August 18, 2017

Ergaa Gulaalaa Imaammata ADO Ibsu

Addi Demokiratawaa Oromoo ibsa waggaa haaraa bara 2014 baase keessatti bara

Kana hojii gurguddaa lama akka isa eeggatu ibse, kunneenis haala ummata isaa keessatti qaamaan argamee qabsoo bilisummaa ittiin finiinsu mijeessuu fi  dirree saboota biroo

wajjiin qabsoo ittiin qindeeffatu anjeessuu akka ta’e addeesse. Itti dabaluunis Addi Dimokiratawaa Oromoo  mul’ata isaa kana fiixaan baasuuf qaama kamuu  kan rakkoo biyya sanii furee biyya sana biyya saboota hundaa akka taatu barbaadu wajjiin hojjechuufis ta’e waliigaltee uumuuf qopha’aa tahuu ibse.Addi Democratwaa Oromoo, yeroo ibsaa fi hawwii bara haaraa baase kana, bara haaraa kana “waa jennu malee akkasumaan hin callifnu” jechuun numarraa ha bahuuf dhaamsa dhaammate utuu hin tahiin, Saganataa fi ibsa bu’uuraa akka dhaabaatti lafa kaawwatee fi karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa baafate irraatti wanneen irraa dubaa fi tartiibaan kaawwate hojiitti fasaruu irraa ti.

Pirezdantiin Adda Demokiratawaa Oromoo Jaal Leencoo Lataas Amajjii 13 bara 2014 Radio Garman DW (Doche Veelee) sagantaa afaan Amaaraa waliin gaaffii fi deebii gaggeessan keessatti isa kana cimsanii ibsan. Ibsa isaanii keessatti; Imaammanni ADO Ethiopia tokkummaa kijibaaa irraa gara tokkuummaa dhugaatti jijjiruu fi bifa impayerummaa hanga ammaatti qabattee deemaa jirtu  irraa gara biyya saba hundaa kan mootummaa federala dimokiratawaa sabdaneessaa ta’een bakka buusuuf yaada jirus itti dabalanii ibsan.

Gaaffii fi deebiin gabaabaa J. Leencoo Lataa Doche veelee irratt taasisan kana hundee godhachuun media len Ethiopia kan biyya keessaa fi biyya ambaa maadheffatan gaaffii fi deebii kanatti hiika mataa isaanii kennuun afaan faajjii tokko tokko uumuuf yeroo isaan carraaqantu mul’ata. Irra darbees sabqunnamtii ummataa kan akka Paltok fi radion olola boriif hin tolle yeroo dabarsantu mul’ata. Akkasumas namoonni murnoota siyaasaa adda addaa keessatti hammatamanii jiran adda addaas sodaa fi yaaddoo itti dhaga’amu irraa ka’anii waan dhaaba kanaaf hin malle yeroo dubbatantu dhaga’ama.

Murnootni kaleessaa fi har’allee gaaffii qabsoo Oromoo gatii dhabsiisuu yaalan kun, har’a akka nama mirga Oromoof dhaabbateetti  “osoo biyya keessaa Oromoon miidhamaa, hidhamaa fi ajjeefamaa jiruu ADO akkamiin biyyatti galuuf saganteesse” jechuun olola oofan kun eenyu jennee yoo ilaalle

1)            Warra eegala qabsoo keenya irraa kaasanii haga har’aatti qabsoo Oromoon mirga isaa deeffachuuf gaggeessaa jiru dura dhaabatanii fi sirna kaleessaa deebisuuf carraaqan, murna seenaa irraa hin barannee fi murna of booda malee of dura ilaaluu hin dandeenye ta’uu isaanii agarra.

Itti dabalees isaan kun warra yeroo hunda gaaffiin Oromoo bifa kamiinuu deebii argatee, Oromoon biyya isaa irratti abbaa, qabenya isaa irratti abboomaa, jireenya isaa irratti murteessaa ta’ee akka hin jiraanneef, Oromoon akka Oromootti biyya tokko, saba tokkoo fi hiree tokko qabaatee jiraachuu isaa arguu jibbanii fi isa kana hanqisuu fi bifaa fi haala adda addaan carraaqaa turanii dha.

2)            Murni biraan kan ijaaraaramuu fi deemsa ADO irraa sodaa qaban, kanneen mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti maqaan isaanii xuqamu, garuu qabsoo sabaa kana bakkaan ga’uuf mul’ata tokkollee hin qabne, ykn mul’ata qaban fiixaan baasuuf karaan jalaa wal rukutee jiru ta’u isaa ilaalla. Itti dabalees namoota ykn murnoota yeroo adda addaatti humnoota fedhii oromoo dura dhaabbatan waliin ijaaramanii deemsa qabsoo saba kanaa irratti dhagaa darbachaa turanii fi jiran ta’uu hubata. Murnoota kana hundaa irraa waan hubatamu sodaa akkamii akka isaan deemsa ADO irraa qaban qofa dha.

