August 18, 2017

Haala ammatti Ethiopia keessatti mul’achaa jiru ilaalchisee Ibsa Koree Gidduu ADO

Haala ammatti Ethiopia keessatti mul’achaa jiru ilaalchisee Ibsa Koree Gidduu Adda Demokraatawaa Oromoo

Teessumni Koreen gidduu Adda Demokraatawaa Oromoo/ADO Hagayya 1-2 bara 2016ti gaggeeffame. Teessuma Koree Gidduu ADO isa ammaa kana kan adda taasisu ummanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessatti baatii salgan darbaniif fincilaa fi mormii mootummaa abbaa Irree Ethiopia irratti gaggeessaa ture yeroo kamuu caalaa jabinaa fi gootummaan yeroo itti finiinsaa jiru keessatti gaggeeffamuu isaati. Koreen Gidduu Adda Demokraatawaa Oromoo; Ummanni Oromoo, dorsisa mootummaa fi tarkaanfii sukkaneessaa waraanni mootummichaa irratti raawwachaa jiru dura dhaabbachuun qabsoo karaa nagaan fincila gaggeessaa jiru sadarkaa ol anaarra geessisuu isaa fi ummanni Ethiopia biroonis fakkeenyummaa isaa fudhatanii fincila wal fakkaataaf akka kaka’an taasisuu danda’uu isaaf dinqisiifannaan isaa guddaa dha. ADOn qabsoo karaa nagaa gaaffii ummanni keenya qabatee ka’ee fi aarsaa itti baasaa jiru kun hanga fiixa ba’utti karaa danda’e hundaan cinaa dhaabbatee akka qabsaa’u irra deddeebi’ee mirkaneessa. Gaaffii mirgaa gaafatames hanga deebii argatutti qabsoo karaa nagaa jalqabe kun jabaatee akka itti fufuufis cimsee jajjabeessuu fedha. Koreen Gidduu ADO kun haala yeroo ammaa kana Ethiopia keessa jiruu fi addatti ammo fincila seena qabeessa Oromiyaa keessatti deemaa jiru akka armaan gadiitti xiinxaleera.

Sochii qabsoo karaa nagaa ummanni Oromoo gaggeessaa jiru ilaalchisee
Addi Bilisummaa Ummata Tigiray (TPLF)n kan hogganamu EPRDF waggoota 25f kophaa isaattii aangoo qabatee jiraatellee ykn demokiraasii dhugaa biyya kana keessatti akka uumamu hin goone, ykn ammo misoomni inni agarsiise jedhee halkanii fi guyyaa akka milkiitti ittiin dhaaddatuu fi if jeju guddina dhugaa argamsiisee ummata keenya rakkoo jireenyaa hamaa qabatee jiru irraa furuu hin dandeenye. Caalaatti iyyuu cunqursaan mootummaa kanaan ummata keenyarra ga’u daran hammaachaa dhufuu fi biyyittii keessatti kan mul’ate; hiyyumni ummataa, rakkoo fi gidiraan yeroo kamuu caalaa hammachuun qee irraa buqqa’uun, beelli, biyya irraa baqachuun tasgabbiinsi dhibuunii fi gadadoon jiraachuun ummataa mallattoo sirna bulchiinsa EPRDF ta’ee jira.

Akkuma beekamu ummanni Oromoo yeroo dheeraaf qabsoo karaa nagaan fincila wal irraa hin cinne qabsiisee kan itti jiruuf rakkoon mootummaa kanaan irra ga’aa jiru yeroo kamuu caalaa hammaatee itti fufuu isaan. Sirna bulchiinsa TPLF/EPRDFn rakkoo uumameen kan miidhamee fi cunqursaa hamaa jalatti kufee jiru ummata Oromoo qofa waan hin taaneef mormiin jiru kutaalee biyyichaa hundaa keessatti babal’achuun mormii fi fincilli deemaa jiru kan naannoorra taree, kan sadrkaa biyyaa ta’ee jira. Fincilli ummataa, Oromiyaa keessatti cimee itti fufuun kutaalee biyyichaa qaqqabee jiraatellee, mootummaa biyya bulchaa jiru irraa garuu deebiin kennamaa jiru akkuma barametti gaaffii ummataa kana humnaa fi meeshaa waraanaan ukkaamsuurra kan tare hin taane.

