December 16, 2017

ADO fi PG7 – Haala Amma Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Dhihaate

Adda Demookiraatawaa Oromoo fi Sochii Demookiraasii fi Tokkummaa Arbanyoochi Ginboot 7 Irraa Haala Amma Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kennamee fi Waamicha Qaamota Bilisummaa Barbaadan Hundaaf Dhihaate

Qabsoon wareegama lubbuu namoota kumaatamaan lakkaawamni gaafate kan uummattoonni Itoophiyaa bilisummaa, haqa, wlaqixxummaa fi dimookiraasii dhugaa mirkaneessuuf gaggeessaa jiran haalaan jabaatee itti fufuu bira darbee sadarkaa ol’aanaatti cehee jira. Yeroo ammaa uummattoonni Itoophiyaa qabsoo walhubannoodhaan gaggeessaa jiraniin toftaa qoqqoodanii bituu Wayyaaneen waggoota digdamii-shanan dabraniif itti gargaaramaa turte cabsuu danda’aniiru. Haala walii galtee fi waliif tumsuu irratii hundaawuudhaan diinni keenya inni guddaan sirna bittaa Wayyaanee fi hooggantoota sirnichaa warra kaayyoo isaanii qabeenya biyyittii saamanii sooromuu duwwaa godhatan duwwaadha jedhanii ifa godhanii ibsaniiru. Ilaalcha waliinii (tokkummaan qabsaawuu) kana irratti hundaawuudhaanis garaa garummaa tokko malee (sagalee tokkoon) sadarkaa itti fedhii isaanii ibsatan irra gahuu isaanii haala qabatamaa ta’een agarsiisaa jiru. Kuni dhugaa ta’uu mirkaneeffachuudhaafi ammoo gaffiiwwan, dhaadannoowanii fi ergaawwan hirmaattota qabsoo uummata Oromoo kan ji’oota kurnan drbaniif gaggeeffamaa turees ta’ee hirmaattota qabsoo uummata Amaaraa kan Gondorritti calqabamee babal’achaa dhufe irratti dhihaatan ilaaluun gahaa ta’a. Tokkummaadhaan qabsaawuu calqabuun uummattoota Itoophiyaa, keessumatti ammoo walii-galteen uummata Oromoo fi uummata Amaara jidduutti ta’aa jiru kuni hooggantoota Wayyaanee warra saamicha qabeenya biyyittii isa kaayyoo isaanii duraa taasifatanii irratti bobba’an bira darbanii ilaaluu hindandeenye yaaddoo guddaa keessa akka seensisee fi boqonnaa akka dhoowwe hubachaa jirra. Jechoota maddeewwan sab-quunnamtii tohannaa isaanii jala jiran irratti dhihaatanii darbatan irraa hubachuun kan danda’amus sodaa guddaa keessa akka seenanii dha. Fakkeenyaaf, uummattoota Oromoo fi Amaaraa kan akka obbolaatti wal ilaaluu isaanii ifa baasanii ibsanii fi “dhiigni isa tokkoo nuufis dhiiga keenya”; “gaaffiin uummata isa tokkoo nuufis gaaffii keenya” jedhan ilaalchisee abbaan taayitaa Wayyaanee tokko ennaa dubbatu uummatootni gurguddoon biyyittii lamaan kuni (Oromoo fi Amaarri) “diina walii waan ta’aniif uummattoota waliif galanii waliin dhaabbachuu hin dandeenye” sirumayyuu “abiddaa fi cidii” dha jechuun isaa yaaddoo fi sodaa hooggantootni Wayyaanee walii-galtee uummata gurguddoo lamaan kanaa irraa qaban ifatti mul’isa.

Walumaa galatti, qabsoon bilisummaa uummattoota keenyaan gaggeeffamaa jiru biyyittiin hooggantoota Wayyaanee warra taayitaa humna qawweetiin qabatan dawoo godhatanii qabeenya uummataa saamuudhaan uf sooromsuu malee waayee nagaa uummattaas ta’ee egeree biyyaatiif kan hin yaanne jalatti kufuu ishiiti. Ummattootni Itoophiyaa ammoo mirgi namummaa isaanii dhiitamee, lafa itti dhalatan irraa humnaan buqqifamanii garbummaa jalatti akka kufan taasifamaniiru. Cunqursaan itti hammaatee “maaliif mirgi namummaa keenya hin kabajamne?” gaaffi jedhu qabatanii ennaa ka’an ammoo deebiin kennamuuf hidhaa, biyyaa ari’amuu fi ajjeefamuu akka ta’e haala qabatamaa ta’een argaa jirra.

