October 23, 2017

Empaayeraa Dimokraatessuu Ilaalchisee ergaa gulaalaa Imaammata ADO

Addi Demokratawaa Oromoo, ADO, ummanni Oromoo biyya isaa irratti abbaa, qabeenya isaa irratti abboomaa, jireennya isaa irratti murteessaa ta’ee, sabaa fi saboota biyyattii hunda waliin sirna mootummaa Federaalaa dhugaa, kan dimokiraasii, haqaan bulmaatnii fi wal qixxummaan keessatti dagaagan uumuu akeekkatee socho’a. Kana fiixaan baasuufis Ethiopan dimokiratoftee fedireshenii sabdaneessaatti jijjiiramuun dirqii ta’uu isaatti amana.

Yaadni kun yaada qajeelaa fi eebbifamaa ta’uu waakkachuu yeroo dadhaban akkaataa hujiitti hikamuu danda’amuu isaa irratti namoonni mamii kaasan ni jiru. Hundeen mamii kanaa tokko gaaffii empaayerri akkamitti dimokraatawa jedhuu irraa madda. Read More

Maalummaa Mirga Hiree Ofii Ofiin Murteeffannaa fi Mirga Hiree Murteeffannaa irratti Ejjennaa ADO

Yaadni Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu jedhu, sabni tokko akka sabaatti egeree jireenya isaa karaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa akka isaa ta’utti utubachuudhaaf mirga inni qabu agarsiisa. Mirgi Hiree Murteeffannaa hojiitti yeroo hiikamu, mootummaa ofii qofaatti dhaabbachuu irraa ka’ee amma saba biraa wajjin guutummaatti wol makanii jiraachuu filachuutti deemuu danda’a. Hiika mirga Hiree Murteeffannaa keessatti iddoo guddaa kan qabu “yaadichi yeroo hojiitti hiikamu xumurri isaa maalii?” kan jedhu osoo hin ta’iin, sabi tokko jireenya isaaf ta’u murteeffachuuf filmaata adda addaa qabaachuu isaati.
Read More

Tokkummaa Itoophiyaa ilaalchissee Ergaa Gulaalaa Imaammata ADO

Waggoota jaatamman darbanii kaasee amma ammaatti falmii siyaasaa Impaayera Itoophiyaa keessatti geggeffamaa jiruuf hundeen “Tokkummaa” Itoophiyaa kan ilaalu akka ta’ee hubatamaa dha. Dhimmi “tokkummaa” Itoophiyaa ilaalu hundee falmii siyaasa biyyiittii keessatti adeemsifamaa turee fi har’as adeemsifamaa jiruu akka ta’e hubachuun, maalummaa Itoophiyaa agarsiisuu irra darbee rakkoowwan siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee biyyaatii xaxanii jiraniif furmaata hundee qabu barabaaduudhaaf, akkasumas egeree ummattoota biyyattii keessa jiraatanii fi haariiroo waliin qaban bu’ura harayaa irraatti ijaarudhaaf gargaara.
Read More

Qabsoo karaa nagaa filachuun, mala qabsoo yeroon gaafatuuti!

Lolli, wal dhabbiin, mormii fi bortaan walitti bu’uun jireenya ilma namaa keessatti kan ture garafuulduraa illee kanuma jiraatuu dha. Haalli kun sadarkaa jireenya nam tokkee irraa kaasee hanga sadarkaalee maatii, gurmuu, sabaa fi motummoolee gidduutti mul’achaa turan fuuldura ille hinuma jiraatu. Lollii fi wal dhabbiin kun tokko tokko ifatti mul’atu; kaan ammo dhoksaa fi garaa keessatti osoo walnyaatanii, yeroo eeggatanii gadi bahu. Hundee fi madda wal dhabbii sababoota ta’an keessa kan akka sirna gita bittaa fi bitamaa gidduu , addaa addummaa kaayyoo , aangoo fi bu’aa, ilaalchaa xalilawaa fi itti gala akeekaa sirritti walhubachuu dhabuu irraa shakkii keessa galuun sababoota gurguddaa keessaa haga tokko. Waldhabdeen ykn lolli kunis gariin haasaa nagaan, gariin ammoo afan qawween furmaata argatu.
Read More

Itoophiyaa akka Federeshinaatti caaseffammuu ilaalchisee Ergaa Gulaa Imaammata ADO

Addi Demokratawaa Oromoo(ADO) ummanni Oromoo biyya isaa irratti abbaa, qabeenya isaa irratti abboomaa, jireennya isaa irratti murteessaa ta’ee saboota biyyattii hundaa waliin sirna mootummaa Federaalaa dhugaa, kan dimokiraasii, haqaan bulmaataa, fi wal qixxummaan keessatti dagaagu uumuu akeekkatee socho’a.

