate. Akkuma duraan himame, Somalian empayerummaa Itophiyaa balaaleffatte mirga ummata afaan Somali dubbatuutiif falamuu jalqabde. Yeroodhuma kanatti warri Erteraas empayera ta’uu Itophiyaa balaaleffachuudhaan qabsoo walabummaa finiinsan. Qabsoon saboota koloneeffatamanii kanneen biraas yero sanatti ho’aa ture. Keessattuu kan Oromo baadiyyaa fi magaalaatti bifa haaraa horachaa dhufe. Baadiyyaa Lolli Baalee baroota danuudhaaf deemaa ture. Yeroodhuma sanatti magaalaa keessatti ammoo Waldayaan Maccaa fi Tuulamaa ijaaramee qalbii Oromootaa harkisaa ture.

Baroota sana booda ture kan bulchitoonni empayerichaa empayera ta’uu Itophiyaa haaluudhaaf dirqaman. “Itophiyaan empayera osoo hin taane biyya amantii tokkicha hordofu – amantii Ortodoksii” jedhan. “Biyya afaan tokkicha – afaan Amaaraa – dubbatu” jedhan. “Biyya aadaa fi seenaa tokkicha qabu” ta’uu isaas labsan. Biyya saba tokko qofa irraa tolfame ta’uu isaa lallaban. Kanaaf, amba Itophiyaa kan jedhamu nama afaan Amaaraa dubbatu, kan amantii Ortodoksii hordofu, kan seenaa nugusootaa “kiyya” jedhee fudhatu ta’uu qaba jedhan. Kun rakkina gara garaa uume. Fakkeenyaaf “muslimoota Itophiyaa” jechuun akka waan walfaallessuutti fudhatame. Muslimas ta’anii amba Itophiyaa ta’uun waan waliin hin deemneef “muslimoota Itophiyaa keessa jiraatan” jechuun dirqii ta’e. Akkasumas Oromos ta’anii amba Itophiyaas ta’uun akka hin danda’amne akeekan. Ambummaa Itophiyaa gonfachuun kan danda’amu Oromummaa, Sidamummaa, Somalummaa fi kkf haaluu qofaan akka ta’e akeekan. Namootni yeroo sanatti eenyummaa isaanii haaluudhaan ambummaa Itophiyaa gonfachuudhaaf tattaafatan xiqqaa hin turre.

Warri biraa garuu ejjennaa biraa fudhate. Eega Oromummaa fi Itophiyummaan waliif faallaa ta’anii Itophiyummaa haaluudhaan Oromummaa dagaagsuun dirqii ta’e. Warri ABO bu’ureesse warra ejjennaa kana fudhate keessatti lakkaawama. Yeroon ABOn bu’ureffame seenaa empayerichaa keessatti boqonaa haaraa ture. Yeroo duraatiif dhaabotni politikaa ijaaramuu kan itti jalqaban yeroo sanatti ture. Dhaabota politikaa yeroo sanatti bibbiqilaa turan gosa lamatti qooduu dandeenya. Murni tokko sadarkaa biyyicha guutuutti dubbachuu filate. Murni lammaffaan saba ofii qofaaf kan dubbatu ture. Warri tokkoffaanuu Itophiyaan biyya sab-daneessa ta’uu hin haalle. Isaan kun “gaafiin sabootaa deebii kan argatu gaaffii gitaatiif yoo deebiin argame qofa” jedhanii ejjennaa fudhatan. Kanaaf, “gaaffii gitaa furuun gaaffiilee hafan hundaaf furmaata ta’a” jedhan. Warri lammaffan garuu ejjennaa faallaa kanaa fudhate. Isaaniif gaaffii gitaa fi kan sabaa adda baasanii ilaaluun rakkisaa ta’e. Irra guddaan gita cunqurfamaa dhala saba cunqurfamaa ta’uu waan ijaan arganiif. Kanaaf deebiin gaaffii tokkichaa deebii gaaffii biraa ta’uu danda’a amantii jedhuu morman.