Hooggnatootni Wayyaanee gochaawwan seenaan dhiifamaan bira darbuu hin dandeenye uummattoota biyyittii irratti raawwachaa akka jiran yakki baay’ee gaddisiisaa ta’e kan dhiheenya kana hidhamtoota irratti raawwatan ragaa ifatti mul’atu ta’uu danda’a. Akkuma beekamu gaaffi mirga namummaa fi bilisummaa daandii nagaatiin kan kaasan namoonni qulqulluun kumaatamaan lakkaawwaman manneeti hidhaa beekamoo ta’anii fi kan ifatti hin beekamne heddu keessatti ukkaamfamanii rakkoowwan jechaan ibsuun hin danda’amneen dararamaa jiru. Manneewwan hidhaa bakka gara garaatti argaman kana keessa ammoo hooggantoota dhaabota siyaasaa warra uummanni jaalatu, kabajuu fi hordofu, gaazexeessitoota beekamoo ta’an, hooggantoota amantii islaamaa fi qabsaawota gaaffi uummata isaanii dura bu’ummaadhaan kaasanitu keessatti ukkaamfamee jira. Qabsaawonni baay’ee jaalatamoo fi kabajamoo ta’an kuni yoom akka ukkaamfamuu kana keessaa bahanii uummataa fi maatii isaaniitti dabalaman hawwidhaan kan eegnu yoo ta’u nageenyi isaanii garuu baay’ee nu yaaddessa. Sirna ukkaamsaa fi cunqursaa Wayyaanee kana hundee irraa buqqifnee sirna diimookiraasii dhugaatiin bakka buusuudhaaf qabsoo itti jirru waliin taanee finiinsuudhaaf walii galtee keessa waanti seenneefis hawwii keenya kana fiixaan baafnee nageenya uummattoota keenyaa mirkaneessuun haala waliif tumsuutiin hatattamaan raawwatamu akka qabu ijaa hubanneefi.

Keessumaa ammoo yakka jidduu kana Wayyaaneen mana hidhaa Qilinxoo irratti raawwatte, jechuun hidhamtoota tohannaa ishii jala jiran rasaasaan akka ajjeefaman edda gooteen booda itti fakkeessuudhaaf ammoo manneetii hidhamtoonni keessa jiranitti abiddi akka qabatu taasiftee reenfa warra rasaasaan ajjeefamaniis ta’ee warra lubbuudhaan jiran gubuu ishii ennaa yaadnu qabsoon siyaasaa Wayyaanee dhabamsiisuudhaaf taasisaa jirru haala amma ammaatti ittiin adeemaa turre irraa adda ta’een gaggeeffamuu kan qabuu fi tarkaanfiiwwan keenya hunduu ammoo hatattamaan fudhatamuu akka qaban nutti dhagahama. Qabsaawonni bilisummaa kan dhibbootaan lakkaawwaman kan keessati hidhamanii turan manni hidhaa Qilinxoo edda gubate gara turban tokkoo ta’uufi.