Kunis kan agarsiisu qondaalonni mootummichaa kanneen biyyicha akka fedhanitti gaggeessaa jiran, fedha ummataarra ammallee tayitaa fi dantaa mataa isaaniif dursa kennaa jiraachuu isaanii agarsiisa. Dantaa fi qananiin isaanii kunis akka jalaa hin xuqamneef, waraana isaanii, kan ummataaf osoo hin taane qondaalota olaanoo kanaaf aantee ta’an meeshaa waraanaa jabanee ta’e hidhachiisuun ummata karaa nagaa gaaffii dhiheeffachaa jirutti dhukaasisanii; dhibboota baayyee ajjeessan, kumaatama baayyee dhiiga dhangalaasanii madeessan, kanneen kumaatama baayyee ta’anis mana hidhaatti guuruun achitti qaamaa fi qalbiin dararuu akka furmaataatti fudhatan.

Gochaa hammeenyaa mootummaan kun fudhachaa jirus ummata keenya baatii salgan darbaniif fincila gaggeessaa jiran daran jabeessee fuula duratti kan tarkaanfachiisaa jiru malee, kan boodatti deebise hin taane. Murannaan ummataa kunis jijjiirraa mootummaa biyya sana keessatti dhufaa jiraachuun isaa kan hin hafne ta’uu isaa addeessaa jira. Kanaafuu ummata Oromoon jabaadhu, fincila qabsoo karaa nagaa itti jirtu jabeessii itti fufi, nus waan dandeenye hundaan si waliin jirraa jenna. Itti dabaluunis saboota Ethiopia biroo waliin walitti sibuusee, aangoo ofii dheerefachuuf daba warri biyya bulchaa jiru raawwataniinis dagamtee saboota biyya sana keessa jiran waliin wal dhabiinsa hin taane keessa hin seenin. Akkuma kanaan dura gochaa turtetti of eeggannoo barbaachisaa taasifachuun qabsoo kee finiinsi jenna.

Sochii fi mormii ummata Gondor ilaalchisee
Baatii sagal dura Oromiyaa keessatti sochiin fincila ummataa finiinee ka’e, biyya keenya keessatti sirna dimokiraasii dhugaa fiduuf warraaqsa ummataa gaggeeffamaa jru keessatti ummanni Oromoo bakka isaaf malu qabaachuutti dabalee ummattoota Ethiopia biroo biratti fakkeenyummaan isaa haala gaariin kan ilaalame waan ta’eef, warraaqsi ummataa kutaalee Ethiopia biroo keessattis cimee akka qabatuuf sababa ta’eera. Gondor keessatti sochiin fincila ummataa dhiheenyatti jalqabes fedhaa fi filmaata ummataaf bitamaa kan ta’ee fi gaaffii mirgaaf deebii ariifataa kan kennu sirna bulchiinsa dimokiraatawaa dhugaa ta’e fiduuf qaama sochii fincila hawaasaa biyyichaati.
Gaaffii ummata Gondor kan seena qabeessa taasisu fi sochiin isaanii sochii qaama ummattoota Ethiopia biroo ta’uu isaa kan mirkaneessu keessaa tokko gootichi ummata Gondor jalqabuma murna biyya bulchaa jiruun dararaa fi cunqursaa, akkasumas hammeenya hamaa ummata Oromoorra ga’aa jiru balaaleffachuun, dhiigni oromoo dhangala’e kan isaas ta’uu, lubbuun qabsa’ota Oromoo darbe kan isaas ta’uu ibsuun gaaffiin ummata Oromoos qaama gaaffii isaa ta’uu haala hin mamsiisne tokkoon ibsachuu isaati.

Ummatoota gidduutti waliin qabsa’uu fi tumsa walii ta’uuf, afuurri tokkummaa fi walhubannaa akkasii jiraachuun fincilli ummataa golee biyyichaa keessatti babal’atee qabachuun dafee galii isaa akka ga’u taasisuurra darbee tasgabbii egeree biyyichaaf wabii ta’a. waan ta’eefis sochii fincila ummata Gondor kana seena qabeessaa fi jalqaba gaarii kan galatoomfamu taasisa. Nuti miseensonni Koree Gidduu Adda Demokraatawaa Oromoo /ADO sochii fincila ummata Gondoriif raajefannaa fi ulfina qabnu ibsaa, sochiin fincila ummataa karaa nagaa jalqabe kun hanga galii isaa ga’utti karaa dandeenye hundaan isin bira dhaabbachuu keenya mirkaneessina. Carraa kanaan bilisummaa, tokkummaa fi demokiraasii kanneen hawwitan ummattootni Ethiopia imaammata Mootummaa Ethiopia kan gargar qoodee bitaa ta’een osoo hin dagamin waliin dhaabbachuun burqaa rakkoo hunda keenyaa kan ta’e sirna mootummaa cunqursaa fi abbaa Irree kana hundeen buqqifnee biyya ummanni biyyattii nagaa, walqixummaa fi dimokiraasii dhugaan keessa jiraatan uumuu akka dandeenyuuf harka wal qabannee haa qabsoofnu jechuun yaamicha obbolumma isiniif dhiheessina.

