October 23, 2017

Ibsa Ejjannoo ADO Ajjeechaa Ilmaan Oromoo irratti Raawwatamaa Jiru Ilaalchisee!

Official ODF Logo

Torbaan afuran dabran keessa mootummaa EPRDF fi ummata Oromoo giddutti walitti bu’iinsi hamaan godhamaa jira. Sababaan sochii Oromootaa kunis Karooraa Guddicha magaalaa Finfinneetii fi magaalota ollaa isiitti argaman walitti qindeessuuf (Masterplan) jedhu labsuu hundee taasifate. Karoorri jedhame kunis magaalaa Finfinnee badhisuuf jecha qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa irraa buqqisuuf kan akeekkate tawuun hubatame. Yaaddoo kanarraa ka’uun barattootaa fi ummanni baldhaan Oromoo biyya guutuu keessatti hiriira nagayaa godhuu jalqaban. Mormiin Oromoon karaa nagayaatiin godhaa jiru kunis hariiroo xaxaa seenaa dheeraatii fi bara as aanaa kanas hamaataa deeme kan Saba Oromootii fi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru agarsiisa. Sochiin kun dhugaan muldhise yoo…

Read More

Sagantaa Siyaasaa ADO

ODF Political Program

SEENSA SAGANTAA SIYAASAA ADDA DEMOOKRAATAWAA OROMOO (ADO) Itoophiyaan erga dhuma jaarraa 19ffaatti, lola gabroomsaa fi gara-jabeessa mootummaa Menikin geggeefamen, akka biyyaatti ijaaramtee jalqabdee mana hidhaa fi dararama sabootaa, sab-lamootaa fi ummataa ti. Hidhamtoota kanneen keessaa Oromoon saba tokko. Weerarri gabroomsaa Minilikin geggeessame kunis duguuggaa sanyii ummata biyyichaa irraan gahuu bira dabre lubbuu hedduu beelaa fi dhukkubaan galaafatee. Balaa lola kanarraa maddeen Oromoon bilisummaa dhabee, abbaa biyyummaa sarbamee, qabeenya isaa saamamee sadarkkaa gabrichaatti (faanshotti) gadi bu’uu bira lufee (serfs) sirna jibbamaa gabbaarummaa (gabbar system) jalatti kufe. Oromoon yeroo sana irraa eegalee bilisummaa fi kabajaa eenyummaa isaa deebisee gonffachuudhaaf lola walirraa hincitne…

Read More

Labsa Kora Bu’ureessaa Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO)

ODF Begins

Nuti, miseensonni Kora Bu’uressaa Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO) sochii politikaa Oromoo haaraya dhugoomsuu keenya labsina. Sochiin haarayni kunis, kan haqa Oromoo fi saboota Itophiyaa maraaf falmu ta’a. Tarkaanfiin fudhanne kun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqonnaa haaraya saaqa. Kana qofa osoo hin taane, empayerummaa Itophiyaa hundeedhaan buqqisee sirna federalummaa demokraatawaadhaan bakka buusuu akeekkata.

Read More