Mooraaleen kun lamaan waan itti adda ta’an kan biraas ni qabu. Kunis maallummaa Itophiyaa ti. Warri duraa ”Itophiyaa keessa cunqursaan saba ni jira, garuu gaaffiin kolonii hin jiru” jedhan. Kana kan godhaniif qabsoo saboota hundaayyuu hogganuudhaan gama ofiif barbaadaniitti geessuu waan kajelaniifi. Warri lammaffaan Itophiyaan empayera waan taateef gaaffiin kolonii akka isee ilaalu amanan. Dabalees, koloneeffataan koloneeffatamaadhaaf qabsaawuu waan hin dandeenyeef, sabootni koloneeffataman hoggana ofii kan walaba ta’e qabaachuu qaban jedhanii amanan.

Mooraan tokkoffaan dhaabota EPRP fi MAESON jedhamanii beekaman lama gurguddaa qabu turan. Sagantaan politikaa lamaan isaaniituu mirgi hiree murteeffannaa haqa akka ta’e ibsa ture. Dhiibbaa jara kana lamaaniitiin Dargiinis mirga kana fudhaachuudhaaf dirqame. Hojiitti hiikuutuu itti ulfaate malee. Waan ta’eef, dhaabotni Itophiyaa kanneeniyyuu mirgi hiree murteeffannaa haqa ta’uu haaluu hin dandeenye. Kana kan dirqee bebeluu qabsoo hiree murteeffannaa saboota cunqurfamanii ti. Dhuma irratti jarri kun sadan – Dargii, EPRP fi MAESON – magaalaa keessatti lola hamaa wal irratti geggeessanii Dargiin injifannoodhaan irra aane. Yeroo sana booda kan dirree qabsootti hafee Dargii loluu itti fufe warra mirga hiree murteeffannatiif qabsaawu ture.

Asitti jijjiirama Dargiin labsuudhaaf dirqame garii ilaaluun gaarii dha. Kana keessa tokko mirga muslimootaa ti. Dargiin ayyaanni muslimootaa, kan akka iid-al-faxir, iid-al-adahaa fi kanneen biraas, sadarkaa guutuu empayerichaatti akka ayyaanaatti akka kabajaman labse. Dabalees, Orotodoksiin amantii seerawaa biyyichaa ta’uu diigee amantii fi politikaa adda baase. Yeroo sana booda muslima ta’uun fi amba Itophiyaa ta’uun akka duraaniitti waliif faallaa ta’uun laaffachaa dhufe. Haalli fakkaataanis Oromummaa fi Itophiyummaa gidduutti dhalachuu jalqabe. Fakkeenyaaf, Dargiin radio afaan Oromoo sadarkaa guutuu empayerichaatti ol guddise. Dabalees, yeroo yeroo afaan Oromootiin barsiisuu akka danda’amu taasise. Garuu kun afaan Oromoo jiraachiisudhaaf osoo hin taane dhabama isaa daddafsiisuu irratti xiyyeeffate. Yeroo gabaabaadhaaf afaan Oromootiin barsiisuu jalqabanii dafanii afaan Amaaraatiin bakka buusuudhaan babal’achuu afaan Amaaraatiif haala aanjessuu akeekkatan. Dhugaatti Dargii jalatti afaan Oromo qarqara dhabamuu gahee ture jechuun ni danda’ama.

