December 16, 2017

Heera fi Higga Mangist Ilaalchisee Ergaa Gulaalaa Imaammata ADO ibsu

Addi Dimokiraatawaa Oromoo (ADO)n bu’ureeffama isaa ilaalchisee menfesto baase keessatti Ethiopian erga akka biyyaatti moggaatee ka’ee takkaallee seera mootummaa, kan ummanni irratti mar’atee ittiin buluuf raggaasifte akka hin qabnee fi hanga har’aatti hegge-mengist qofaa akka qabdu ibse. Ittti fufuunis hegge- mengistiin kun ammoo meeshaa cunqursaa warra biyya sana walduraa duubaa bulchaa turanii fi jiranii ta’ee akka tajaajilu ibsuun, ADOn waan irratti qabsa’uuf lafa kaawwate keessaa tokko hegge-mengistii sana gara heeraatti jijjiiruun biyya Ethiopia keessatti olaantummaan seeraa akka jiraatu taasisuu ta’uu isaa ibsee ture.

Dhaggeefattooni keenya kan Afaan Oromoo, Afaan Ingilizii fi Amaaraa beekan, maal Heera (Constitution) fi Higga Mangistiin tokkoo mitii? Maalif kana akka adda addaatti dhiheessu jedhanii yaadu akka malan ni shalgana.

Constitution (Heeraa) fi Higga Mangist warri Ethiopia bulchan turanii fi jiran jedhan garaagarummaa isaa Addi Dimokiraatawaa  Oromoo ADOn carraa kanaan  gad fageenyaan hordoftoota isaaf ibsauu fedha.Heera (Constitution) jechuun gabaabaatti kaayyoolee sirna tokko itti dhaaban  ykn itti ijaaran jechuu dha. Akka dhimma irratti dubbannu itti ammo, Heera (Constitution) jechuun kaayyoolee sabni tokko, ykn mootummaan ykn sirna siyaasaan itti ijaaramuu fi ittin bulu jechuu dha.

Heera (Constitution) walii galtee ummataa irraa madda. Heerrii ummataa ykn ummatootaa fi mootummaa, bulchitootaa (rulers) fi bulchifamtoota (ruled) walitti hidha. Heerri ykn Constitution jechuun isa bulchifamtootaanii fi bulchitootaan illee kabajamuu dha. Heera kabajuu fi ittiin buluun bulchifamtootaa fi bulchitiitootaaf illee dirqama jechuu dha. Heerri aangoo bulchitotaa fi mirgooata bulchifamtootaa ifa itti lafa kaayaa. Daangaa aangoo bulchitootaas murteesa.

Heerri (Constitution) kan hin katabamin ykn kan katabame tahuu dandaya. Fakkeenyaaf Heerri Gadaa Oromoo heera hin katabamini. Garuu Oromoon hamma dhuma Jaaraa 19ffaa mootummaa Habashaan caphee koloneeffameetti Heeraan bulaa ture.  Akkasumas biyyi Ingiliizii illeen biyyoota Osoo Constitution katabame hin qabaatain baroota dhibba hedduuf heeraan bulaa turan keessaa isa biraa dha.  Haa ta’uyyuu malee  bara 1789  erga Constitution  USA barreeffamee ragga’ee  kaasee biyyoonni Constitution barreeffame qabachuun aadeffamaa dhufe.

Mootummaan Habashaa sirna Fitiha Nagistii fi erga Emperor Haile Sillaaseen aangoo qabatee irraa jalqabee Higga Mangist jedhamu irratti dhaabbate. Abisiini’aan erga ummata Oromoo fi ummatootaa kibbaa lolaan caphsisanii maqaa Itoophiyaa baafatanii ka’ee  Higga Mangistii barreefaman Afur qaban.

Higga Mangistiin  Habashaa kunis  kaayyoolee Heeraa (Constitution) gubbaatti tutuqne guutuu itti hin guutan. Hir’ina qabu.

Higga Mangist Itoopiyaa hundi sababoota hedduuf Constitution jechuun hin dandayamu ykn rakkisaa dha. Sababni isaas:-

1.            Higga Mangist Itoophiyaa hundi kan waliif galtee ummatootaatin tolfamanii miti. Higga Mangist Itoophiyaa bulchitootaatu ummataaf ykn bulchifamtootaaf kenna, ykn ummatoota irratti fe’a.

2.            Higga Mangist Itoophiyaa hundi bulchifamtoota irratti dirqama; ammo Higga Mangist Itoophiyaa bulchitoota irratti dirqama tahee hin beeku. Tanaaf jecha, Habashoonii yeroo mammaakan “Samaay Ayitaarra; Nugus Ayikassas” jedhu. Hiikkaan isaa, “Akkuma waaqa irratti oorruu qotachuun hin dandayamne, Nugusa illee himachuun hin dandayamuu” jechuu dha. Nugusni biyya habashaa ykn Hogganaan mootummaa habashaa heera ofii baasee itti hin bulu; inni heeraa oli jechuudha. Faallaa kanaa, akka Heera Sirna Gadaa Oromoo itti, Abbaa Gadaa fi hoggantoonni Oromoo hundi Heeraa gadi. Tanaaf jecha Oromoon Abbaa Gadaatin “ Heera Gadi; waaqaa gadi suma” suma jedhuun. Akka Aadaa Heera Oromoo itti, Heerrii hunda oli; heerri bulchitootaa fi bulchifamtota irrattis dirqama jechuu dha.