Ejjannaan kunis tarkaanfii bara 1991 booddee Itoophiyaa gara federeshina sabootaatti caasessuudhaaf fudhatame ka’umsa godhachuu dhaani. Tarkaanfii qajeelaa kana keessatti ashaaraan ABO fi qabsaa’ota Oromoo kan warra hangafaa har’as akka aduu ganamaatti keessaa hanga’a. Kana irratti dabalees gaafa akka ammaa kana kan maqaa fi fakkeessaa ta’uun hafee dhugaan federeshina sab-daneessaatti itiopiyaan ijaaramtu empaayerummaan biyyattii akka raawwatu qabsa’ota Oromoo keessaa kanneen maman ni xiqqaatu.
Read More

Ergaa Gulaalaa ejjennaa imaammata ADO – May 29

Yeroo ammaa kanatti haalli siyaasaa Ethiopia keessatti mul’atu, baayyee wal xaxaa, yaaddeessaa fi xumurri isaa maal ta’uu akka malullee tilmaamuun kan nama rakkisu ta’aa jira.

Addi Dimokiraatawaa Oromoo (ADOn) akka dhaaba siyaasaa rakkoowwan uummata Oromoos ta’ee kan biroo waggoota dheeraadhaaf turaniif  furmaata waaraa argamsiisuudhaaf dhaabbate tokkootti waan biyya sana keessatti adeemaa jiru dhiyeenyaan hordofa.

Har’a biyya Ethiopia keessatti kanneen gaaffii mirgaa gaafatan, gaaffii mirgaa gaafachuu isaanii qofaan qamaa fi qalbiin bakka jiran hundaatti dararamaa jiru, itti dabalees  mirgi, bilisaan yaada ofii ibsachuu, amantii barbaadan akka barbaadanitti hordofuu, mirgi dubbisuu fi barreessuu, mirgi qooda fudhannaa dhaabbii siyaasaa uggaramee jira. Itti dabalees maqaa misoomaa fi dhaabota misoomaa babal’isuun ummanni qee isaa irraa  buqqawee jireenya gadadoo fi rakkoo hamaa keessa akka jiraatu taasifamaa jira. Faallaa isaan ammoo qoondaalotni Mootummichaa fi kanneen sirnicha lalisan ammoo aangoo arkaa qabaniin duroomaa fi badhaadhaa jiraatan. Kunis balaa guddaan biyya sanarratti gonboobee akka jiraatu taasise.
Read More

Dhalootaa fi Imala Adda Dimokraatawaa Oromoo

Dhaggeesffattoota keenyaa Dhalootaa fi Imala Adda Dimokraatawaa Oromoo mata duree jedhu jalatti qopheen nuti fudhannee dhihaanne, Bu’ureeffama Adda Dimokraatawaa Oromoo fi deemsa isaa fuula duraa irratti hubannaaf qophee dhihaatee dha.

Akkuma beekamu Addi Dimokiraatawaa Oromoo maqaa amma qabu kana qabatee osoo as hin ba’inii fi waltajjii Marii Oromoon beekamaa turetti, ganna tokko darbe kana keessa qorannaa fi maree bal’aa taasisaa ture. Qorannaa fi mare isaa kanaanis  Qabsoon bilisummaa Oromoo baroota dheeraaf deemaa turee ABO dhalche , waggoota afurtaman darban keessatti wareega heedduu baasee, bu’aa hin tuffatamni argamsiisellee rakkoo keessaan qabamee gaadi’amee of dura tarkaanfachuu dadhabuu ta’ee arge.

ABO dhibee keessaan qabamee,  waldhabee, gargar qoqqoodamee, rakkoo keessa isaa nagaan furachuu hanqachuun ammoo;
Read More

Kaayyoon Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO)

Kaayyoon Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO) ummatni Oromo bittaa halagaa jalaa bayee, biyya ofii irratti abbaa biyyummaa isaa deebifatee, mirga guutuu qabaatee ofiin of bulchaa, mootummaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa keessatti ammoo uummattoota biyyittii kan fedhii fi hawwii sirna diimookiraasii jalatti buluu qaban hunda waliin ta’uudhaan mootummaa Federaalaa kan sirna diimookirasii dhugaatiin gaggeeffamu  ijaaruudha. Isa kana dhugoomsuunis Oromoon akka saba guddaa hundee biyyittii ta’e tokkootti aangoo polotikaa  isa fakkaatu akka qabaatu taasisuudhaaf qabsaawuudha.  Kana jechuun biyyi/lafti Oromiyaa handhuura biyyittii, qabeenyi Oromiyaaa utubaa diinagdee biyyittii, sabni Oromoo immoo madaaluma kamiinuu uummata guddaa waan ta’eef dhimmi Oromoo ilaalu sabaaf sab-lammoota biyya sanaa hunda karaa gara garaatiin kan ilaalu ta’uu isaa hubannaa keessa galchuudhaan  qabsoo sirna diimookiraasii dhugaa biyya sana keessatti diriirsuudhaaf  taasifamaa jiru keessatti Oromoon akka saba guddaa tokkootti gayee guddina isaa wajjin wal madaalu akka taphatu taasisuu jechuudha.
Read More