Finfinnee irraa kiiloo meetiroota muraasa irratti kan argamu manni hidhaa Qilinxoo hidhamtoonni keessatti argaman eenyu faa akka ta’an waan beekamuuf towwannaa humna Wayyaanee kan wal irraa hin cinne jal;a kan jiru ta’uun isaa wal nama hin gaafachiisu. Kana jechuun ammoo waan naannoo mana hidhaa Qilinxoo sanatti adeemu hunda bakka bu’oonni Wayyaanee ni beeku jechuu dha. Haa ta’u malee, gubannaa mana hidhaa kana ilaalchisee qaama akka mootumaa biyya sanaati uf waamuun ibsi ifaaf ifatti kenname hin jiru. Kun ammoo, hooggantoonni fi qabsaawonni siyaasaa kan uummanni keenya kabaja onnee irraa madeen hordofu, abdiidhaan eeggatuu fi ija jaalalaatiin ilaalu, hanga gaafa rasaasaan hidhamtooni ajjeefamanii fi manni hidhaa abiddaan akka gubatu taasifamutti achi keessa akka jiran beekaman hundi isaanii lubbuun jiraachuun isaanii uummatattis ta’ee maatii isaaniitti hin himamne. Karaa biraa garuu lakkoofsi namoota rasaasaanis ta’ee abiddaan dhumanii gara jaatamaa gahuu isaa maddeewwan odeeffaannoo gara garaa ibsaaniiru. Qaamni maqaa mootummaatiin uf waamu garuu namoonni tohannaa isaa jala turan lubbuudhaan jiraachuu isaanii ifa baasee himuu dadhabuun isaa yoo madaahaniiru illee ta’e miseensota maatii isaaniitti agarsiisuu diduun isaa “iccitii akkamii dhoksuufi laata?” gaaffii jedhu akka kaafnu nu taasisuu isaa irrayyuu waanti mana hidhaa sana irratti raawwatame hundi quba qabaannaa fi ajaja Wayyaaneetiin kan raawwatame ta’uu isaa agarsiisa. Kuni ammoo hooggantootni Wayyaanee nama-nyaattota ta’uu isaanii fi uummattoota humna qawweetiin uukkaamsanii bitaniif tuffi fi jibba cimaa akka qaban agarsiisa.

Kanaafuu, Addi Demookiraatawaa Oromoo fi Sochiin Demookiraasii fi Tokkummaa Arbanyoochi Ginboot 7 waamicha armaan gaditti ibsame kana ennaa dhiheessinu abdii qaamonni hunduu waamicha keenya haala gaariidhaan fudhataniitu waan isaan irraa barbaadamu hunda tassisu jedhu irratti hundoofneeti:

1. Biyya keenyaafis ta’ee uummata keenyaaf waan tolu fiduudhaaf qabsoo uummattoota Itoophyaatiin adeemsifamaa jiru haalan jabeessanii itti fufuudhaan sirna bittaa Wayyaanee hundee irraa buqqisuu malee filannaanni biraa hin jiru. Kanaafuu, Wayyaanee dhabamsiisuudhaaf tarkaanfiin walii galtee, waliif tumsuu fi waliin dhaabbachuu kan uummattoota Itoophiyaa jidduutti calqabame jabaatee itti fufuu qaba. Waliin dhaabbachuu uummattoota keenyaa jechuun Wayyaaneedhaaf badii waan ta’eef calqaba walii galtee kana booressuudhaaf yookii ammoo laaffisuudhaaf Wayyaaneen tarkaanfiiwwan fakkeessuu iratti hundaawan tokko tokko fudhattee yeroo bitachuudhaaf yaalii gochuun ishii ni mala. Tarkaanfii fudhachuu dandeessuu keessaa: ummata tokko isa tokko irratti kakaasuu, akka dhiheenya kana maddeewwan sab-quunnamtii tokko tokkoon dhagahame ammoo gaaffiiwwan uummataan dhihaatan keessaa kan murtaawan “gaaffiiwwan sirrii dha deebii argachuu qabu” jechuudhaan jijjiirama xixinnoo wayii gooneerra jettee uummata geeddarama hundee qabu fiduudhaaf kutatee ka’e deebi’ee akka taa’u taasisuu, namoota karaa adda addaatiin beekamoo ta’an tokko tokko malaan qabachuudhaan maqaa “araaraa buusuu” jedhuun uummata qabsoo eegalee fi mootummaa Wayyaanee jidduutti walii galteen akka taasifamuu yaaluu fi tarkaanfiiwwan biraas kan uummata qabsoo irraa akka duubatti deebi’u taasisan akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Tarkaanfiiwwan Wayyaanee kuni garuu, hunda caala mirga abbaa biyyuummaa koo fi bilisummaa koon gonfachuu barbaada jedhee uummata kutatee ka’e, kaayyoo ka’eef bakkaan gawuudhaaf ammoo wareegama lubbu baay’ee kaffale duubatti deebisuu hin qabu jenna. Walumaa galatti Wayyaanee taayitaa irraa buusanii sirna demookiraasii dhugaa ijaaruun kaayyoo keenya kan filannaa biraa hin qabne waan ta’eef qabsoo keenya jabeessinee itti fufuudhaan Wayyaanee dhabamsiisuu irratti akka xiyyeeffannu hubachiisuu barbanna