3.            Akka Higga Mangist Itoophiaa itti, bulchitoonni ummata duratti itti hin gaafataman.

4.            Maddi aangoo bulchitoota Habashaa ykn Itoophiyaa waaqaa (divine right of kings) ykn humna.  Maddi aangoo siyaasaa ummta akka tahe yaadaa fi aadaa Higga Mangist Habashaa keessa hin jiru. Bar dhihoo as, barreefamaa fi afaaniin hundeen aangoo mootummaa ummata jedhamee mootota Itoophiyaatin labsamu illee, labsi maddi aangoo ummata tahuu isaa kabajamee hin beeku.

5.            Maqaan taayitaa hoggantoota Itoophiyaa Nugusa Nagist (Mootii Moototaa) irraa gama President ykn Prime Minster geeddaramu illee, akkanumattis maqaan biyyatti  Mootummaa Impaayara Itoopiyaa (The Empire State of Ethiopia)  irra gara Repulika Deemokraatawaa Ummtaa ( People’s Democratic Republic of Ethiopia) fi   Republika Federaalawaa Deemokraatawaa Itooophiaa (Federal Democratic Republic of Ethiopia) itti geeddaramu illee, aadaan heeraan buluu hin jiru. Akkuma gaafa Nugusaa, jara kana irrattis himannaa dhiheessuun hin dadayamu; tahee hin beeku.

6.            Yeroo mootummaan (regime) Itoophiyaa geeddarame,  Higga Mangsit illeen wajji geeddarama. Humni aangoo qabate hundi, Higga Mangist isaaf tahu safaratee hodhatee labsa.

Sababoota asii olii kanneenif jecha, akka ilaalcha ADO itti, Itoophiyaan Higga Mangist malee, Heera (Constitution) qabaattee hin beektu. Tanaaf jecha, Itoophiyaa keessa, Higga Mangist malee, Constitution (Heerri)  hin turrees, hin jirus kan jennuuf.

ADO akka qixxummaan sabootaa fi ummatootaa dhugoomu, haqni akka tikfamu, mirgoonni namoomaa fi sabootaa akka kabajamu fi hujiiirra oolu, heeraan bulmaanni dhaabbatee akka dagaagu, negeenyi waaraa akka bu’uu fi guddinni dinaggee fi hawaasummaa addaan hin citne akka mirkanaawu, Itophiyaan akka gara federeeshina deemokraatawaa sabdaneessaa itti  geeddaramtu, Heera (Constitution) qabaattuf qabsaawa.

Constitution (Heerri) ADO-n qabsaawuf kunis:

1.            Kan bakka bu’ooni sabootaa fi ummatoota Federeeshina Deemokraatawaa Sabdaneessaa ijaaruuf fedhii qaban keessaa isaaniin birmadummaan filamaniin wixinama.

2.            Heerri ADO-n qabsaawuf kun  aangoo fi dirqama mootummaa feederaalaa, akkanumattis aangoo fi dirqama mootummoota miseensa federeeshinaa tahanii jaaramanii

3.            Mirgoota namoomaa adda hin sharafamin

4.            Hariiroo mootummoota miseensa federeeshinaa tahanii fi mootummaa federaalaa fi wkf ibsee, sararee lafa kaaya.

5.            Heerri akka kanaan bakka bu’oota sabootaa fi ummatootaan wixiname, murtii ummataaf dhihaate,  sagalee ummataa wayyaba taheen ragga’ee Heera taha.

Heera (Constitution) akka kanaan tumame, kontraata ummatootaa  dantaa ofii fi dantaa waloof,jecha itti seenan taha. Heera akka kanaan tolfameetu hundee tokkummaa federeeshena demokraatawaa taha. Heerra kanatu ummataa fi mootummaa, ummataa fi ummata walitti hidha.

Yoo akka kanatti tokkummaan ummatootaa fi biyyaa ijaarame qofa, tokkummaan tokkummaa deemookraatawaa taha; tokkummaa qiximmaa fi dantaa hundaa irratti ijaarame taha.

Tokkummaa demookraatawaa fedhii ummataa irratti dhaabbate kanaatu gootummaa fi jaalala biyyaa heeraa irraa madde (constitutional patriotism) akka lalisu godha.

Akka ilaalcha ADO itti, federeshin demookraatawaan sabdaneessa akka kanaan ijaaramee, tokkummaa heerawaa (constitutional) takkee, tokkumaa qixxummaa fi  uf bulchuu fi wal-bulchuu (self-rule and shared rule) dhugoomsuu, tokkummaa adda addummaa ummatootaa (unity in diversity) hammatee, mirgootaa fi dantaalee ummata hundaa kabaju waan taheef jecha, akeekni kun filmaata hundaa akka tahu ADO ni barsiisa; ni qabsaawaa.  Jechuun ergaan gulaalaa imaammata ADO ibsu yaada isaa gudunfa.

Comments are closed.