December 16, 2017

Tokkummaa keessatti qabsoo, Qabsoo keessatti Tokkummaa

Mata duree knaa nama gubbaa irra laaluuf jechoonni tokkummaa fi qabsoo jedhan jechoota waliif faallaa fakkaatu. Garuu nama gadi-faggeessee xiinxallee fi akkaataa sabootaa fi ummatoonni addunyaa itti jiraatanii guddatan hubateef tokkummaa fi qabsoon walii faallaa osoo hintayin tasumayyuu walkeessatti ykn walii wajjin jiraatan hubata.

Tokkummaa fi qabsoon walmalee hinjiraatan. Sabni tokkos yoo tokkummaa hinqabaatin akka sabaatti jiraachuu hindanda’u. Akkasumas tokkummaa keessatti qabsoon yoo hinjiraatin guddatee fuulduratti warraaquu ykn tarkaanfachuu hindanda’u. Kana jechuun tokkummaan madda jireenna saba tokkoo yoo ta’u qabsoon ammoo madda guddinnaati.

Saba tokko akka sabaatti jiraachisuu fi guddisuun karaa filmaata biraa hinqabne tawuu isaa qabsaa’otaa fi jaarmayoonni Oromoo sirnaan hubachuu qaban jennee amanna. Sabootaa fi ummatoonni guddina olaanaa irra gayan karaa kana hordofanii jiraachuu fi guddachuu isaanii Oromoon hubachuu qaba. Hubachuu qofa utuu hin tahin fakkeenya hin haalamnee dhuga qabeessa tahuu fudhannee of dura tarkaanfachuu qabnaa jenna.

Addi Dimokraatwaa Oromoo garaagarummaan bifa fedhee nu gidduu jiraatullee akka sabaatti jiraachuuf tokkummaa sabummaa keennaa jabeeffannee waliin dhaabachuun dirqama jireenyaas,  mirga sabummaatis jedhee amana. Akka saba addunnyaa kamiiyyuu qaroomnee guddachuuf qabsoo ijaaraa geggeessuun dirqamas mirgas jenna. Fakkeennaaf biyyoota addunyaa keessatti tokkummaa akka sibiilaa tolfatanii fi guddina gulantaa olaanaa dhaqqaban keessaa Ameerikaa fi biyya Norway akka fakkeenya gaariitti laaluun qabsaa’otaa fi jaarmayoota Oromootiif fakkeenya gaarii ta’a jennee abdanna. Paartiileen bara dheeraa siyaasaa biyya Ameerikaa keessatti aangoo waljijjiiraa turan imaammataa, ilaalchaa fi akeeka haga tulluu addaan fagaatu osoo qabanii heera biyyaattii fi waltajjii hunduma isaanii walitti hidhu tolfatanii dhimma irratti waliigalanii irratti tokkummaa uummanii waliin hojjatu. Dhimma irratti waliif hingalle irratti ammoo qabsoo siyaasaa fi marii walirraa hincinne godhan. Akkuma seenaa isaanii irraa hubatamutti Partiileen biyya Ameerikaanii lamaanuu waliin hojjachaa walirratti qabsoo siyaasaa geggeessaa waliin jiraatu. Tasuma tokko badu malee ani hinjiraadhu waliin jedhanii waldhabamsiisuuf qabsoo hingodhan. Hujii irratti waldorgomanii ka irra caalaa sabaaf hojjate sabaan filamee aangoo mootummaa qabata. Adda addummaa ilaalchaa fi imaammata hordofan irratti haga fedheyyuu adda addummaa wal irraa fagoo yoo qabaatanillee waa’ee sabummaa fi tokkummaa biyya isaanii irratti ilaalcha tokkicha qabu.

