December 10, 2018

Ibsa Koree ADO_Nov 29, 2018

Official ODF Logo

Ibsa Koree Giduu Adda Demokiraatawaa Oromoo Koreen gidduu Adda Dimokiraatawaa Oromoo walgahii addaa November 28-29 Finfinneetti qabaatee jira. Walgahii kana irrattis, imala qabsoo bilisummaa Oromoo kan waggoota shantaman darbee fi bakka har’a qabsichi irra ga’e gad-fageenyaan eega xiinxalee booda, lallaba kana baasuudhaan xumurame. Yaa saba Oromoo fi humnoota politikaa Oromoo! Bakka qabsoon bilisummaa Oromoo har’a irra jiru dur-hin jirre (unprecedented) ta’uu irratti yoo wal hubannoota cimaa qabaanne malee carraa waggaa dhiibba afur booda amma argame qisaasuun keenya ni mala jennee soda guddaa qabna. Kanaaf, namnii fi murni politikaa Oromoo hundi fi ilmaan sabichaa bal’aan, dhugaa ja’aan itti aansinee tarreessinu irratti…