August 18, 2017

ODF/PG7 – Ayyaana Irreecha Oromoo irratti dhumiinsaa fi ajjeechaa gahe ilaalchisee ibsa Adda Diimookraatawaa Oromoo (ADO) fi Arbanyooch Ginbot 7 irraa kenname

Ayyaana Irreecha Oromoo irratti dhumiinsaa fi ajjeechaa gahe ilaalchisee ibsa Adda Diimookraatawaa Oromoo (ADO) fi Arbanyooch Ginbot 7 irraa kenname

Waggoota diddamii-shaniif bittaa Wayyaanee jalatti, du’aa olii fi jiraa gadiitti lakkaawamtanii kan dhiitamaa fi hiraarfamaa jirttan lammiiwwan Itiyoophiyaa!

Dhumiinsaa fi ajjeechaa ummata keenya irra gahe ilaalchisee oduu gaddisiisaa Bushooftuu dhaa tamsa’eerifaatuu guddaadhaan hordofaa turre. Humna waraana faashistii Wayyaanee kan Agaazii jedhamee waamamuun dhumiinsaa fi ajjeechaan ummata Oromoo maliyoonaa hedduun lakkaawamu kan nagaadhaan ayyaana Irreechaa kabajauuf Hora Arsaadeetti yaa’ee irra gaye, beekumsaa fi ajaja mootummaa biyyan bulcha jedhee if dhaaduun gaggeeffamuun isaa matootii fi hooggantooti mootummaa kanaa sammuu akka namaatti yaadu dhabuu isaanii mirkaneessa.

Ummanni Oromoo qabsoo bara heedduutiin asxaalee aadaa fi eenymmaa isaa agarsiisan baay’ee keessaa kan hambifate tokko Irreecha ta’uun isaa hin mamsiisu. Ayyaana amantii isaatii irreeffachuuf saba nagaan waliitti yaa’e tokko gara jabinaan ajjeesuu fi qileetti oofanii akka dhuman taasisuun waan kanaan duraa gurraafillee dhagahamee hin beekamneedha. Oduu suukaneessaan akkasii seenaa saba fedhee keessattillee mul’atee hin beeku. Akka sab-quunnamtii adda addaa irraa dhageenyutti, hamma ammaatti namooti hedduun humna waraana Agaaziitiin rasaasaan galaafatamaniiru; loltoota Agaaziitiin dirqisiifamanii qileetti naqamaniiru; dhibbaatamaan kan lakkaawaman ammo bakki isaan bu’an hin beekamin jira. Gochaa Agaazii fi Wayyaanee kana kan caalaatti suukaneessaa taasisu ammoo yakki ummata gara jabinaan galaafatamee fi itti roorrifame kanaa diddaa garbummaa, mirga-dhalootaa fi namummaa karaa nagaa (harka qullaa) gaafachuudhaaf yaalii taasisuu isaa duwwaa ta’uu isaati.

Gara jabinni kun tuffii fi jibbiinsa Wayyaaneen saba Itiyoophiyaa hundaaf qabdu mirkaneessuu irra darbee gaafilee mirga namummaaf dhihaatan hunda humna waraanaatiin cabsee ol-aantummaan dhiitee bituuf labsii waraanaa uummattoota mormii kaasan hunda irratti dhiheenya kana labse hojjaa irra oolchuu jalqabuu isaa agarsiisa. Haa ta’u malee dhumiinsa suukaneessaa saba Oromoo irra gahe fi gahaa jiru kana ibsa baasuun balaaleffachuu qofti gahaa akka hin taane ni hubanna. Badii gahe kanaaf guutumaaan guutuutti kan itti gaafatamu hooggantoota Wayyaanee akka ta’an hubachiisuun barbaachisaaadha. Badiinsaa fi roorroo akkasii hanbisuuf Wayyaanee hiddaan buqqisuun dirqiidha. Wayyaanee hiddaan buqqisuuf ammoo tokkoomanii humna ta’uun qabsaawuun waan wal nama gaafachiisu miti. Waliiftumsanii gurmuu tokkoon qabsaawuudhaan sirna Wayyaanee dhabamsiisuun dirqama filannaa biraa hinqabne ta’ee jira. Kana bakkaan gahuuf nuti dhaabbileen ADO fi Arbanyooch Ginbot 7 sochiiwwan gara garaa qindoominaan gaggeessuu jalqabneerra. Dhumiinsii fi roorroon amma dhalate kun amoo aalaatti akka nu humneessuu fi yoomuu caala waliin taanee akka qabsoo itti jirru haalaan finiisinu akka nu taasisu hin shakkinu.

Kabajamoota lammiiwwan keenya:
Wareegamni keessan akka nuti wal-tumsinee, gurmuu tokkoon kaanee, humna keenya jabeeffannee, roorroo garee waanbadee lakkoofsaan xinnoo taateen saba guddaa fi ummata bala’aa kanarra gahaa jiru faccisuun walabummaa, haqaa fi dimookrasii saba keenya gonffachiisuuf jabaatanii ol ka’uun dirqaqma irraa hin maqnne nutti ta’ee jira.

Kanaafis murannee kaaneerra. Kanaaf jecha lammiileen roorroo fi cunqursaa Wayyaanee jalatti hiraarfamaa jirttan, humnooti haqaa fi dimookraasiif biyya keessaa fi biyya ambaa irraa qabsoofttan hundi waamicha isiniif goonu kana qalbifachuun duula faashistii Wayyaaneen nurraatti baname kana haalaan hubattanii deebii quubsaa akka nuuf kennitan abdachaa waamicha armaan gadii kana isniif dhiheessina.