2. Sirni Wayyaanee amala ittiin beekamu keessaa inni guddaan ummata tokko diina uummata biraa fakkeessee dhiheessuudhaan uummattoota gara garaa jidduutti wal amanuu fi waliif galuun akka hin jiraanne taasisuu dha. Mala kana ammoo Wayyaaneen uummattoota teessumni lafa isaanii wal daangessu kan akka uummata Oromoo fi uummattoota Kibba Itoophiyaa tokko tokko, uummata Oromoo fi uummata Sumaalee fi KKF jidduutti itti gargaaramteetti. Wayyaaneen kana kan taasiftes ofuma shiitiif jidduu deemtee lolli daangaa uummattoota lama jidduutti akka dhalatu taasisuudhaan harka lafa jalaatiin ammoo isa tokko meeshaa waraanaa hidhachiiftee namoonni qulqulluun akka wal ajjeessanii diina walitti ta’an taasisuudhaani. Edda sana gooteen booda ammoo araarsituu uf fakkeessitee jidduu seenuudhaan ilaalcha yoo Wayyaaneen taayitaa mootummaa irra jiraachuu baatte “biyyi nagaadhaan jiraachuu hin dandeessu” ilaalchi jedhu akka jiraatu taasisuu yaalaa turte. Hooggantootni Wayyaanee har’as kana hin godhan jechuun waan hindanda’amneef uummattootni keenya itti dammaqanii akka ilaalan hubachiisuu barbaanna. Keessumaa ammoo waggoota digdamii-shanan darbaniif taayitaa mootummaa gara garaa fi hojja dhuunfaa gargaarsa mootummaa qabu irratti bal’inaan bobba’anii kan turan miseensonni fi deeggartoonni Wayyaanee komii daandii sirrii ta’een isaanitti dhihaatuuf hiika dhugaa hintaane kennuudhaan sochiiwwan uummattootni Ittoophiyaa sirna Wayyaanee balleessanii bilisummaa gonfachuudhaaf taasisan “jibba uummata Tigree” irratti kan hundaaye fakkeessuu akka yaalaa turan hubatameera; qabsoo amma gaggeeffamaa jirus jibba uummata Tigray irratti kan hundaaye fakkeessaa akka jiran ni beekama. Hooggantootni Wayyaanee kana biras darbanii deemuudhaan yoo isaan taayitaa irra jiraachuu baatan uummatni Tigraay rakkoo guddaa keessa akka seenu (kana jechuun, yakki isaan amma uummattoota biyyittii biraa irratti raawwachaa jiran gaafa isaan taayitaa irra bu’an uummata Tigraay irratti kan raawwatamu) taasisanii sodaachisaa jiru. Dhugaan jiru garuu kana irra baay’ee fagoo dha. Uummatni Tigraay hooggantootni Wayyaane har’a mootummaa qabatanii biyya bitaa jiran otoo hin dhalatiin (otoo hin jiraatiin) ummattoota Itoophiyaa biraa wajjin biyya waliinii tokko keessa jaalala, obbolummaa fi walkabajuudhaan jiraachaa akka ture beekamaa dha. Yakka hooggantoota Wayyaaneetiin waggoota digdamii-shanan darbaniif raawwatamaa turetu uummattoota keenya addaan baasee akka ija wal shakkuu fi ija jibbaatiin wal ilaalan taasise malee uummattootni Itoophiyaa kamiyyuu kaabaa amma kibbaatti, bahaa amma dhihaatti, walakkeessa biyyaatii amma daangaatti akka diinaatti wal ilaalanii hinbeekan. Badii Wayyaaneen amma adeemsisaa jirtu irraan kan hafe qaamnumti (dhaabnumti) siyaasaa kamiyyuu ammoo uummata tokko akka uummataati diina uummata biraati jedhee hin beeku. Qabsoon amma naannoo Oromiyaa fi Amaaraa akkasumas naannoowwan biyyittii biraa keessatti adeemsifamaa jiru uummattoota Itoophiyaa hunda, ummataa Tigraayis dabalatee, sirna ukkaamsaa fi cunqursaa Wayyaanee jalaa bilisa baasuuf kan gaggeeffamuu dha. Qabsoon uummata Oromoo inni ji’oota kudhan lakkofsises ta’ee qabsoon uummata Amaaraa deeggarsa dhalattoota Tigraay tokko tokko kan argateefis xiyyeeffannaan isaa akka hooggantootni Wayyaanee fakkeessuu yaalan sochii jibba uummata Tigraay irratti hundaaye ijaa hin taaneefi. Kanaafuu, qabsoon adeemsifamaa jiru qabsoo haqaa kan uummattoota Itoophiyaa hunda bilisa baasu waan ta’eef uummata cunqurfamaa Tigraay dabalatee uummattootni biyya Itoophiyaa hundiyyu qabsoo bilisummaadhaaf taasifamaa jiru irratti akka qooda gahaa ta’e fudhatan irra deddeebinee waamicha waliinii dhiheessina.

