October 23, 2017

Itophiyaa Kaleessaa, Har’aa fi Borii

Qabsoon bilisummaa Oromoo tattaaffii irratti milikaawe ni qaba. Milkiiwwan kanneen keessaa tokko Itophiyaa fi Itophiyummaa dhabamuu ummata Oromoo irratti hundaawe diduu dha. Tattaaffi diddaa kana finiinsuudhaaf, Oromummaa fi Itophiyummaa waliif faallaa ta’uu afarsuun dirqii ture. Dhugaattis gaafa tattaaffiin kun eegalame, Oromummaan fi Itophiyummaan waliif faallaa turan. Halli akkasii Itophiyaa kaleessaa jalatti dhugoomee ture.

Itophiyaa kaleessaa jalatti Oromoos ta’anii amba Itophiyaas ta’uun hin danda’amu ture. Jechuun, Itophiyummaa gonfachuun kan danda’amu yoo Oromummaa mulqachuudhaaf qophii ta’an qofa ture. Namni afaan Amaaraa hin dubbanne, akka amba Itophiyaatti hin ilaalamu ture. Kan aadaa Amaaraa hin maxxanfanne fi kan seenaa Amaaraa hin leellifnes, akka amba Itophiyaatti hin fudhatamu ture. Ambummaa akkasii gonfachuun kan danda’amu, kana gochuu qofaan miti. Waan eenyummaa Oromoo mul’isan hundaas lagachuun fi tuffachuun dirqii ture.

Itophiyaa kaleessaa jalatti, ambummaa Itophiyaa gonfachuu kan kajeelu cufti afaan Oromoo dubbachuu lagachuu qaba ture. Afaan Oromoo kan ittiin boonan osoo hin taane kan itti qaanfatan ta’uu mul’isuun dirqii ture. Oromoon akka seenaa hin qabne of amansiisuunis dirqii ture. Waan ta’eef, seenaan Itophiyaa kan nugusoota Habashaa tarreessu qofa akka ta’etti fudhachuun dirqii ture. Aadaan Itophiyaas kan Habashootaa malee aadaa saboota biraa tokkoo hin dabalatu ture.

Itophiyaan kaleessaa sun biyya saba tokkichaa akka taatetti fudhatamti turte. Sabni Itophiyaa kaleessaa sunis afaan Amaaraa dubbata. Aadaa Amaaraa mul’isa. Seenaa Amaaraa leellisa. Sabotni Itophiyaa keessa jiraataan kanneen biraa afaan, aadaa fi seenaa ofii akka qabanitti hin ilaalaman turan. Isaan kanneen hundi suuta dhabamanii biyyichi saba tokkicha qofatti akka galuuf dhiibbaan godhamaa ture.

Jechuun, Itophiyaa kaleessaa jiraachisuun kan danda’amu saba Oromoo fi kanneen biraa hunda dhabamsiisuu qofaan ture. Itophiyaan sun awwaala saba Oromoo fi kanneen biraa irratti ijaaramuutu sagantaawe. Namni kamuu kan isaa ajjeessuudhaaf dhufe, ”tole jedhee” hin keessummeessu. Humna qabu hundaan jireenya isaatiif lola malee. Sabnis akkasuma.

Waan ta’eef, sabni Oromoo balaa isaa dhabamsiisuudhaaf aggammatame dura dhaabbachuun dirqii ture. Oromoon jiraachuudhaaf, Itophiyaan kaleessaa sun dhabamuun dirqii ta’e. Maaliif yoo jennee deebiin isaas ifaa dha. Itophiyaatu Oromoo dhabamsiisuu saganteeffate. Itophiyummaa kaleessaa fi Oromummaatuu waliif faallaa taasifame.

Balaa haalli kun maddisiiseef, eenya gaafatamaa ta’uu akka qabus ifaa dha. Warra imaammata Oromummaa fi Itophiyummaa waliif faallaa ta’e kana raggasetu itti gaafatama. Qabsaawotni Oromoo sababa itti gaafatamaniif tokkollee hin qaban. Jiraachuu saba isaaniitiif qabsaawan malee, saba kamiinuu dhabamsiisuudhaaf imaammata hin qaban. Saba ofii jiraachiisuudhaaf qabsaawuun dirqii dha malee badii miti. Qabsoo akkasii irraa qooda fudhachuu hafuutu seenaa duratti gaafatamaa nama taasisa.

Qabsoon saba Oromoo jiraachisuudhaaf deemaa jiru kun sadarkaa gara garaa keessa dabree guyyaa har’aa gahe. Qabsichi bakkuma gaafa jalqabamee hin jiru. Of duraa hiiquu isaa wal hubachiisuun barbaachisaa dha. Jijjirama qabsoon Oromoo fi sabaoota biraa argamsiisee keessaa tokko kaafnee ilaaluun barbaachisaa dha. Sunis, Itophiyaa har’a mirkaneessuu dha.

Itophiyaan har’aa kan kaleessaa irraa waan itti adda taate ni qabdi. Waan itti walfakkaattus ni qabdi. Itophiyaan har’a, akka kan kaleessaa, jiraachuu saba Oromoo hin haaltu. Milikkitoowaan eenyummaa Oromo mul’isan hundaa dhabamsiisuudhaaf ifatti tattaafachaa hin jirtu. Afaan Oromoo akka afaan Oromiyatti hojjataa jira. Jechuun, afaan Oromootti fayyadamuun akka kaleessaa seeraan dhorkaa miti. Aadaa fi seenaa ofiitti boonunis seeraan dhorkaa miti.

