June 25, 2017

Ambummaa (Citizenship)

Seenaa Eenyummaa (Identity) kessatti, ilmi namaa akka jiraataa hawaasaa-fi-siyaasaa (socio-political), eenyummaan isaa akka karaa sirnaa bifa shaniitiin of mulisee argina. Isaanis, kara sirna abbaa-lafummaa (feudal), sirna aango-mootii (monarchical), sirna abbaa-irrummaa namtokkee (tyrannical), sirna sabummaa (national) dhaaf sirna Ambummaa  (citizenship) ti. Egaa, Ambumman mullistu eenyummaa hawaasaa-fi-siyaasaa kessaa isa tokko. Ambumman eenyummaa warra kabira wajjin al takka takka woldorgommiin, al takka takka nagaan, al takka takka eenyummaa hunda keessaa isa olaanaa ta’ee yeroo argamu, al takka takkammoo eenyummaa kanneen biroo jalatti liqimsamee, xiqqaatee jiraatee as gahee jira.

Hariiroon sirna abbaa-lafummaa kessa jiru hariiro gubbaa-gadii (hierarchical) ta’ee, kan inni itti rarra’u walitti dhufeenya qabiyyee lafaa irratti ta’a. Jireenyaa fi yaada nama tokkoo, jechuun eenyummaa siyaasaa-fi-hawaasummaa isaa, yokiin gulantummaa (status) isaa sirna kana kessatti kan murteessu nami tokko sirna qabiyyee lafaa kessatti bakka inni qabatee jiru. Bittaa mootii yeroo jennummoo nama yeeroo baayyee maati tokko keessaa bahee dabareedhaan motummaa dhaalee namoonni biyya sana keessa  jiraatan hundi jala-bultuu isaa (subject) yeroo ta’an jeechuudha. Namni tokko akka fakaattii biyyaatti fudhatamee sabni marti isa jala bula. Nama hundumaa’rraa sirna kana kessatti kan eegamu, ajajamaafi bultummaa (loyalty) isaa mootii kana argisisu taha. Eenyummaan siyaasaa-fi-hawaasummaa jirus kanuma irratti hirkata. Sirna Abbaa-irrummaa namtokke yeroo jennu, warra duriis hatauu yeroo jabana si’anaa keesa motummaa qabatanii namoota biyya saani haccuuccaadhan bulchan hunda ilaala. Eenyummaan siyaasaa-fi-hawaasummaa sirna akkasi keesa jirus, waanuma namicha isa bulchaa jiru faarsuufi gammachiisuudhaafi waan abbaan-irree ajajee hojiirraa olchu’irratti hundaa’e tahee mullata.

Sirni Sabummaa immo kan inni irratti hirkatu akka worra kaani hariroo namtokkeef nama isa bulchaa jiru giddu tahuu dhiisee, yeeroo inni hariiroo namoota giddu jiru tahuudha. Hariiroon namoota giddu jiru kunimmo kan inni irratti hundawuu aadaa, dhiigaafi seenaa tokko qabaachuu irratti. Yeero namtookeen (individual) akka qaama saba tokko godhee ofi isaa of fudhatu, maati aadaa tokko kessa akka jiraatu godhee of ilaaleera jechudha. Kunis sirna sab-lamummaatti geessa, inniis jaalala saba-ofiif sabbontummaa uumuurra darbee dammaqiinsa aadaa-darbee (tradition) leeliisutti geessa.