Bara 1991tti mootummaan Dargiin humnoota qabsoo bilisummaatiin injifatame. Humnoonni kunis ABO, EPLF fi TPLF turan. Warri EPLF walabummaa Erteraatiif qabsaawaa waan turaniif, injifannoon isaanii Erteraan walabummaa gonfachuudhaaf karaa saaqe. Bara sana booda daangaan empayerichaa kan bara Menelik turetti deebi’e. Biyyuma hafe kana keessattiyyuu jijjiiramni bu’uraa barbaachisaa ture. Keessattuu, mirgoota saboota cunqurfamanii dagachuun akka hin danda’amne ifaa ture. Waan ta’eef, mirgoota sabotaa garii fudhachuun dirqii ta’e. Empayerichi biyya sab-danessa akka ta’e ifatti fudhaachuunis dirqii ta’e. Yeroo sana booda sabni cufti afaan isaatti fayyadamuun fi aadaa fi seenaa isaatti boonuun mirga akka ta’e fudhatame. Dabalees, sabni hundi mirga ofbulchuu akka qabuu seeraan utubame. Jijjiirraan kun jijjiirraa salphaa hin turre. Garuu dhaabotni Oromo garii akka jijjiirraan kun hin mirkanaawinitti qabsaawaa jiru.

Waan cillaffannaa kana dhalche keessaa tokko mirgootni olitti himaman dhugaatti hojii irra oolu hanqifamuu isaanii ti. Hanqina kana wanti dhalche ammoo ol aantummaa murna bicuu ti. Murni bicuun har’a ol aantummaa gonfatee tikfachaa jiru ilmaan saba Tigree ti. Murni bicuun kun empayericha akka federeshanitti caaseessuudhaaf qabsoo saboota cunqurfamaniitiin dirqame. Yoo federeeshan kana kan dhugaa taasise garuu ol aantummaa isaa dhaba. Federeeshan jechuun sirna walfaana jiraachuu mirga of bulchuu (self-rule) fi walbulchuu (shared rule) ti. Sabni hundi ofbulchaa sirna waliin bulu irrattis sagalee heddummina isaa callaqqisu qabaata. Sirni akkasii yoo dhugaatti hojii irra oolee ol antummaan Tigroota ni dhabama. Kanaaf, federeeshan har’a jiru federeeshan dharaa ti. Kana jechuun federeeshan akka yaadatti daba jechuu ta’ee hiikamu hin qabu. Federeeshan dharaa kana gara federeeshan dugaatti jijjiiruudhaaf qabxiilee dandeessisan tarreessanii isaan dhugoomsuudhaaf qabsaawuun barbaachisaa dha malee.

Eega empayerichi akka federeeshanitti caaseffamee as, hiriirrii humnoota politikaa biyyichaa bakka afuritti qoodamee ilaalamuu danda’a. (1) Warri har’a aangoo of harkaa qabu federeeshan dharaa kana waaraa taasisuutti cichanii argamu. (2) Warri hanga 1991tti ol aantummaa qabaachaa turan sirna isaanii kan Itophiya saba afaan Amaara qofa dubbatuutti deebisuu barbaadu. (3) Humnoonni garii ammoo ol aantummaa Tigree fi Amaaraa kana jalaa bahuun kan danda’amu biyya walaba ta’ee dhugoomfachuu qofanii jedhanis ni jiru. (4) Humnoonni federeeshan dhugaa taasisuutti qufanis ni jiru. Ejjennaan afuran kun mirgoota ambummaa irrattis ejjennaa humnoonni kun qaban ni calaqqisa.

Warri tokkoffaan “demokrasy warraaqaa” (revolutionary democracy” waan jedhamutti amanu. Sirna kana jalatti party yokin nama beekaatuu bakka ummataa bu’ee murteessa. Ummatni waan isaaf tolu beekuu hin danda’u jedhee amana. Demokrasy gosa USSR duraanii keessatti hojjachuu hanqatee kufaatiitti geesseen wal fakkaata. Ilaalchi partyn kun demokrasyf qabu federeshanicha demokrasy-maleessa taasise. Demokrasyn federeshan malee hojii irra ooluu ni danda’a. Federeshan demokrasy malee garuu hiika hin qabu. Hanga har’atti carraaqqiin federeshan demokrasy malee jiraachisuudhaaf godhame hundi balaa gurguddaa maddisiisuudhan xumurame. Kanaaf fakkeenyi guddaan moyxannoo Yugoslavia ti.

