December 16, 2017

Hidhaa fi ajjeechaan biyya Saudii-Arabiyyaa

Cafaqaan, hidhaa fi ajjeechaan biyya Saudii-Arabiyyaa keessatti baqatoota Oromoo fi lammiiwwan  Itoophiyaa irratti raawwatamaa jiru haal duree tokko malee daddaffiin dhabbatuu qaba!

Ergaa Gulaalaa Imaammata ADO Ibsu

Dhiheenya kana hawaasa Oromoo fi Ethiopia, akkasumas hawaasa saboota Afirka fi biyyoota sadaffaa sababa adda addaan biyyaa isaanii irraa ba’anii biyyoota arbaa adda addaa keessa jirtan irra miidhaan sukaneessaan yeroo gara yerootti  ga’aa jiru heedduu yaaddessaa ta’ee jira.

Keessumaa mootummaan Saudi bifa baqaanis haa ta’u hojii barbaadannaa ykn sababa adda addaan dhaqanii biyya sana keessatti argamn irratti tarkaanfii gara jibinaa inni fudhachaa jiru seera mataa isaa baafatee qabuu kan mirga dhala namaa kabajuufi seera adunyaa mallatteessee jiruunillee kan faallaa ta’e ta’eetu argama.

Akka seerrii addunyaa ibsutti baqataa biyya itti dhalate keessatti roorrifamee, jiraachuu dadhabee daangaa biyya biroo qaxxaamuree kooluu galtummaa gaafatu sirnaa fi seeraan keessummeessuu fi simachuuf biyyootaa fi mootummoonni dirqama qaban. Haala kana ilaalchisee biyyootaa fi mootummoonni waadaa fi kakuu seenan (conventions) mallatteessan qabu.

Yeroo ammaan tana garuu haalli biyya Saudii-Arabiyyaa keessatti baqattoota Oromoo fi kanneen qomoo biraa  irratti deemaa jiru seera addunyaa kan cabse qofaa osoo hintayin mararfannoo fi safuu ilmi namaa waliif qabullee kan cabseedha. Mootummaan Saudii «Seeraa fi hayyamaan alatti biyya kiyya keessa jiraattan» sababii jedhuun duula seera dhablummaa baqattoota biyya Etiopia irraa itti baqatan irratti labsee jira. Mana baqataa seeraan alatti cabsanii baqataa cafaquun, hidhuu fi ajjeessuun itti fufee jira. Namoota dhiiraa dirqiidhaan hidhanii dubartoota gudeeduunis yakka ilmoo namaa irratti raawwwatamaa jiru tahuun ifaadha. Poolisaa fi sirna dhableeyyii maqaa Alshabaab jedhamuun bobbaasanii dubartii gudeeduu fi ajjeessuun waan dhageettii gurra ilma namaatiifillee hin tolle dalagaa jiru. Mootummaan amantii islaamaa himatu tokko hujii fokkisaa fi jibbisiisaa akkanaa hojjachuun yaada Islaamummaa of-keessaa hinqabu. Maqaa Islaamummaa himataa hujii jibbisiisaa kana hojjachuunis faallaa amntichaa kan hojjetuuf hiikkaa  Islaamummaa kan faallessuu dha.

Amantii Islaamaa rakkataa fi baqataa (musaafira) gargaaraa, nyaachisaa, dheebuu baasaa jedha malee reebaa hidhaa, cafaqaa fi ajjeesaa hinjedhu.

Haala amma dhalate kana ka’umsa godhachuun sababii hundee namoota Itoophiyaa baqachiisan xiinxaluu fi furmaata waaraa akeekuun hedduu sardaa fi waan yeroo namaaf hin kenninee dha.

Namoota biyya itti dhalatan (Ethiopia) jireenna baqaa jiraachuuf dirqaman maaltuu akka biyya irraa godaanan  isaan godhe?

1.            Imaammata siyaasaa fi waraanaa walirraa hincitnee – Akkuma beekamuu seenaan Itoophiyaa akkaataa uumama ishee irraa seenaa imaammata siyaasaa fi waraana labsuu akka tahe beekamaadha. Biyya Itoophiyaa keessatti mootummaan tokko yoo dabree ka biraa dhufu aangoo mootummaa qabachuufis ha tahu aangoo irra turuuf  waraana labsee lubbuu nama hedduu fixuu dha. Haalli akkasii ammoo jireennyaa fi mana namoota kumaatamatti lakkaawwaman jireenya baqaatiif dabarsee kenna.

2.            Imaammataa fi Siyaasaa rakkoo biyyoota ollaa gaanfa Afrikaa waraanaan furuu – Mootummoonni  aangoo mootummaa Itoophiyaa qabatan rakkoo biyyoota ollaa jiddutti dhalatan nagayaa fi haasawaan furuu hinbeekan. Aadaa akkasillee hinqaban. Fakkeennaaf bara 1977 waraanni mootummaa dargii fi somaaliyaa, akkasumas baruma as aanu kana  lolli biyya Ethiopia fi biyyoota Somaalee fi Erteraa jidduutti godhame lubbuu namoota kumaatama hedduutti lakkaawaman galaafatuun, qabeenna biyyoota lamaanii gubuu fi mana namoota kumaatamatti herregamanii diigee jirreenya baqaatiif saaxiluun waan haalamuu miti.

