October 23, 2017

Waamichaa ADO Ummataa Oromoo fi Humnoota Oromoo Maraaf

Official ODF Logo

Weeyraraa “Liyuu Poolisiin” Mootummaa Naannoo Somaalee Biyyaa Oromoo fi Ummataa Oromoo irraatti Geessisaa Jiru Daddaffiin Dhaabuf Waamichaa ADO Ummataa Oromoo fi Humnoota Oromoo Maraaf: Bara sadeen dabaran kana keessa akka argaa jirrutti abjuun Somaaliyaa Guddittii (Greater Somalia) dhugoomsuu ykn daangaa naannoo Somalia baldhifachuu, gargaarsa mootummaa TPLFn hogganamuun dhugoomaa akka jiru ifaa dha. Akka beekamutti imammaanni lafaa Somalee baldhifachu mootummaa Ziyaad Barreen eegale. Abjuun Somaaliyaa Guddittii kun yaada ummata Afaan Somaalee dubbatu, kan Itoophiyaa, Kenyaa fi Jibuutii keessa jiraatan hunda mootummaa Somaaliyaa Guddittii keessatti walitti qabuu fi lafaa naannoo sana dhuunfachuu ture. Abjuun kun imaammata Oromoota Kutaalee Harargee Bahaa fi Dhihaa,…

Read More

Jijjiira tartiiba Qubee Afaan Oromoo illaalchisse ibsa ADO

Official ODF Logo

Kufuu fi masheennuu sirna barnoota TPLF-EPRDFiif Qubeen Afaan Oromoo itti hin gaafatamu! Jijjiira tartiiba Qubee Afaan Oromoo illaalchisse ibsa ADO Duulli dhoksaadhaan sirnaa fi tartiiba qubee afaan Oromoo walumaagalatti sabboonummaa Oromummaa kolaasuu fi suuta suuta Qubee Afaan Oromoo haqanii Qubee Sabaan (Ge’ez) bakka buusuuf godhamu dhiyeenya kana saaxilamuun ifaadha. Shiri «Ijoolleen Oromoo Qubee Afaan Oromootiin (Latin) baratan dubbisu waan dadhabaniif qorannoon godhamee maddi rakkoo kanaa tartiiba Qubee Afaan Oromooti jedhamee ABCn gara LAGMtti jijjiiramuun isaa heddu waan nama gaddisiisuu fi nama qaanessuu jenna. Qorannoo godhame jedhamuu fi rakkoo dubbisuu dadhabuu barattoota Oromoo jidduu hariiroon bifa kamiiyyuu akka hinjirre qormaanni jeedhame…

Read More

Waltahiinsa Ijaaramuu Sochii Biyyaa Itiyoophiyaa

coalition

Waltahiinsa Ijaaramuu Sochii Biyyaa Itiyoophiyaa Uummattootni Itiyoophiyaa bilisummaa, diimokirasii fi haqaaf qabsoon taasisan sadarkaa guddaa irra gahuu isaa hundi keenya ni hubanna. Waggoota digdamii-shanan darbaniif sirna bittaa TPLF jalatti rakkoon ummata keenya irra gahe daangaa waan darbeef sirna kana jalatti garbummaadhaan buluun nu gahe jedhanii gara-kutannoodhaan falmii jalqabuun isaanii qabsoon daandii adda addaatiin waggoota dheeraadhaaf adeemisifamaa ture sadarkaa ol’aanaa irra gahuu isaa kan ifatti mul’isee dha. Sababa qabsoo mirgaa hardhallee gaggeeffamaa jiru irraan kan ka’e, biyyi Itiyoophiyaa garamitti akka deemtu haala nama wallaalchisu irra gahee jira. Karaa tokko ummattootnni sirni bittaa kun akka jijjiiramu gaafatan loltoota mootummaa meeshaa waraanaa hammayyaa…

Read More

ODF/PG7 – የእሬቻ ክብረ በዓል ተሣታፊዎችን ፍጅት በተመለከት ከኦሮሞ ዲሞክራሲያዊ ግንባር(ኦዲግ) እና ከአርበኞች ግንቦት 7 ለአንድነትና ዲሞክራሲ ንቅናቄ የተሰጠ መግለጫ