Ambummaa kanneen kaan hundumaa irraa kan adda isa godhu, hariiro haara irratti ijaaramuu isaati. Yeroo sirna abbaa-lafummaa, sirna bittaa mootii akkasumas sirna abbaa-irrummaa namtokke ilaallu, hariiroon sirnoota kana hunduma kessa jiru hariiroo namtokkee (individual) fi kan isa bulhuu gidduu jiru tayee argina. Hariiroon Sirna sabummaa keessa jiru, hariiroo namoota (group) gidduu jiru ta’ee argina. Hariiroon Sirna ambummaa keesa jiru garuu, sirna namaa fi nama giddu jiru tahuu dhiisee, sirna namtokee fi motummaa (state) gidduu jiru irratti kan ijaaramuu taha. Egaa, hariiroo namtokkeefi motummaa gidduu jiraachuutu ambummaa uuma, yookiin dhugoomsa jechuudha. Yaadi if-danda’uumma, (autonomy) wal-qixummaa seera jalattiifi, siyaasaa dhimma biyyaa keesaatti hirmaachuu kan jedhuu Ambummaa warra Abbaa Lafummaa, sirna Bittaa mooti fi Abbaa-irrummaa namtokkee irraa adda isa taasisu ta’ee argina.  Kanuma’iyyuu tahee, ambummaan sirna bittaa mootif fi sirna Abbaa Irrummaa kessatti, hingudatiinif hindagaagiin malee, micireen isaa akka mulachaa ture hinhaalamu. Hatauu malee, eenyuumaan hunda keessaa ambummaa wajjiin wolitti dhiyyeenyaa fi walfakkii qabaatee al takka taakammo gar-gar baasuun nama dhibu, eenyummaa sabummaa ti. Walfaakkii eenyummaa lamaan kana gidduu jiru irraa kan kayee, naannoo bara 1800 eegalee yaada mootummaan tokko sabummaa irratti ijaaramuu qaba, yookin biyya tokko jechuun sabummaa tokko kan jedhuu gabbise.

Jaarraa 18ffaa dura, ambummaa fi sabuummaa (nationhood) gidduu wal makuun hin turre, garaa-garummaan isaan gidduu jirus siriitti mull’ata ture. Biyya Griikii akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, ambummaan hariiroo namtokkeef magaala inni keesa jiraatu qofaaaa yoo murteessu, hariiroon kun garuu Griikummaa kan aadaa, dhiigaa fi amantii irratti hundaa’e jechuun sabummaa Griikummaa hin hanbisu, isaa wajjinis wal hin maku, yokiin isaa wajjin afanfaajji hin uumu ture. Lamaanu qofa qofaa, waan adda-addaa irratti hirkatanii jiraachaa turan. Yeroo bar-gidduu (middle ages) jedhaamu keessas, ambummaan kan woliin qabamee ilaalamaa ture, hariiroo nam tokkeefi magaala inni kessa jiraatu giddutti malee, hiikaa biyyaa, yokiin hiikaa sabuumaafi aadaa of keessaa hin qabu ture. Sabummaa yookiin Sablammummaa yeroo jedhaamus hiikaa biyyaa yokiin biyya abbaa kooti kan jedhu hin qabu ture.

Jaarraa 18ffaa booda, yaadaafi hiiki ambummaa, magaalummaa irraa fuudhamee, gulantaa biyyatti  ol guddatee, motummaatti (state) maxxanfame. Akkuma kanas, sabummaafi sablammummaa kan jedhu, hiikaa biyyaafi namoota isa keesa jiraataniifi motummaa (state) isaanii akka jechuutti hubatamuu jalqbe.  Kunis akka yaadni ambumaafi sabummaa walmakatu godhee rakina mataasaati uumee. Gaaffii sab-lamuummaan madaala siyaasaa moo madala aadaatiin hiikamuu qaba kan jedhu kaasuu eegale.

Hiikaan ambummaafi sabummaa wal makuun, biyyii tokko saba tokkorraa ijaaramuu qaba, afaan tokko dubachuu qaba, amba dhugaa biyya sana tahuuf, nami hundi afaan tokko afaan biyya sana dubachuu qaba kan jedhutti geesse.  Hiikaa yaada kana irraa kan ka’ee, biyya Faransaayiitti, namoota (saboota)  afaan Faransaayii hindubbanne,  saboota hedduu, baayina biyya sanaa keessaa harka walakkaa kan tahani, amba Faransaayii dhugaa isaan goonee, sabummaa Faransaayi ijaarra kan jedhuun, karaa baruumsaafi akka isaan humna woraana keessa seenani if geddeeran gochuudhaan gara Faranasauummaatti jijjiiruu itti fufan. Fakkeenyaaf mana baruumsaa keesatti  “lafatti tufuufii afaan Britton dubachuun dhorkaadha” kan jedhufaa maxxansamaa ture. (Kun hundi amma iraanfatamee jabana ammaa worri biyya Faransaayi biyyi saani ambummaa male akka sabummaa irratti hinhundofnee lallabu).