1. Saba Itiyoophiyaa maraaf:
Hooggantooti Wayyaanee / Ihadeg waggaa diddamii-shaniif sitti roorrisuun, ajjeechaa, hidhaa, dhabama, badiinsaa fi saaminsa sirraan gahuun akka ati maatii fi waatii kee dhiiftee, biyyaa baatee kooluu-galtuu taatu si taasisuun ofii isaaniitii ammoo abbootii aangoo fi qabeenyaa ta’uun jiruu bal’inaa fi sadoo gaggeeffachaa jiru. Kunis isaan gahuu didee amma kunoo waraana sirratti labsuun gara-jabinaan lafarraa si duguugaa jiru. Baatiilee 11 dabran keessatti namooti kumaatamaan shalagaman naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Konsoo fi kutaawwan biyyittii adda addaa keessatti gara-jabinaan humna Wayyaaneetiin ajjeefamaniiru. Kuma-kurnaaleen kan hereggaman ammo mana hidhaa addaa keessatti marfamanii, gidiraa fi hiraarfamni kana hin jedhamne kan gocha Naazii isa senaadhaan beeknu caalu irra gahaa jira. Kana irra darbees mana hidhaa keessatti ibiddaan akka gubatanii ajjeefaman godhanii jiru.

Gocha suukaneessaa raawwachaa jiranii fi duula sirraatti banan dhoksanii, gaafilee ati haqaa fi mirga namoomaaf karaa nagayaa dhiheeffattee dharaan micciiranii akka waan ati lammiilee Tigraai lafarraa duguuguuf kaatee fakkeessuun dhiheessaa jiru. Dhumiinsii fi ajjeechaan Onkolooleessa 2, 2016 ayyaana Irreechaa Hora Arsadee irratti gaggeeffames Wayyaaneen duula ifatti labsuu isaa mirkaneessa. Dulli kun kan sirraatti labsameef ammoo gara-murannoon gamtooftee roorroo mormmachuuf lafaa ol ka’uu kee hubachuudhaan abdii kuttannaa keessa galuu Wayyaanee addeessa. Ajjeechaa fi dhumiinsi Hora Arsadeetti ta’e kun yoo cal jedhamee bira darbame haalli wal fakkaatuu ummata mormiif ka’u hunda irraa akka gahuu danda’au tilmaamuun barbaachisaadha. Ukkaamsanii, sodaachisanii, abdii kutachiisanii bulchuuf wanti isaan dhorku hin jiru jechuu dha. Kanaaf jecha, sirni fi mootummaan haqaa fi diimookraatawaan, kan ati kiyya jettee fudhattee itti bulttuu fi bulchitu hanga mirkanaawutti qabsoo eegalte gurmuu fi murannoon akka itti fuftu waamicha siif gochaa, nutis gama keenyaan karaa hundaan akka si bira dhaabbannu waadaa siif seenna.

2. Biyya keessaa fi biyya ambaa keessa sosso’aa kan jirttan humnoota mormitoota Wayyaanee hundaaf:
Nuti qabsaawotii fi mormitooti Wayyaanee hundi yeroo kamiyyuu caalaa walii-gallee, gurmoofnee, humna tokko ta’uun wal-tumsinee akka qabsoofnu sabni Itiyoophiyaa yeroo kamiyyuu caalchisee amma nu gaafachaa fi nu waammachaa jira. Nutis dheebuu bilisummaa fi walabummaa saba keenyaa kana guutuuf garaa-garummaa ilaalcha siyaasaa dhunfaan qabnu caalchifnee ilaaluun dirqama guddaa nutti ta’uu qaba. Yeroo ammaa kanatti miidhaa fi roorroo saba keenyarra gahaa jiru kanaaf furmaata argamsiisuu hin dandeenyu yoo ta’e uummatni nuti Wayyaanee jalaa bilisoomsina jennu fi biyyi qabna jennu sun akka biyyaatti jiraachuun ishee mamsiisaa ta’a. Kun akka hin taaneef wal-dhabdee fi garaa-garummaa xixiqqoo nu jidduu jiru lakkifnee, wal jala gamtaan hiriirree qabsaawuun barbaachissaa ta’a. Daangaa Wayyaaneen “warra biyya keessaa” fi “warra biyya ambaa”, “warra seeraan galmaawee” fi “warra seeraa alaa” jedhee nuuf kaa’e lagannee, walii galtee fi mareen waliitti dhufnee, wal-tumsinee, humna tokkoo taanee mootummaa jibbamaa kana buqqisuuf qabsawuun dirqama seenaati. Kanaaf jecha, saba keenya afuura tokkummaatiin wal-jala hiriiree, wal-tumsee, mirga isaa mormachaa jiru kana fedhaa fi waamicha isaa dhageenyee, sirna siyaasaa wiirtawe tokko utubnee, amna eegalle kana kallattiin itti gala isaatiin akka geenyu fi gamtaan akka qabsoofnu waamicha lammummaa irra deebinee isiniif dhiheessina.

Haqaa fi bilisummaan saba hundaaf!!

Adda Diimookraatawaa Oromoo (ADO) fi Arbanyooch Ginbot 7
Onkolooleessa 2016

PDF Document

Comments are closed.