Dhiheenyuma kana wal falmii fi wal diddaa paartilee siyaasaa biyya America bulchan gidduuttii adda addummaan imaammataa daangaa bal’aa gidduu isaaniitti umamee hanga jiruu mootummaa dhaabsisee galii mootummichaa bilionaan laakka’amu hambisutti deeme. Ha tahu malee falammii siyaasaa wal irratti godhan irra darbee kan wal balleessuu fi wal dhabamsiisuu irratti xiyyeeffate hin turre. Duuba irratti, paartiin yeroo gabaabaaf tarkaanfii fudhate, akeeka isaa itti fufuu irra ol-antummaa saba isaa fi biyya isaa irratti tapha hin fakkaanne taphachuun akka hin barbaachifne waan hubateef, yaadnii fi falammiin isaa mo’amuu amanee fincila karaa nagaa calqabe kabajaa heeraa fi biyya isaaf jechdu fudhachuun xumurame.

Akkuma kanas baruma amma keessa jirru kana Partiileen siyaasaa biyya Norway kanneen imaammataa fi ilaalcha irratti garaagarummaa haga gaara guddaa addaan fagaatu osoo qabanii waltajjii waloo (common platform) tolfatanii osoo waliirratti qabsoo geggeessan waliigalanii mootummaa waggaa 8 aangoo irra ture buqqisanii aangoo qabatan. Biyya Ingilizittis ka taye kanuma fakkaata.

Qabsaa’otaa fi jaarmayoonni ummata Oromootiif dhaabbanne jedhan saba Oromoo akka sabaati jiraachisuuf dirqama seenaa qaban jennee amana. Qabsoon waldhabamsiisuu qofaaf godhamu saba Oromoo hin guddisu,  hinjiraachisu, fuuldurattis hin tarkaanfachiisu.  Qabsoon walballeessuu qofaaf godhamu keessaa kan dandamatu hinjiraatu, hundumtuu waldura dhaabbatee waldhabsiisuu fi dhabamuu fida. Ummanni Oromollee qabsoo waldhabamsiisuu godhamu keessaa bu’aan inni argatu akka hinjirre seenaan ragaan qabatamaa tahee fi waanuma ammaan tana keessa jirrutu nuuf ragaa dha. Dhugaa fi seenaa kanarraa barachuun dirqamas mirgas jenna. Akka  amantaa Adda Democratwaa Oromootti  garaararummaan ilaalchaa fi akeeka kan bifa fedheeyyuu nu gidduu jiraatu akka jaarmayaatis tayee akka sabaatti jiraanne amajaajii kana injifachuuf dhimma saba Oromoo irratti waltajjii tokkummaa (platform) tolfannee waliin dhaabachuu fi saba keennaa hojjachuun dirqams murteessaadhas jenna. Bakka tokkummaan hinjirretti ofiifis ta’ee saba ofii jiraachisuun hindanda’amu.

Qabsaa’otni Oromoo hunduu Sabni Oromoo bittaa alagaa jala jiraachuu isaarratti ilaalcha tokko qabna. Oromoon biyyaa fi qe’ee isaa irratti abbaa tahuu qabaa irrattis ilaalcha walfakkaataa qabna. Mirgoota kanneen deebifnee Oromoo harka galchuufis qabsoon dirqii akka taate irratti wal dhabbiin hin jiru. Adda addummaan jiru imaammata hordofnuu fi karaa ittiin adeemuu qabnu irra qofa. Egaa maalree adda addummaa ilaalchaa utuu qabaannuu, tokkummaa, hiree saba keenyaa irratatti walii gallee diina irratti xiyyeeffachuun maaliif dadhabame kan jedhu wal gaafachuu fi waliin marii’achuu qabna.

Kana irraa ka’uudhaanis bakka marii fi qabsoon siyaasaa hin jirretti guddachuu fi fuuldura warraaquun hindanda’amu jenna. Yoo qabsaawaa tokkoomne, yoo tokkoomaa qabsoofne diina keenna injifannee akka sabaatti jiraannee guddanna. Kanaaf ammallee gaaffiin maree waltajjii waloo belbeltuu dha jenna. Qabsoo keessatti tokkummaa, tokkummaa keessatti qabsoo aadeffachuu fi barachuu qabna jechuun ergaa gulaalaa ADO gudunfina.

Comments are closed.