Sirni akkasii yoomillee daddaaqamaa dha. Wanti sirnichi labsuu fi hojjatu waliif faallaa dha. Waan ta’eef, ummata ni dhamaasa. Humni sirna daddaaqamaa kana waarsuu barbaadu imaammata shan itti aanan hordofuudhaaf dirqama. (1) ummata Tigray doorsisuudhaan akka isaan amanamaa ta’aniif gochuudhaaf carraaqa. Siege mentality itti uuma. (2) ekonomy biyyichaa irra guddaa harka namoota Tigree galchuudhaan akka Faranjoota Kibba-Afrika of taasisuu. Kanattis dabaluudhaan ilmaan Tigreetiif carraa barnootaa ilmaan saboota biraa hin arganne kennuufiidhaan olaantummaa isaani jabeessuu. Sammuudhaanis ni caalla jedhani akka amanan taasisu. (3) ilmaan saboota biraa Oromiyaa keessa qubatan “Oromoon si dhabamsiisa” jedhanii yaaddoo itti uumuudhaan akka isaan sirna amma jiru deggeran taasisu. (4) saboota gidduutti waldhabbii fi walshakkiin akka belbelu gochuudhaan sabni saba irratti akka kaka’uu taasisuudhaan akka sirnicha irratti hin kaane taasisu. (5) “Nu malee kan Itophiyaa keessatti fi sadarkaa Gaafa Afrikaattis iggitii nagaa ta’u hin jiru” jechuun deggersa mootummoota aangawoo dhuunfachuu. Kunis yeroo irra yerootti nagaa akka booressan isaan dirqa. Imaammatni kunis oolee bulee boora’insa dhuunfatamuu hin danda’amne maddisiisuutu mala. Kana mootummoota aangawoo hubachiisuudhaan akka isaan deggersa dabaa dhaaban gochuu irratti tattaafachuun barbaachisaa dha.

Warri lammaffaan har’a sirna liberal demokrasy lellisu. Sirni liberal demokrasy dhugoomuun gaaffii saboota hundaatiif deebii argamsiisa jedhanii amanu. Waan ta’eef, mirgoota ambummaa keessaa kan civik, politikaa fi hawaasummaa kabajuudhaaf qophii akka ta’an mul’isu. Garuu mirgootaa afaan fi aadaa – kan Amaaraa malee – ni haalu. Warri har’a biyya bulchaa jiruu ammoo mirgoota afaan fi aadaa kabajaa mirgoota hafan dhiitu. Murni sadaffaan waa’ee mirgoota ambummaatti rakkachaayyuu hin jiran. Haala addunyaa har’a keessa jiraannuu keessatti garuu mirgootni ambummaa gosti shananuu kabajamuun barbaachisaa ta’ee jira. Kun ta’uunis federeeshan dharaa har’a jiru gara federeeshan dhugaatti ni jijjiira.

Kun dhugoomuunis Oromoodhaaf faayida ni qaba. Kana irratti yaada ifaa qabaachuun barbaachisaa dha. Itophiyaan federeeshan sab-daneessa kan dhugaa yoo taate, mirgi Oromoo kan of bulchuu fi kan inni saboota hafan wajjin nagaadhaan fi kabajaadhaan bulu ni dhugooma. Oromiyaan federeeshanicha keessaa isa hundarra guddaa dha. Waan ta’eef saboota ollaa isaa ta’an hedduutu jiran. Orma kana wajjin nagaa qabaachuun dagaagina Oromootiif kan isaaniitiifis murteessaa dha. Nagaa kana qabaachuudhaaf ammoo isaan wajjin walta’iinsa irra gahuun murteessaa dha. Tokko tokkoon isaanii wajjin adda addatti walta’iinsa irra gahuu irra hunda wajjin walta’iinsa walfakkaatu irra gahuutu wayya. Dabalees, ilmaan saboota Itophiyaa hundi Oromiyaa keessatti ni argamu. Mirga jara akkasiis kabajaa kan Oromoos kabajuun dirqii ta’a jechuu dha.

 

Comments are closed.