Official ODF Logo

የሃያ-አምስት ዓመታት የሕወሐት አገዛዝ ቁም ስቅላችሁን ያሣያችሁና ከመሞት በላይ ከመኖር በታች የሆነ የሰቀቀን ኑሮ የምትገፉ ዉድ የኢትዮጵያ ሕዝቦች ሆይ፡- የኦሮሞ ዲሞክራሲያዊ ግንባር (ኦዲግ) እና የአርበኞች ግንቦት 7 ለአንድነትና ዲሞክራሲ ንቅናቄ ከቡሾፍቱ የተሠራጨዉን የወገኖቻችንን እልቂት የሚገልፅ እጅግ በጣም ዘግናኝ የሆነ ዜና የተከታተልነዉ በቃላት ለመግለፅ በሚያስቸግር የሃዘንና የጭንቀት ስሜት ነዉ፡፡ የፋሺስቱ ወያኔ አጋዚ ሠራዊት በኦሮሚያ ክልል ቡሾፍቱ በሚገኘዉ ሆረ አርሰዲ የእሬቻን በዓል ለማክበር በተሰበሰቡ በሚሊዮኖች የሚቆጠሩ ዜጎች ላይ የወሰደዉ ጭካኔ የተመላበት እርምጃ ህዝብን አስተዳድራለሁ ብሎ በመንግሥትነት ሥልጣን ላይ በተቀመጠ አካል ዕዉቅናና ትዕዛዝ የተፈፀመ መሆኑ የዚህን ዘረኛ ሥርዓት መሪዎች እንደሰዉ ማሰብ መቻል እንድንጠራጠር አድርጎናል፡፡ የእሬቻ በዓል የኦሮሞ ሕዝብ ለዘመናት ታግሎና ተንከባክቦ በመጠበቅ ካቆያቸዉ…

Read More

ODF/PG7 – Ayyaana Irreecha Oromoo irratti dhumiinsaa fi ajjeechaa gahe ilaalchisee ibsa Adda Diimookraatawaa Oromoo (ADO) fi Arbanyooch Ginbot 7 irraa kenname

Official ODF Logo

Ayyaana Irreecha Oromoo irratti dhumiinsaa fi ajjeechaa gahe ilaalchisee ibsa Adda Diimookraatawaa Oromoo (ADO) fi Arbanyooch Ginbot 7 irraa kenname Waggoota diddamii-shaniif bittaa Wayyaanee jalatti, du’aa olii fi jiraa gadiitti lakkaawamtanii kan dhiitamaa fi hiraarfamaa jirttan lammiiwwan Itiyoophiyaa! Dhumiinsaa fi ajjeechaa ummata keenya irra gahe ilaalchisee oduu gaddisiisaa Bushooftuu dhaa tamsa’eerifaatuu guddaadhaan hordofaa turre. Humna waraana faashistii Wayyaanee kan Agaazii jedhamee waamamuun dhumiinsaa fi ajjeechaan ummata Oromoo maliyoonaa hedduun lakkaawamu kan nagaadhaan ayyaana Irreechaa kabajauuf Hora Arsaadeetti yaa’ee irra gaye, beekumsaa fi ajaja mootummaa biyyan bulcha jedhee if dhaaduun gaggeeffamuun isaa matootii fi hooggantooti mootummaa kanaa sammuu akka namaatti yaadu dhabuu…

Read More

ADO fi PG7 – Haala Amma Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Dhihaate

Official ODF Logo

Adda Demookiraatawaa Oromoo fi Sochii Demookiraasii fi Tokkummaa Arbanyoochi Ginboot 7 Irraa Haala Amma Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kennamee fi Waamicha Qaamota Bilisummaa Barbaadan Hundaaf Dhihaate Qabsoon wareegama lubbuu namoota kumaatamaan lakkaawamni gaafate kan uummattoonni Itoophiyaa bilisummaa, haqa, wlaqixxummaa fi dimookiraasii dhugaa mirkaneessuuf gaggeessaa jiran haalaan jabaatee itti fufuu bira darbee sadarkaa ol’aanaatti cehee jira. Yeroo ammaa uummattoonni Itoophiyaa qabsoo walhubannoodhaan gaggeessaa jiraniin toftaa qoqqoodanii bituu Wayyaaneen waggoota digdamii-shanan dabraniif itti gargaaramaa turte cabsuu danda’aniiru. Haala walii galtee fi waliif tumsuu irratii hundaawuudhaan diinni keenya inni guddaan sirna bittaa Wayyaanee fi hooggantoota sirnichaa warra kaayyoo isaanii qabeenya biyyittii saamanii…