Sababni isaas, murnootni Oromoon saba guddaa, kan aadaa, seenaa fi biyya mataa isaa qabu, akkasumas qabsoo inni gaggeessaa jiru kan haqaa ta’uu isaa hin fudhanne kun halkanuma tokkotti galagalanii isin caalaa nutu isinii beeka jechuun waan hiun danda’amneef.

ADO sagantaan fi imaammatni itiin masakamu  Oromoo fi saboota Ethiopia hundaaf daandii qajeelaadha jedhee amana. Kana hojiitti hiikuufis ciminaan hojjetaa jira. ADOn qabsicha biyyatti galchee saba ofii keessatti gad dhaabuuf yeroo deemuttis, kun gatii akkamii akka baasisu sirriitti hubata. Gatii kana baasuufis qophee of taasiseera . Qabsoon wareegamaa fi aarsaa malee akka hin dhufne waan hubatuuf. Ummata ofii keessatti argamanii waliin hojjechuu, waliin qabsa’uun, waliin hidhamuu fi yoo barbaachisaa ta’ees aarsaa barbaachisaa hunda waliin fudhachuuf of qopheessa.

Kanaafis Addi Demokiratawaa Oromoo ADOn olola gartuuleen; ADO biyyatti deebi’uun akka waan qabsoon Oromoo harka kennattetti lakkaawauun ”utuu Oromoon hidhamuu fi ajjefamuu” biyyatti galuun, sana irrayyuu darbee Oromoo isa hafe hidhaatti naquuf kan jedhamee ololamuuf sana kan gatii dhabsiisuuf.

Waggoota 20 darban keessatti hidhamuu fi ajjeefamuun Oromoo yeroo dhaa yerootti yoo itti caalaa dhufe malee gad xiqqaatee hin beeku. Kanarraa kan hubannu ammoo Oromoon dammaqee, kana booda alagaaf bitamuu akka hin qabne hubatee, utuu lubbuun jiruu gabroomuu irra ani hidhamee, itti du’ee dhaloota boriif ha darbu kan jedhurraa ta’uu isaatu hubatama.

Ummanni Oromoo yeroo ammaatti mirgi kiyya maaf tuqamee falamataa jira malee ABO ykn ADO ykn ammoo oggana isaatu kakaase miti. Bifa gabaabaatiin kan jennu, Oromoon hanga gaafa mirgi abbaa biyyummaa isaa mirkanaa’ufitti waan bitamuu diduuf hidhamuu fi gidiramuun isaa waan hin ollee dha. Jecha ifaa taheen kan Oromoon hidhamuu fi ajjeefamuun hafu gaafa biyya isaa irratti abbaa biyyaa ta’ee, mirgi ambummaa isaa guutuutti eegameef qofa. Hamma kun mirkana’utti ogganni fi miseensi ADO miidhaa ummata isaa irra gahu irraas qooddataa, ummata isaa waliin qabsoo godhuuf of irratti murteesse.

ADOn akka dhaabaatti sagantaa inni qabatee ka’e ummata biyya Ethiopia keessa jiran hundaaf furmaata dhugaa, egeree biyyattiifis nagaa waaraa fi tokkummaa dhugaa fida jedhee amana. Olola bu’ura hin qabne wali irratti oofuunis, waan nuti hawwinuu fi argachuu barbaannu sana nuuf hin fidu. Kan bu’aa qabu bakka jirru dhaabbannee rakkoo biyya sana kaleessaa fi har’a hudhee jiru maal jennee, isa kana furuuf ammoo ilaa fi ilaameen yoo tarkanafanne qofa. Isa kanaafis balballi ADO yeroo hunda banaa dha.

Sagantaan ADO kan ololaan wixinamee ragga’e miti. Ololaanis hin raafamu, ADOn hanga waan aggammate bakkaan gahutti of duuba deebi’uuf hin jiru, gurra kana ittiin dhagus hin qabu, kaayyoo fi akeekni keenya kan of dura nu tarkaanfachiisu malee kan of duuba nu millachiisu miti. Kan nu waliin of dura tarkaanfatuu barbaadu waliin yoomuu tarkaanfii keenya fuula duratti fuudhuuf qophee dha jechuun ergaan gulaalaa imaammata ADO ibsu yaada isaa gudunfa.

Comments are closed.