Waamicha Tokkummaa dhaabolee Siyaasaa biyyoolessa Ethiopia hundeessuu ilaalchisee
Koreen Gidduu ADO kakaùmsa fi tattaafii gara garaa KHR ADO dhaabolee siyaasaa fi geggeesitoota qaamolee Itophiyaa gara garaa dhaqabuuf gochaa turee fi jiru gadi fageenyaan irratti marihatee jira. Kanaraatti hundaawuunis, walitti dhufeenyi haga ammaati ijaarame jajjabeessaa tahuu isaa hubatee, akka KHR ADO dhimma kana daran jajjabeessee gara dhugoomsuu dhaaba siyaasaa biyyoolessa Ethiopia, kan fincila karaa nagaa biyya sana liqimsee jiru kana hogganuu dandahu tokkotti cehuuf cimsee akka irratti hojjetuuf qajeelfama kennee jira. Walitti dhufeenyi dhaabolee siyaasaa gara garaa kun qabsoo itti jiramu kana saffisiisuu fi hoggansa barbaachisaa kennuu qofaa otuu hin taane bu`ura cehumsaa fi nagaas hundeesuuf gargaara. Kanaafis ADOn dhugoomsuu dhaaba siyaasaa biyyoolessa Ethiopia tokoo irratti tattaafachaa jiraachuu isaa gammachuun oggaa beeksisu yeroo dhihoo keessattis itti bahiinsa isaa ummataaf ifa taha jedhee abdii qaba. Yeroo ammaa dhaaboleen siyaasaa marti guddinaa fi jijjiirama siyaasaa biyya keessatti deemaa jiru bilchinaa fi damaqiinsaan hubachuun walitti dhufanii qaawwa caccabuu mootuummaan aangoorra jiru waliin walqabatee uumamuu malu hambisuuf akka hojjetan waamicha goona.Yoo tokkoomne ni injifatna, yoo hiramne ni injifatamna. Kufaatiin EPRDF mirkana. Gaafiin jiru garuu gaafa kufaatii isaa baruu qofa malee. Ummati keenya gara sirna demokraatawwaati tarkaanfachuu keessatti gahee hoogansa ijaraa xabachuu qabna. Akka carraalee baayyeen kanaan dura nu darban carraan kun nu darbuu hin qabu.

Waamicha Jaarmyaalee idil adunyaaf
Koreen Gidduu ADO akka Jaarmyaaleen idil adunyaa degersa maallaqaa fi loltummaa mootummaa abbaa irraa Ethiopia, ka Adda Bilisummaa Ummata Tigraayiin/TPLFn durfamu kana irraa dhaabaniif sababaalee armaan gadiif gaafanna.

Calqabaa fi hunda dura, mootummaan kun biyya keessatti jibbamaa fi ka fudhatama hinqabne, ka degersa hognsaa ummata Ethiopia irraa otuu hintaane, ka humnoota alaa qofaarraa argatu waan taheef. Mootummaan Amerikaa fi miseensoti Jaarmyalee idil adunyaa biroon, maqaa shororkessummaa loluun duudha sirna demokraasii isaanii fi egeree nageenyaa ka yeroo dheeraa mootummaa amma aangoorra jiru kana degeruun gaafii jala galchaa jiru. Degarsa Amerikaan mootummaa abbaa irree Ethiopia ka fudhátama ummataa hinqabneef itti fufiinsaan laatan, fedha nageenyaa isaan yaroo dheeraaf qaban sharafa. Kana waan taheef fedha ykn gaaffii ummata biyya keessaa, ka TPLF/EPRDF bulchaan jira jedhu kana guutuuf, dhiibbaan mootummoota aangawoo biyya alaa TPLF irratti tahuun murteesaadha. Kanaaf Mootummaan idil Addunya gargaarsa ilma namummaa fi lubbuu baraaruurrran kan hafe Mootummaa TPLF/EPRDF kennaa jiru akka dhaabu gaafanna.

Haqaa fi bilisummaan hundaaf
Koree Gidduu Adda Demokraatawaa Oromoo
Hagayya 5. 2016

Click here for PDF

Comments are closed.