3. Waantota guyyaa guyyaadhaan raawwatamanii fi odeeffannoowwan dhagahaman irraa akka hubannutti biyyi keenya haala baay’ee nama yaaddessuu keessa jirti. Haala yaaddessaa ta’e kana gara tolutti geeddaruu yoo dadhabne ammoo, kan biraa hafnaan jireenyi biyyittii mataan isaayyuu yeroon itti gaaffii keessa galu fagoo ta’uu dhiisuu danda’a. Badii biyyaa kana yaalii qaama tokkoo duwwaadhaan hambisuun waan hindanda’amneef qaamonni “dhimmi biyya sanaa nu ilaala” jedhan hunduu qooda isaan irraa eegamu fudhachuu qabu. Yeroo murteessaa ammaa kana dhaabbileewwan mootummaa gara garaa keessa muudama siyaasaatiinis ta’ee ogummaa saaniitiin tajaajila kennaa kan jiran hojjattoonni mootummaa, akkasumas loltoonni kutaaleewwan ittisa biyya gara garaa keessa jiran qaamota dhimmi biyya kanaa ilaalu keessatti akka ilaalaman wal nama hin gaafachiisu. Kanaafuu, yeroo ammaa kana qaama mootummaa Wayyaanee keessatti siyaasaan muudamuudhaanis haa ta’u ogummaa barumsa keessaniin argattaniin sadarkaa itti gaafatamummaa gara garaa qabattanii hojjachaa warri jirtan, miseensota ittisa biyyaa akkasumas miseensota poolisii warri taatan hundi, mootummaan tajaajilaa jirtan kuni biyya keenya gara badii guddaatti gaggeessaa akka jiru hubattani mooraa seenaa dogoggoraa keessaa baatanii qabsoo uummattootni biyya keenyaa bilisummaadhaaf taasisanitti akka dabalmtan waamicha keenya isiniif dhiheessina. Yakka uummata bilisummaadhaaf qabsaawaa jiru wajjin akka hin dhaabbanne isin taasisu amma hin hojjannetti ammo, balballi qabsoo bilisummaa isiniifis banaa ta’uu isaa akka hubattan barbaanna.

4. Dhaabonni siyaasaa sirna Wayyaaneetiin mormitanii fi mirgi demookiraasii fi bilisummaa uummattoota Itoophiyatiif akka kabajamu daandii adda addaatiin qabsoo gaggeessa jirtan, waggoota digdamii-shanan dabraniif haala bibittimeen qabsoon gaggeessaa turre bu’aa barbaannu akka nu hin argachiifne yookii ammoo bakka gahuu barbaannun akka nu hin geenye hubattaniittu jenneetu amanna. Hinjifannoo argachuu barbaannu argachuudhaafis ta’ee iddoo gahuu barbaannu qaqqabuudhaaf walitti dhiyaanne wal mari’anne akka gurmuu cimaatti walin hojjachuun baay’ee barbaachisaa dha. Kanaafuu, kopha kophaa deemuu dhiifnee akka gurmuu cimaatti qabsoo gaggeessuu akka dandeenyuuf dhaabota sirna Wayyaaneetiin mormuudhaan beekaman walitti fiduudhaan walii galtee dhaabota demookiraasiidhaaf falman hammatee fi hundee bal’aa qabu tokko ijaaruudhaaf tarkaanfii calqabamee akka waliin taanee baldhifnu waamicha keenya isiniif dhiheessina.

Bilisummaa fi haqa uummata hundaaf!!
Adda Demookiraatawaa Oromoo fi Sochii Demookiraasii fi Tokkummaa Arbanyoochi Ginboot 7

Fulbaana 2016.

Comments are closed.