ADOn labsa ittin dhalaterraa egalee, hamma ammaatti yeroo hedduu deddebisee waayee ambumaa kaase jira. Itti seensa Sagantaa siyaasaa isaa kessattis hiree murteefannaan saba Oromo yeroo hariiroon namootaaf motummaa giddu jiru jijiramee namooti biyya sanaa ambummaa guutuu gonfatan, hikumsa haaraa argata jedha. ADOn maaliif waayee ambummaa kana deddebiisee kaasa? Maaliffis, gaaffiin ambummaa kun sagantaa ADO keessatti iddo guddaafi ilaalchaa haaraa akka saaqe gaafachuun wan hin’olle dha.

ADOn gaaffiin Oromo Itoopiyaa kessatti hiikamuu ni dandyaa yeero jedhu, akkuma jirutti Itopiyaa ishee hamma ammaa jirtuu gedeerumsa malee jechuu isaa akka hintaane hubatamadha. Osoo achii hingayiin durayyuu, Itopiyaa yeroo jennuu’iyuu maal jechuu kenya akka tayee hiika isaa jijjiruu qabna, kanaraattis woligaluu qabna ejjennaa qaba. Hiiki nuti Itiopiyaafi kenninu hariiroo attamii akka uumuu feennu murteessa. Kanaaf egaa, yaadi ambumma iddo guddaa qabaata kan jennuuf.

Motichii Miniliki, eega biyya Oromo qabatee Itopiyaa jala galchee of cimsee booda, hariiroo innii motumoota aanga’oo warraa Aurooppaa yerosii wajjiin qabus babalachuu eegale. Wal qunnamtii umameerraa kan kayee namooti isaa barumsa baranee warraa Aurooppaa akka argatan gochisiise. Kanumaan qabatees yaadi haaraan biyya seenuu jalqabe. Bara Haayle Sillaaseesi qunnamtiin kun caalaatti itti fuufee baballate. Namootni baruumsa baranee baratan baayyachuu irrattuu dabalee, worri biyya bakkee motummaa Itopiyaa yaadaan gorsuu itti fufan. Keesummattuu qunnamtiin cimaan yeroo jalqabaa  ture worra Faransaayii wajjin ture.

Warri Faransaayiis, Itopiyaan hundee cimaairratti akka bu’uramtu yoo feetan, fakkeenya Faransaayii fudhadhatii motummaa cimaa giddu galeessa tokko, aadaa Itopiyumaaa tokko kan qabdu, kan Itopiummaa malee kabraa if birrratti hinbeeknee ijaaraa jedhanii gorsan. Kanuma kan deggeruus birokraasi ijaaruufi eegalan. Warri biyyaa, worri barumsa baranee baratanis, biyya Faransaayii fakkeenya (model) godhanii biyya aadaa tokko qabduu, Aandit Ethiopia kan  jedhaaniin Itopiyaa ijaaruun akka barbaachiisuu murteefatanii kana hojirra oolchuuf  kaka’ani. Nama Itopiyaa (Itopiaawii) jechuun akka nama afaan Amaaraa dubbatu, amantii Kristiyaana Ortodoksii hordofu, hucuun isaa uffata habashaa tahee, nyaata, aadaa, sirbaafi kan kana fakkaatan hundaan kan Amaaraa kan fudhaattee akka ta’eetti hiikani namoota biyya jiran hundaa gara sanatti jijjiruf hedduu tattaafatan. Kana jechuunis eenyummaa sabummaa irratti hundayyani Itopiyaa ijaaruu filatan. Eenyummaa sabummaa isaan Itiopiyaadhaaf kennanimoo eenyummaa saba Amaaraa-fi-Tigrai duwwaa kan calaqqisu turee. Yaadi “Andit Ethiopia” kan jeedhus hiikaa inni of keessaa qabu isa kana.

Harr’as taanaan hiikkaan Itopiyaaf kennamu, kesumattuu warra dur biyyatti bitaa turan biratti, waan hin gedderamneef, gaaffii sabootaatiif hiikama keennuudhaaf yaali godhamu kessatti rakina warra uuman keessaa tokko tahee argina. Itopiyaa ammas akkuma durii itti fufanii karaa sabummaa (nation) ilaaluun yoo raawwatee malee, Oromo tokkoofi akka nama Itopiyaatti of ilaaluu fi of fudhachuun rakina itti taha. Ani nama Itopiyaati jedhee, boone kan inni Itopiyaa fudhachuu dandayyu yoo hiikan biyaati sabummaa irra gara ambummatti jijjiramte duwaa taha jechuu dha. ADOn sagantaa siyaasaa isaa kessatti dhimma kana cimsee kan kaaseefis kanumaaf. “Ani nama Itopiyaati” yeroo jedhu, namni sun kan inni dubachaa jiru, waayee aadaa, seenaa, afaani fi, kkf.., oso hintaanee, Itopiyaaf hiikaa inni kennaa jiru bikka abmbumma irra ijaajjee tahuu qaba. Itopiyaa jechuun, akka wolitti-dhufeenya (association) namootaa fi saboota seeraafi heera duratti walqixxee tahani haqa siyaasaa qabaatani sirna siyaasaa waloo tokko keessa waliin buluufi dirqii fudhataniitti hiikamuu qaba.