Itophiyaa kaleesaa jalatti Oromoon biyya hin qabu ture. Kan har’aa jalatti garuu biyya Oromiyaa jedhamu qaba. Fakkeessaadhaafillee ha ta’u, Oromiya kan bulchu Oromoota. Garaagarummaa Itophiyaa kaleesaa fi har’aa asitti dhaabbata. Amma haala Itophiyaa lachuu walfakkeessan kaasuutu barbaachisa. Itophiyaan lachuu waan qooddatan keessa tokko ol’aantummaa ilmaan saba tokkoo yokin kan biraa irratti hundaawuu isaanii ti.

Itophiyaa kaleessaa jalatti ol’aantummaa warri qabaachaa turan, irra guddaan, ilmaan saba Amaaraa turan. Kan har’aa jalatti ammoo warri ol’aantummaa dhuunfate saba Tigree keessaa madde. Itophiyaan har’aa  kan jiraachuu dandeessuu hanga ol’aantummaan Tigrootaa kun tikfametti qofa. Hanga ol’aantummaan kun jiraattetti ammoo Oromootni dhugaatti Oromiyaa bulchuu hin danda’an. Sabootni hafanis biyya ofii bulchuu hin danda’an. Namootni Oromiyaa bulchan dura ol’aantota Tigree kanaan filamuu qaban. Ol’antummaa kanaaf warra ugguran qofatu, ummata Oromootti dhiheeffame filama. Bulchiinsa ammaa jalatti dhuguma Oromootu Oromiyaa bulcha. Garuu Oromoota Oromiyaa bulchan kanneen kan ajeju ammoo ol’aantota Tigree ti.

Waan ta’eef, Itophiyaa har’aa jalatti warri Oromiyaa bulchan dantaa Oromootiif dhaabbachuu hin danda’an. Warri saboota biraa bulchan hundis akkasuma dantaa saba isaaniif dhaabbachuu fi dubbachuu hin danda’an. Warri ol’antummaa ilmaan Tigree fudhate kun hundi kabajaa saba isaaniitiif dhimmuu hin danda’an. Haalli keessa jiran kana hin hayyamuuf. Waan ta’eef, salphina saba isaanii mul’isaa ooluun dirqama isaanii ti. Ajaja olii itti dhufe saba isaaniitti dabarsuu malee, dhimma saba isaanii irraa ka’anii yaadni gara olii dhaaman hin jiru. Dafqaa fi qabeenya ummata isaanii saamanii saamsisuu malee filmaata biraa hin qaban.

Har’a tattaaffi lamatu wal dura dhaabbataa jira. Tattaaffiin inni tokko Itophiyaa kaleessaa deebisuudhaaf belbelaa jira. Inni lammaffaan ammoo Itophiyaa har’a tursuudhaaf waan danda’amu hundaa gochaa jira. Qabsaawotni Oromo tattaaffii lachuu dura dhaabbachuu qaban. Kana godhuudhaaf, Itophiyaa lachuu diduu qaban.

Itophiyaa diduun kun garuu duuchaatti ta’uu hin qabu. Kana jechuun haal-maleessaan Itophiyaa kamiinuu fudhachuu hin qabnu. Haal-maleessaan Itophiyaa hundaa diduus hin qabnu. Yoo Itophiyaan ol’aantummaa saba kamiituu hin callaqqifne waan hin fudhanneef hin qabnu. Itophiyaa ol’aantummaa saba kamiituu callaqqiftus diduun haqa, dirqamas. Kana irraa kaanetu Itophiyaa borii dhugoomsuudhaaf saganteeffanna.

Itophiyaan borii tun mirga hiree murteeffannaa saboota hundaa kan kabajdu taate. Waan ta’eef, sabni hundi qajeelfama alagaa tokko malee bulchiitoota isaa filata. Sirna ittiin of bulchuu tumata. Mirgi inni afaan isaatti fayyadamuudhaaf qabuu guutummaatti kabajama. Aadaan fi seenaan saboota hundaas qaama seenaa fi aadaa biyyichaa kan waliigalaa akka ta’etti fudhatama.

Gaafa sirni akkasii hojii irra oole irraa jalqabee, Oromummaan fi Itophiyummaan wal hin didan. Itophiyummaan borii Oromummaas kan hammatu ta’a malee. Akkasumas, Walayitummaa, Sidaamummaa, Affaarummaa fi eenyummaa saboota hundaa kan hammatu ta’a.

Qabsoo Itophiyaa borii kana dhugoomsuudhaaf goonu irratti waahillan hedduu qabaanna. Sabootni akkuma Oromoo cunqurfamaa jiran hundi waahillan keenya ta’u. Humnootni ol’aantummaa morman cuftis waahila nuuf ta’u. Murnootni akkasii Habashoota keessaallee hin argaman jechuu hin dandeenyu. Hawaasaa hunda keessaa warri haqaaf dhaabbatan waan argamuun maluuf. Addi Dimokiratawaa Oromoos isa kana mirkaneessuuf qabsa’a jechuun ergaan gulaalaa imaammata ADO ibsu yaada isaa gudunfa.

 

Comments are closed.