Read More

Ibsa ADO mana hidhaa Qilinto ilaalchisee

Official ODF Logo

Hagayya 5, 2016 Erga manni hidhaa naannoo magaalaa Finfinneetti argamu kan matootiin hoogganaa bebbeekamoon akka Obbo Baqqalaa Garbaafaa keessatti argaman gubatee kunoo ar’a guyyaan sadi darbeera. Haa ta’u malee mootummaan Itiyoophiyaa haala hidhamtooti kun keessa jiran maatii fi firoota isaanii waa takkallee hin hubachiisin jira. Haa du’an haa jiraatan kana jedhee waan hime hin qabu. Haalli biyya sana keessa jiru yeroo kam irra gar-malee hammaachaa jira. Diddaa uummataa ukkaamsuuf namoota kumaa ol ta’an ajjeesuu fi kumaatamaan kan lakkaawaman hidhuun, qabsoo fi mormii cimsaa, haala nageenya biyyattii ammo dukkaneessaa jira. Egereen mootummaa biyyattiis qarqara badiinsaarra waan gahe fakkaata. Mootummichi ibsa baasuu…

Read More

Haala ammatti Ethiopia keessatti mul’achaa jiru ilaalchisee Ibsa Koree Gidduu ADO

Official ODF Logo

Haala ammatti Ethiopia keessatti mul’achaa jiru ilaalchisee Ibsa Koree Gidduu Adda Demokraatawaa Oromoo Teessumni Koreen gidduu Adda Demokraatawaa Oromoo/ADO Hagayya 1-2 bara 2016ti gaggeeffame. Teessuma Koree Gidduu ADO isa ammaa kana kan adda taasisu ummanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessatti baatii salgan darbaniif fincilaa fi mormii mootummaa abbaa Irree Ethiopia irratti gaggeessaa ture yeroo kamuu caalaa jabinaa fi gootummaan yeroo itti finiinsaa jiru keessatti gaggeeffamuu isaati. Koreen Gidduu Adda Demokraatawaa Oromoo; Ummanni Oromoo, dorsisa mootummaa fi tarkaanfii sukkaneessaa waraanni mootummichaa irratti raawwachaa jiru dura dhaabbachuun qabsoo karaa nagaan fincila gaggeessaa jiru sadarkaa ol anaarra geessisuu isaa fi ummanni Ethiopia biroonis fakkeenyummaa…

Read More

Haala Yeroo Ammaa Itiyoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Labsa ADO

Official ODF Logo

Haala Yeroo Ammaa Itiyoophiyaa keessa jiru ilaalchisee labsa ADO Guraandhala 17, 2016 Koreen Hojii Raw’achiiftuu Adda Demokraatawaa Oromo (ADO), baatii sadeen dabran kana keessa sochii fi halleen Oromiyaa keessatti deemaa jiru gadi-fageenyaan xinxaluun erga irratti mari’atee booda toftaa fi tattaafiin Wayyaaneen aangoo ishee bakka duriitti deebifachuuf carraaqaa jirttu kan fashalee fi bu’a-dhabeessa ta’uu isaa mirkaneessee jira. Qabsoo ummanni Oromoo hidhannoo-malee fincilaa fi diddaan geggeessaa jiru ADOn ni deggera; mamii tokko malee bira dhaabbatas. Haa ta’u malee cunqursaa fi hacuuccaan gosa kamiiyyuu ummata Oromomoo harka kennisiisee diinaaf gadi-galoo akka hin taasifne hubatamuu qaba. Ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa deebifachuuf, biyya guutuu…

Read More

ADO – Dhaamssa bara Haarayaa 2016

Official ODF Logo

BAGA BARA HAARAYAATTI CEENE! Yeroon amma kun seena ummataa Oromoo keessati yeroo kamu caalaa ka ummani keenya itti ajjeefamaa jiru fi dararamaa jiru dha. Yeroo kana keessati baga bara haarayaan si gahe fi baga gammade isiniin hin jennu; yeroo kun ka gammachuu waliif hawwaan mitti. Lammiiwwan keenyaatu ajjeefamaa jira, dhala Oromootu hidhaatti guuramaa jira, heegaree saba keenyaatu dararamaa jira; jijjiirama baraa ayyaaneffachuun nutti hadhaawaa jira. Akkasis ta’ee, “Baga bara haaraatti tarkaanfanne” waliin jechuun karaa dha. Amma barri 2015 dhumatee, barri 2016 jalqabaa jira. Yeroo akkasii waan bara dabre keessa turre of duuba mil’achuun barbaachisaa ta’a. Sana irraa ka’uudhaan waan bara…

Read More