September 22, 2018

Ummanni Oromoo Duula irratti Labsame Tokkummaa fi Gootummaan Mormuun ala Fala Biraa hin Qabu

Ibsa Adda Demokraatawaa Oromoo (ADO): Ummanni Oromoo Duula irratti Labsame Tokkummaa fi Gootummaan Mormuun ala Fala Biraa hin Qabu

Mootummaan abbaa-Irree Itoophiya gaaffii haqaa kan ummanni Oromoo karaa nagayaa fi seera-qabeessaan woggoota sadan dabraniif wareegama qaqqaalii itti baasuun gaafachaa turee fi itti jiru karaa qajeelaan deebisuu mannaa, Labsa Yeroo Muddamaa (LYM) irratti jigsee ilmaan sabaa ajjeechaa fi hidhaan alaakaa jira. Labsi kuni seeraa ala ta’uu daran rakkoo biyyattii kan hammeessu malee waan wayyeessu hin ta’u. Addi Demokraatawaa Oromoo (ADO) labsa kana ni balaaleffata; ni morma; duras ni dhaabbata.

Carraa kanaanis ADOn ummata keenya kanneen murtii dabaa kana fuulaa-fuulatti dura dhaabbachuun mormanii fi kanneen galma dabni seena-qabeessi kuni keessatti raawwatame kanarraa hafuun seerri kuni seeraa ala ta’uu mirkaneessuun maqaa isaanii galmee qabsaa’oota bilisummaa Oromoo keessatti halluu cululuqaan barreessan ni dinqisiifata. Gootota labsa seeraa ala kana dura dhaabbachaa jiraniin, kan qabsooftaniif haqaaf waan ta’eef mirgi keessani jennaan.

Labsi Yeroo Muddamaa kuni sagalee heeraatiin kufee osoo jiruu, humnaan ummatarratti fe’uun daba daba caalu. Akeekni labsa kanaas Oromiyaa fi ummata Oromoo qofarratti kan aggaammate ta’ullee ummotoota fi bakkoota hundatti dura dhaabbatamuu qaba. Kanaaf diddaa ummanni keenya karaa isaaf danda’amee fi mijjateeniin godhu ni deeggarra. Biras ni dhaabbanna. Humnoonni politikaa Itophiyaa hafanis akka balaaleffatanii fi morman yaamicha keenya dhageessifna.

Bilisummaaf Haqa ummataa Hundaaf!
Adda Demokraatawaa Oromoo (ADO)

Click here for PDF

Comments are closed.