3.            Waraana ummatoota giddutti godhamu (Civil war) – Seenaan biyyoota gaanfa Afrikaa seenaa mootummaan tokko kan biraa irratti waraana labsu qofaa osoo hintahin rakkoo ummatoota jiddutti dhalatan karaa nagayaatiin furuu irra dhibdee babaldhisuudhaan ummatoota walficisiisuun aadaa baratame. Lolli ummatoota giddutti godhamus lammiiwwan kumaatamam hedduutti lakkaawaman manaa fi qabeenya irraa buqqisee jireenna baqatummaatiif dabarsee kenna.

4.            Mirgi ambummaa, dimokiraasii fi namoomaa mulqamuu – Mootummoonni Ethiopia dhufaa-dabran Itoophiyaa mirga ambummaa, namoomaa fi dimokiraasii kabajuun hafee mirgoota kan dhiitanii fi  sarban malee hinjiraatan. Nama biyya cafaquun, hidhuu fi seeraan alatti ajjeessuun aadaa mootummoota Itoophiyaa tayee beekama. Namoonni dhibbootaa fi kumootatti herregaman hidhaa fi ajjeechaa jalaa dandamachuuf biyya dhiisanii mana isaanii cufanii biyya biraatti goodaanu.

5.            Hiyyummaa fi balaa uumaa – Sababiilee rakkina uumamaa fi hiyyummaa irraa kan ka’e namoonni hedduun biyya dhisanii baqatan. Qophiin balaa uumaa injifatanii lammii gargaaruu waan hinjirreef namoonni baqachuuf dirqaman. Hiyyummaa jalaa baqatanii jireenna wayyeeffachuuf imalti godhamus lakkoofsa baqataa Itoophiyaa kumootaan dabalaa jira. Mootummoonni Itoophiyaa yaroo aangoo qabatan tooftaa fi tarsiimoo hiyyummaa hundeen dhabamsiisanii jireenya ummataa wayyeessuuf hojjatan hin qban.

6.            Imaammata lammii biyyaa lafarraa buqqisuu – Mootummoonni Ethiopia dhufaa-dabran  amba ykn lammii lafarraa buqqisanii gurgurachuun yookiin fudhachuudhaan namoota kumootatti herregaman baqachiisan. Baruma amma keessa jirru kana lafa lammii biyyaa kubbaaniyyoota Indiyaa, Chainnaa fi Saudi-Arabiyyaatti gurgurachuun namoonni lafaa fi qe’ee isaanii irraa buqqifamanii baqatan akka laayyotti waan laalamanii miti.

Mootummaan saud Arabia Baqattoota Ethiopia haallan jibbisiisaa akkasii dheessuun itti baqatan Cafaqaan, hidhaa fi ajjeechaan irratti adeemsisaa jiru haal-duree tokko malee dhaabbatuu akka qabu ADOn ni dhaammata.

Mootummaan Saudii-Arabiyyaa Seera mataa ofiitiif baasee fi seera addunyyaa kabajuu qaba. Kakuu fi waadaa ummata addunyaa duratti seene ulfeessuu qaba. Akka seerri addunyaa ibsutti mootummaan Saudii mirga kooluu galtummaa tiiksuu qaba. Baqataa lubbuu isaa baafachuuf biyya ofii gad dhiisee biyya isaa jalatti golgatu sirnaa fi seeraan simatee tajaajiluu malee cafaquun, hidhuu fi ajjeessuun yakka yakkaa oliti. Baqataa lubbuu isaa baafachuuf roorroo jalaa dheessu dirqiin qabanii biyyatti darbunis seeraa fi waadaa mootummoota addunyaa keessatti dhorkaadha.

Mootummaan Itoophiyallee rakkoo baqattoota Itoophiyyaa hundeen furuuf dirqama olaanaa qaba. Rakkoo biyya Saudii-Arabiyaa fi biyyoota adda addaa keessatti baqataa Itoophiya irratti gahuuf itti gaafatama olaanaa qaba. Roorroo fi dararaa baqattoota Itoophiyya irra gayaa jiruuf itti gaafatama jalaa dheessee bawuu hindanada’u. Sababiileen hundee ummatootaa fi lammiiwwan biyyichaa baqachiisan hedduun mootummaa Itoophiyaa ilaalu. Mootummaan itoophiyaa imaammata siyaasaa fi waraanaa jijjiiree rakkoolee biyyoota ollaa wajjiin dhalatan karaa nagayaatii fi haasawaan furuu qaba. Mootummaan Itoophiyaa rakkoolee saboota Itoophiyaa jiddutti dhalatan hafarsee ummata wal-lolchisuu dhaabee karaa nagayaatiin furuu aadeffatuu qaba. Dhalloonni akka biyya isaa dhiisee goodaanuun biyyoota akka saudiitti dararamuun akka hafutti mootummaan Itoophiyaa mirga ambummaa, namoomaa fi dimokiraasii kabajuu qaba. Ummatoota lafarraa buqqisee lafa gurgurachuu dhaabuu qaba. Akka ADOn amanutti yoo rakkoolee fi dhibdeelee armaa olii hundeen hiikaman rakkoon baqataa walumaa galatti hundeen hiikama. Mootummaan Saudiis tahee mootummaan Itoophiyaa rakkoo baqataa Itoophiyaa biyya Saudiitti dhaqabe kanaaf walqixa itti gaafatamu.

ADOn dhibdeelee kannee fi mirga ambaa kabachiisuun lammiiwwan biyya ofii irraa baqachuu irraa biyya ofii jaallatanii akka keessa jiraatan haala mijeessuuf qabsa’a.

Kun ejjannaa ADO ti

Comments are closed.