December 10, 2018

Ibsa Koree ADO_Nov 29, 2018

Ibsa Koree Giduu Adda Demokiraatawaa Oromoo

Koreen gidduu Adda Dimokiraatawaa Oromoo walgahii addaa November 28-29 Finfinneetti qabaatee jira. Walgahii kana irrattis, imala qabsoo bilisummaa Oromoo kan waggoota shantaman darbee fi bakka har’a qabsichi irra ga’e gad-fageenyaan eega xiinxalee booda, lallaba kana baasuudhaan xumurame.

Yaa saba Oromoo fi humnoota politikaa Oromoo! Bakka qabsoon bilisummaa Oromoo har’a irra jiru dur-hin jirre (unprecedented) ta’uu irratti yoo wal hubannoota cimaa qabaanne malee carraa waggaa dhiibba afur booda amma argame qisaasuun keenya ni mala jennee soda guddaa qabna. Kanaaf, namnii fi murni politikaa Oromoo hundi fi ilmaan sabichaa bal’aan, dhugaa ja’aan itti aansinee tarreessinu irratti walhubannoota cimaa akka qabaannu iyyannaa keenya dhiheessina.

Dhugaa ja’an
1. Itophyaa hoganuun har’a ilmaan Oromoo harkatti kufe jira. Mootummaa amma jiru mormuudhafis ta’e deeggaruudhaaf dhugaa kana irraa ka’uun barbaachisaa dha. Sochiin goonu hundi, dhugaa kana ilaalcha keessa galchuudhaan gochaan keenya hegeree saba Oromoo ni dukaneessa moo ifaa taasisa jennee of gaafachuu qabna.

2. Dirqamni Itophiyaa hogganuu yeroo ammaatti ilmaan Oromoo harkatti kufe. Kanas waan jennuuf qabna. Mootummootni hanga har’aa biyyicha bulchaa turan dhibdee biyyichaa furuu irra dhibedeewwan hahaaraa itti dabalaa amma gahan. Rakkinni gochaa mootummoota duuranii irraa ala guddachaa dhufes danuu dha. Kanaaf eenyullee yoo amma dirqama itophiyaa hogganuu fudhate dhibdeewwan kuufamaa fi guddachaa dhufan kanneeniif furmaata argamsiisuun dirqama isaa keessaa isa ol-aanaa dha. Gariin dhibdeewwan kanneenii yeroo kan hin kennine ta’uun ilaalcha keessa galuu qaba. Kanaaf, Oromootni amma mootummaa Itophiyaa hogganaa jiran ba’aa ulfaataa kana baachaa dhaabota politikaa Oromoo danuu wajjinis dorgommii seenuu qabu?

3. Dirqamni mootummaa Itophiyaa hoggannuu Oromoota harka seenuu isaatiif murni mirqaanes, refates itophiyaa keessa akka jiran shakkiin hin jiru. Akkasumaa sadarkaa Gaafa Afrikaatti kanneen mirqaananii fi rifatan ni jira. Warri mirqaane yoo hogganni kun milkaawe akkamittiin irraa fayyadama jedhee yaada malee yoo dhibdeen isa mudate ni dirmataaf jedhanii eeguun gowwummaa dha. Kanaaf, warra rifateef xiyyeeffannaa ol aanaa kennuu qabna. Warri kun ammo tattaaffii hoggana Itophiyaa kan yeroo ammaa fashalsiisuudhaaf dhagaa gara hin galchine hin qaban. Moyxannoo shira dheeraa , maallaqa guddaa fi caasaa itti fayadamanii kaayyoo isaanii bakkaan gahuu irratti hojjetan gahaa qabu. Humnootni politikaa Oromoo mootummaa ammaa mormanis ta’e kanneen deggeranis haala kana ilaalcha keessa galchuu qabu jennee amanna.

4. Yoo jijjiiramni amma mootummaa Itophiyaatiin geggeeffamaa jiru milkiidhaan xumurame, kanneen farfaman miseensotuma hogganichaa ta’uun ifaa dha. Osoo kanatti hinaafuushaan sochii keenya hin jalqabin waan kanaan walitti hidhatu kan biraa tokko ilaalcha keessa galchuun barbaachisaa nutti fakkaata. Sunis, yoo tattaaffiin hoggana kanaan fashalee garuu kan qaanfatu Oromoo hunda. Waan ta’eef milkaawuu tattaaffii hoggana kanaa irraa Oromoo hundatu dantaa qaba.

5. Tokkummaan saba Oromoo har’a sadarkaa dur-hin jirree (unprecedented) irra gahee akka jiru hundi walumaan quba qabna. Ta’us tokkummaan kun dheedhii fi ammallee daddaaqamaa dha. Gabaabaatti hin ititine jechuu dandeenya. Yoo humnootni politikaa Oromoo hundi fi ilmaan sabichaa bal’aan irratti hojjetan malee diigaminsa duraan turetti deebi’uun isaa ni mala. Humnootni alagaa bakka duraaniitti isa deebisuudhaaf shira bal’aa xaxaa jiranis akka heddummaatan ilaalcha keessa galchuun barbaachisaa dha. Kanaaf akkaataan humnootni politikaa Oromoo wal dorgoman yoo xinnxxtee akka tokkummaa amma argame kana of duuba hin deebisnetti ta’uu heedduu, heedduu fardii dha. Tarii hanga tokkummaa sabichaa ititutti dorgommii dhaabota politikaa Oromoo gidduu rarraasuun ilaalcha keessa galuu qaba.

6. Hegereen saba Oromoo hegeree namaa fi murna politikaa kamiituu caalaa ilaalchaa fi xiyyeeffannaa argachuu qaba. Hegereen sabichaa ammo hegeree Oromoota amma Itophiyaa bulchaniitiin walitti hidhamee jira. Yoo tattaaffiin isaanii milkaawe, hegereen saba Oromoo yoomillee caalaa ifaa fi abdachiisaa ta’a. Maalif? Lakkuma dammaqiinsi politikaa Oromoo dabalaa dhufeen rifaatuun farreen isaa dabalaa guyyaa har’aa ga’e. amumaanuu kanneen sabicha salphisuu irratti hojjetan hojiitti seenanii jiran. Yoo mootummaan kun kufe ammo gochaan isaanii akkasii dacha-dachaan akka dabalu shakkiin hin jiru.

Click here for PDF

Comments are closed.