Kaayoon dur ittin Andit Itopiaa ijaaruuf wixiname akka fashale fudhatamuu qaba. Itopiaan biyya sab tokkee (nation) miti, gara kanatti gederruuf yaaliin godhamees hoji’irra ooluu hin dandyne hin dandaamuus. Yoo ta’ellee, Itopiaa akka biyya sab-daneesaa (multi-national) tokkotti fudhatanii gara achiitti gedderutu irra tola. Kana gochuufimmoo, jalqaba hiikaa biyya waliin qabaachuuf demaniif kennamu irratti walii galuun heddu barbachisaa fi dirqamas taha. Egaa biyya waliin ejaarranna jennaan, biyyi sun anaaf maali kan jedhurratti walii-galteen argamuu qaba, kan hinta’uu taanaan, rakkoon ittuma fufa.

Biyya akka Itopiaa, biyyaa sab-daneesaa taatee kessatti, keesumaayuu, biyya humnaan buureefamtee kessatti, Itopiuummaa kara aadaa, seenaa fi KKF,  hiikuun rakkina malee waan gargaaru hedduu hinqabu. Kanaaf furmaata kan kennu, Itopiummaa eenyumaa ambumma irrati ijaaruu dha. Biyya waloo waliin qabaanna jennaan, waanti wolitti nama hidhu jiraachuu qaba. Ammas kanaaf kan furaa fi furmaata  kennu yaaduma ambumma tahee argina. Sabonummaan Itopiyaa, kan biyyaa walitti qabu, ni uumamaa taanaan, kan inni irratti dhabatu qabu, sabbonnummaa sabummaa irratti oso hintaane, kan tahuu qabu sabonummaa ennuymmaa ambummaa yokiin sabonnummaa ciivilii (seeraf siyaasaa) tahuu qaba. Kan walitti nu hidhu haqa siyaasaa seeraan waloon qabaannu malee, aadaafi seena darbee miti. Kanaafi egaa, ADOn, ambumaa irrati kan buureefamee  tokkummaa abbaa-biyyummaa heeraatiin utumbamu afaan Ingliziitiin constitutional patriotism madisiisuudhaaf qabsaa’uu kan inni filateef. Wolumaa galatti, Itopiaummaa karaa sabummaa dhiisani, ambummaa irratti hundeesuun, biyyaattiin hunda maraafi akka biyyaa waloo taatuufi qabsoo godhamuu kessatti bakka guddaa qabaata.

Eenyummaa hawaasaa-fi-siyaasaa hunda keessaa, waan hariiroo namafi motummaa gidduu jiru irratti ijaarameefi, kan yaada haqaafi wolqixummaa if keessaa qabaatee, gara bilisummaa fi dimokraasiitti geesuu danda’u, eenyummaa ambummaa qofa. Kanaafi, wixinee sirna dimokrasi ijaaru qabnuu kessatti, hariiroo jiru ambummaa irratti utubuun  hedduu ijaarsa kanaaf degersa kan tahuufi. Ambummaan sabummaa irratti wan  hinbuureefamneef, saba tokko irra darbee, saboota hedduu walitti qabuu dandaya, kanafis biyya sab-daneessaa keessatti bikki inni qabaachuu dandayuu, heddu gudhaadha.  Kana irras darbee, namoota biyya tokko keessa jiratan hundaa, seera jalatti wolqixxe akka isaan tahan gochudhaan, bulchiifamoota gara ambaatti jijjiruudhaan impaayeerummaa dhabamsiisuudhaaf qabsoo godhamu kessatti meeshaa guddaa tahuu dandayaa.

ADOn ammas dadabalee waayee yaada ambummaa kan inni kakaasuuf kanneen hunda ilaalee fi xiinxalee tahuun jala sararamee beekamuu qaba

Comments are closed.